'Wanti imaltoota Eertiraa mudate rakkoo teekinikaati' - ET

Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EthiopianAirlines

Imaltoonni Ertiraa karaa interneetaatiin dursanii dhimma imala isaanii mirkaneeffachuu (Check-in) gochuu kan hin dandeenyeef sababa rakkoo tekinikaa yeroof mudate akka ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa beeksise.

Tibba kana Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa imaltoota paaspoortii Ertiraa qabatan kamiyyu karaa oonlaayin 'cheek-in' gochuu dhorkeera odeeffannoon jedhu miidiyaa hawaasummaa irratti bahuu hordofee, wanti muadate sababa rakkoo siistamaa (siistema) uumame ta'uu BBCf ibseera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ergaa karaa iimeeliin BBCf ergeen, imaltoonni Ertiraa karaa oonlaayinii cheek-in akka hin goones ta'e paaspoortiin Ertiraa tarree siistamaa keessaa baaseera jedhamuu isaa waakkateera.

Rakkoon yeroodhaaf ta'e kun kan uumame sirna TIMATIC jedhamu Waldaan Geejjibaa Daandii Qilleensaa Idil-addunyaa (ITA) fayyadamu waliin walqabateeti.

ITA-TIMATIC kun daandiiwwan qilleensaafi bakka-buutonni imalaa bakka qaqqabaniif, akkasumas imaltoota biyya tokkorraa kaanitti qaxxaamuraniif ragaa imalaa mirkaneessuuf sirna itti fayyadamanidha.

Odeeffannoon ITA-TIMATIC irraa dhiyaate guutuu kan hin taane waan ta'eef karaa interneetii dursa sirna mirkaneeffachuu irratti rakkoo yeroodhaaf ta'e uumeera jedheera.

Tajaajila isaa dijitaala gochuu ykn salphaatti karaa toora interneetaa kennaa akka jiru kan ibse Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, dhimmi imaltoota Ertiraa tajaajila imaltoota birootiif kan kennamurraa adda miti jedheera.

"Imaltonni hunduu interneeta seenanii cheek-in akka godhaniifi haalli mijataa akka isaaniif uumamu ni barbaadna," jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo ammaa kana rakkoo mudate kana furuudhaaf hojjechaa akka jiru kan hime Daandiin Qilleensa Itoophiyaa, imaltoonni Ertiraa dhiyeenya karaa oonlaayin cheek-in gochuu akka danda'an BBC ibsaniiru.

Dhimmi biroo imaltoonni Ertiraa kaasan Immigireeshiniin Itoophiyaa Ertiraanota dabalatee imaltoonni paaspoortii Afrikaa qabatan baayyeen yeroodhuma Finfinnee qaqqabanitti "Viizaa akkuma qaqqabaniin" isaaniif kennama jedhanis, imaltota Ertiraa garuu qoodeera kan jedhudha.

Kana ilaalchisuun Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa deebii BBCf ergeen imaltoonni Ertiraa yeroo Itoophiyaa qaqqabanitti viizaa argachuu akka danda'aniifi dursanii viizaa argachuun kan isaanirraa hin eegamne ta'uu ibseera.

Imaltoonni Ertiraa yeroo ammaa kana rakkoon mudachaa jiru rakkoo tekinikaa oonlaayin cheek-in waliin walqabate ta'uu himeera.

Kana biraa ammoo dhiyeenya kan dhimmi ka’aa jiru waa’ee daballii gatii balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Finfinnee fi Asmaraa gidduu jiruuti. Balalii sa’aatii 1 fi daqiiqaa 40 tti dhiyaatuf doolara kuma tokkotti dhiyaatu gaafatamaa akka jiran maamiltoonni komataa jiru.

Gatii tikeetii yeroo weerara koronaa dura jiruun wal bira qabanii madaalun kan ammaa baay’ee ol ka’e jedhanii yoo himatan, Daandii Qilleensa Itoophiyaa gama isaatin weerara koronaa booda gatii tikeetii irratti daballii gatii muraasa taasisuu isaa mirkaneessera.

Haa ta’u garuu, Daandii Qilleensa Itoophiyaa gatiin tikeetii weerara koronaa duraa deemsa tokkoof gatiin ture doolara 279 akka ture yaadachuun kan ammaa baay’ee akka hin jijjiiramne ibse.

Gatiin tikeetii haala yeroo fi teesson jiraachuu irratti hundaa’un ilaalcha gochuu akka danda’us ibseera.

 Daandin Qilleensa Itoophiyaa waggoota 75 darabaniif lammiilee Afrikaa walitti fiduuf hojjataa ture malee “Aftrikaanota irraa fayidaa hin malle argachuuf hin hojjatu” jechuun ibse.

Inumaayyuu daandiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaatif deeggarsa bulchiinsa fi teeknikaa kennaa akka jirus ibseera daandin qilleensa Itoophiyaa.

Daandin qilleensaa xayyaarota teeknolojii ammayyaa addunyaan bira geesetti dhimma bahuun tajaajila maamiltootaa sadarkaa isaa eeggate ardii Afrikaatti diriirsee hojjataa akka jirus ibseera.