Daa’ima guyyaa 15 kaasuu haadha haleellaa Gimbiin ajjeefamtee keessaa argamte

Daa'ima kaasuu haadhaa keessa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ayishaa Saayid kan dhalatte Kibba Walloo Aanaa Argobbaa keessattidha. Achitti haa dhalattu malee Wallagga Lixaa aanaa Gimbii ganda Tolee keessatti guddatte. Gara sana kan deemte bara 1990 yoo tahu daa’ima xiqqoo taateeti.

Ayishaan mana barumsaa hin galle, abbaa ishee hojii qonnaa irratti gargaartee jiraatti. Booda achuma ganda Tolee keessatti heerumuun ijoollee dubaraa lama deesse.

Waggoota afur booda ammoo mucaa durbaashee dhumaa deesse. Garuu akka haadholii kaanii yeroo daa’imni ishee jabaattee daa’imuu jalqabdu arguuf hin carroomne.

Ayishaan gaafa Sanbata duraa 11 bara 2014 A.L.I qe’ee isaanii keessatti namoota kaan waliin hidhattootaan yeroo ajjeefamtu daa’imni ishee dhalattee reefu guyyaa 15 guutti ture.

Ayishaan ganna 25 yoo taatu, harmeen ishee itti dhiyoo hin jiran. Deessees kunuunsa barbaachisu hin arganne.

‘’Dhalattootni Amaaraa naannicha jiraatan hidhattootaan waan sodaachifamaniif soda keessa jiraatu,’’ jedhan firrii Ayishaa seenaa ishee kana nuuf qoodan.

Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka dhahamu kan hin feene firri Ayishaa ollaa ishees turan.

Ayishaan haadha ijoollee sadii yoo taatu kan jalqabaa ganna jaha, kan lammataa waggaa afur fi kan sadaffaa kan guyyaa 15ti.

Sanbata gaafa Waxabajji 11 bara 2014 A.L.I ganama hidhattootni dhufanii Ayishaa fi dubartoota kaanis fudhatanii gara bakka caffee jedhamuutti geessuun ajjeesan jedhu namni odeeffannicha nuuf qoodan.

Ayishaan akkuma mucaa ishee hammattetti achumatti duute jedhan.

Haleellichi kan raawwate ganda Tolee iddoo shan dhalattootni Amaaraa keessa jiraatanittidha.

Mootummaa fi jiraattonni hidhattoota WBO kan mootummaan ‘’ABO Shanee’’ jedhee waamu haleellaa kanaaf itti gaafatamoo taasisanis, hidhattoonni garuu humnootuma mootummaatu raawwate jechuun qaamni walabaa akka qoratu gaafatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukaasni yeroo turetti humnootni nageenyaa mootummaa bakkicha hin turre. Dafaniis nuuf hin dhaqqabne jedhu namni BBCn dubbise.

Gaafa Dilbataa namootni haleellicha irraa oolan mana irra deemuun reeffa dubartootaa, ijoollee fi jaarsolii argan funaananii awwaalaa akka turan dubbata.

Waan bosona Caffee jedhamu keessatti tahe garuu namni dhagahe hin turre. Booda naasuu guddaa uumera jedhan.

Guyyichuma gara sa’a torbaa keessa ‘’raayyaa ittisa biyyaan eegamne gara bosona Caffee deemne,’’ jedhu firri Ayishaa.

"Ayishaanis mucaashee ofitti akka qabatetti achumatti duuteetti. Dugda isheerradha rasaasaan kan rukutamte," jedhu firri Ayishaa kun.

"Ayishaa yeroo kaasnu mucaanshee lubbuun oolteetti yaada jedhu hin qabnu ture,’’ jedhan. Garuu akka afuurri keessa jiru argine jedhan. Amma daa’imni ishee kun harka fira Ayishaa akka jirtu himan.

Ayishaa waliin oboleettiin ishee wagga 14 akka ajjefamtes dubbatu.

Obboleettiin ishee hangafaas rasaasaan rukutamtee hospitaala Naqamteetti yaalamaa jirti jedhan.

Abbaanshee, abbaan warraa ishee fi ijoolleen ishee garuu lubbuudhaan oolaniiru.

Boqolloo keessa galanii lubbuun kan oolan ijoolleen ishee lamaan du’a haadha isaanii hubachuu hin dandeenye jedhan.

Akkuma Ayishaa haati Amiinaat Sayid jedhamtu tokkos daa’ima ji’a saddetii tokkoo dhiistee ijoollee ishee sadii waliin ajjeefamteetti.

