ABO-WBO mariin nagaa Mootummaan WBO Zoonii Giddugaleessaa waliin taa'u 'karoora fashale' ta'uu ibse

Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalliis Abdiisaa qaama WBO kan Zoonii Giddugaleessaa waliin marii nagaa gochuuf qophii ta'uu ibsan.

Obbo Shimallis yaada Kamisa galgala fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa qoodaniin WBO Zoonii Giddugaleessaa amma dura marii nagaa mootummaa waliin gochuuf fedha qabaachuu isaa ibsee akka ture himaniiru.

''Gareen kun fedhii isaa gochaan agarsiisuuf murannoo qabaannaan, mootummaan keenya akkuma waadaa galee karaa dheeraa deemee simachuun, marii nagaatiif qophii ta’uu kan mirkaneessu ta’a'' jedhan pirezidantichi.

Ajajni Olaanaa ABO-WBO gama isaan ibsa Jimaata, Onkololessa 11/10/2024 baaseen ''hogganni Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Gidduu Galeessaa ji'a torba dura nama biraatti dabarfameera'' jedhe.

Akka ibsa qaama hidhattoota hoogganu kanaatti qaamni mootumaan waliin marii gochuuf fedha qabaachuu ibsu nama dhuunfaa waraana hoogganu of jalaa qabu miti.

Torbanoota dura BBCn ajajaa duraanii WBO Zoonii Giddugaleessaa kan ta'e Obbo Sanyii Nagaasaa waliin gaaffiifi deebii wayita taasisu, qondaalli kun ''ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaaban beeksisee ture.

Tibba miidiyaalee birootiifis ibsa kenne kana dursee ammoo hooggansi WBO duraanii kun, mootummaa waliin hariiroo tolfachaa akka ture, darbees karaa nagaa mootummaa wajjin hojjechuuf harka mootummaa galuunis gabaafamaa ture.

Ammoo wayita gaaffiifi deebii BBC waliin godhu ''ammatti hariiroon uumame hin jiru'' jechuun ibsee ture.

Fulbaana 27/2024 hogganaan duraanii Zoonii Giddugaleessaa WBO wajjin hojjechuu dhabuu erga ibsee torban lama boodha mootummaan garee kana waliin marii nagaa gaggeessuu akka danda'u ifatti ibsaa kan jiru.

Pirezidant Shimallis WBO Zoonii Giddugaleessaa jedhan malee hooggana marii kana waliin gochuuf yaadame hin ibsine.

Pirezidantiin ibsa isaanii keessatti ''mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif haalota jiruufi jireenya isaanii deebisanii gadi dhaabbachuufi hawaasatti madaquuf isaan barbaachisan hunda mijeessuu cimsee kan itti fufuudha'' jedhaniiru.

Ajajni Olanaaa ABO-WBO, ''ji`oota muraasa dura, dhimmoota naamusaa jajjaboo irratti qorannoo dheeraa erga godhee booda, hogganni ABO-WBO namoota dhuunfaa hoggana WBO zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa keessa turan muraasa irratti, tarkaanfii naamusaa fudhatameera'' jedhe.

''Namoonni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame kun, duraan humnoota Bilxiginnaa fi aangawoota Rayyaa ittisa biyyaa waliin dhoksaan wal quunnamaa turani.''

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa ''gama keenyaan Zooniin Giddugaleessaa mootummaa waliin haasa'us hin jiru. Mariin jalqabes hin jiru. Zoonii Giddugaleessaa kan hoogganu Jaal Abdii Dhugaati'' jechuun BBCtti himan.

Abdii Dhugaa marii nagaa irraa haasa'amaa jiru quba hin qabus jedhan.

Mootummaan kan gochuutti jiru gargar qoodee kaayyoosaa galmaan gahuufi jechuunis dubbatan.

Ibisi dhaabichaa ammoo ''waraaanni namoonni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame kun hogganan homtuu hin jiru'' jedheera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, fedhii marii nagaa gareen “WBO Zoonii Giddugaleessaa” ofiin jedhu agarsiise daran kan jajjabeessufi haala dandeessisoo milkaa’ina marii kanaaf barbaachisan hunda ni uuma jedha ibsichi.

Dabaluunis ''garaagarummaa jiru karaa nagaa hiikuuf qophii ta’uu isaa'' akka mirkaneessan Pirezidanti Shimallis beeksisan.

''Fedhii marii nagaa tibba kana garee “WBO Zoonii Giddugaleessaa” ofiin jedhu biraa muldhate milkaa’inaan akka goolabamuuf nuwaliin akka dhaabbattan'' jechuunis waamicha godhaniiru.

Ajajni Olaanaa ABO-WBO ibsa mata duree ''Bilxiginnaan Kaardii Harkatti Gubate Gangalchuu Itti Fufeera'' jedhuun baase keessatti mootummaan marii akka gaggeessu kan himaa jiru hoggana duraanii amma isaan waliin jiru akka ta'e eereera.

Dhumarrattis ''har`a immoo Shimalis Abdiisaa sududaan koottaa galaa, isin eegaa jirra jedheera. Carraa gaarii hawwinaaf'' jedha.