Amiinaat ganna 5 yoo taatu, ijoollee ishee kan jalqabaa ganna 10, torba fi afur tahan wlaiin man ishee keessatti ajjeeffamte.

Daa’imni ishee ji’a saddet tahes madaa’eti an lubbuun oole.

‘’Reeffa funaanuuf mana bannee yoo gallu hunduu kufeera. Haadha gaafa kaasnu daa’ima ishee ji’a saddetii lubbuun arganne,’’ jedhan namni ijaan argan.

Daa’imni kun yaala argahuun amma gara manaatti deebiteetti.

Namni ijaan argan tokko akka jedhutti miidhaan irra gahe balaaf kan ishee kennu miti.

Maatii AMiinaa keessaa lubbuudhaan kan oolan abbaa warraa ishee fi mucaa isaanii ganna 15 tahe qofaadha.

Kana qofaa osoo hin taane haati Haliimaa Saadiq jedhamanis dahanii gaafa guyyaa saddeettafaa ajjeefaman jedhan namni ijaan arge.

Aanaa Gimbii ganda Tolee safara Siilsaw jedhamu keessatti namootni 120 ajjeefaman isaan keessaa 97 kan tahan dubartoota tahuu himan.

Mootummaan Itoophiyaa lakkoofsa namoota ajjefamanii hagam akka tahan hin ibsine.

Amma naannicha humni raayyaa ittis abiyyaa,poolisiin human addaa Oromiyaa fi federaalaa bobba’aniiru.

Ajjeechaa ganda Tooleetti qaqqabe

Ajjeechaan kun Sambata duraa Waxabajjii 11, 2014 Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii ganda Toolee gooxiiwwan Guutuu, Carqosaa, Silsaawu, Baganee, Caakkaa Safar fi Haaayyaaw jedhamanitti yoo ta’u, haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin namoonni 300 caalan ajjeefamuu namoonni ijaan argane jedhan himan.

Mootummaan lakkoofsa namoota ajjeeefamanii hin ibsine, namoonni ijaan argine jedhan fi miidiyaaleen lakkoofsi namoota ajjeefamanii 500 ol ta’a jedhu.

Asooshetid Pirees Waldaa Amaaraa wabeeffachuun akka gabaasettimmoo amma kaleessatti namoonni 503 ajjeefamaniiru.

Kaartaa magaalaa Gimbii

Amma yoonaatti namoota barbadan barbaadun kan itti fufe yoo ta’u, lakkoofsi namoota ajjeefamanii guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu namoonni ijaan argine jedhan himaniiru.

Namni ijaan argine jedhan jiraataan mandara Silsaawu kaleessa ‘’reeffi namoota afurii dabalataan argame’’ jechuun BBCttti himan.

Namoonni ijaan argine jedhani fi mootummaan haleellicha hidhattoota mootummaan ‘’Shanee’’ jedhuun, Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jedhu.

Waraana Bilisummaa Oromoo gama isaatiin haleellaa sana humnoota mootummaatu qaqqabsiise jechuun haleellicha qaqqabsiisu waakkate.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen, hidhattoonni isaa namoota nagaa akka hin haleelle fi Gimbitti hidhattoota mootummaa al-idileetiin akka raawwatamee, haleellichi akka qoratamu gaafate.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishinarri Mirga Namoomaa haleellichi wayita qaqqabe namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne butamanii fudhatamuu ibsuun, mootummaan Itoophiyaa dhimma haleellaa kanaarratti saffisaan qorannoo bal’aa akka gaggeesse ibsu gaafate.

Komishinichi ganda Tooletti iddoo haleellaan itti qaqqabetti ta’ii sana namootni ijaan argine jedhan dubbisuu eeruun, harka caalu daa’immaanii fi dubartoonni ajjeefamuu fi manneen gubachuuchuun akkasuma namoonni 2,000 ta’an qe’eesaaniirraa buqqa’uu hime.

Paartileen mormitootaa, dhaabbileen mirga namoomaaf falmani fi qaamoleen biroos halleellaa kana balaleeffachuun mootummaan nageenya lammilee akka eegsisu gaafatan.

Haleellichi qaqqabee guyyoota shan booda Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa keessatti bakka buutoonni Warraaqsa Uummata Amaaraa/ABIN dhimmi haleellaa sun akka ajandaa mariitti akka qabamu gaafatanillee fudhatama dhabuusaatiin yaa’icha addaan kutanii bahan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaan Wallagga Lixaa fi Gambeellaatti qaqqabe qoratee akka dhiyeessu ajajeera.