'ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'- Sanyii Nagaasaa

Ajajaan WBO Zoonii Giddugalaa duraaniifi miseensa koree hojiraawwachiiftuu waraanichaa kan ta'an Sanyii Nagaasaa ''ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaaban beeksisan.

Ibsi Fulbaana 25, 2024 WBO Zoonii Giddugalaan qophaaye jedhame fi miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'aa ture, waraanichi seeraafi heera akka hin qabneefi sirna nama tokko akka ta'e ibsuun, miseensonni isaa ajaja Olaanaa dhaabichaaf akka hin taliigamne beeksisee ture.

Ajajaa olaanaa WBO fi hooggansa sadarkaan jiru gidduu keessumaa ammoo kan Zoonii Giddugalaa gidduu dhibdeen dhalachuun erga gabaafamuu eegalee bubbuleera.

Ajajaan Olaanaa waraanichaa Marroo Dirribaa fi kan Zoonii Giddugalaa Sanyii Nagaasaa gidduu dhibdeen jiraachuunis himamaa ture.

Akkasumas torbanoota darban ammoo gabaasaaleen Sanyii Nagaasaa karaa nagaa qabsaa'uuf mootummaatti harka kennachuun galaniiru jedhanis dhagaahamanii ture. Sanyiin garuu himannaa kanas ni haala.

Ajajaan zoonii gidduugalaa duraanii, Sanyii Nagaasaa ibsa Fulbaana 25, 2024 Zoonii Gidduugalaarraa baheen walqabatee akkasuma gaaffiilee biroo dhiyaataniif deebii kennaniiru.

Mootummaa waliin hariiroo uummachaa jiraachuu walqabatee gaaffii BBCrraa dhiyaateef ''ammatti hariiroon uumame hin jiru'' jechuun deebiisan.

Ammoo WBO fi hooggansa olaanaa waraanichaarratti himannaawwan adda addaa dhiyeessan.

BBCn himannaawwan dhiyaatan kannen ilaalchisee WBO maqaa qabsoo Marroo Dirribaan hoogganamurraa deebii argachuuf yaaliin goone ammatti kan nuf hin milkoofne yoo ta'u, yeroo kamiittuu yoo yaada nuu kennan kan keessummeesinu ta'u ibsuun gabaasni kunis yaada Obbo Sanyii Nagaasaa akkuma isaan dubbataniitti akkasiin dhiyeessa.

Gaaffii: Ibsi zoonii Giduugalaa WBO Fulbaana 25 bahe qabiyyeensaa maali?

Deebii Obbo Sanyii: WBO Ajaja Olaanaa ABO-WBO jedhamee erga ijaaramee seerriifi heerri, qajeeltoon ijaarame nama tokko irratti kan hundaa'e ture.

ABO-WBO jedhee kan muudame sun...seerris isumaa, heerris isumaa, dhaabnis isumaa...feedhii dhuunfaa isaa gara seeraatti deebifnaa laata jennee waggoota hamma kanaa harkisuutti turre. Haata'u malee guyyaa gara guyyaatti kufaatii malee wanti biraa hin dabalamne.

Akkataa kanaatiin WBO hidhatee bakka garaagaraatti lolu sun gara sirna dhabdummaatti oofame. Heeraafi seerri ni dhabame. Heerris namuma tokko ta'e, seerris namuma tokko ta'e. Heeraan wal-taliiguun ni dadhabame. Erga heeraan wal-taliiguun dadhabamee booda WBO gara saamichaa, gara badii dalaguu qarqaratti deeme.

Akkaataa kanaatiin hin deemna yoo jennemmoo dhaaba miiitii afooshaanuu seera ittiin bulmaata aqaba. Yoo qabachuu baatte ammoo ishiinuu hin diigamti.

Waan baayyee yaallee, waan baayyee bira dabarree, yeroo lamaa sadii koras akka tolfachuu goonee. Kora tolfanne sana keessatti gara heeraafi seeraatti deebina jennee ture. Ajaja olaanaa jedhamee mataa dhaabichaa kan ta'e ni dhaadata, dirree qulqulleessees hin baasaa, akkan ani jedhutti yoo deemuu baattan, kaniin ani jedhu yoo fudhachuu baattan jechuun dhaadannootu jira.

Sodaa namaaf osoo hin taane qabsoo waggootaa uummatni kun dhiiga itti dhangalaase, qabsoo uummatni kun jiruufi jireenya itti dhabe maal taatii kan jedhuun nama kanaaf akkamalee obsuutu ture, dhiisuutu ture.

Bona darbe caasaa wayii akka tolfachuu goone. Miseensota akka gumii hojii raawwachiiftuu fi miseensota akka gumii sabaas, koree seeraafi to'annos ijaarre. qondaalota akki itti filanne garuu seeraaf heera waliin wal hin qabatu. Miseensiifi uummatni si gaafata.

Isa miseensiifi uummatni si gaafatu ajaja olaanaa ni gaafatta yoo taate kan si eeggatu du'a. Taappellaatu sitti maxxanfama. Kanaaf seeraafi heera cabsinee qondaalota filanne.

Yeroo sanuu dhimmi tokko irratti wal lolaa ture dhimma heeraati. Heeraafi seera hin qabnu heera kam gubbaa dhaabanna kan jedhu mormii lamatu ture. Inni tokko heera bara 2017 kora sabaatiin tumame san haa maxxanfannu kan jedhu ture.

Ajajaa olaanaan kun garuu heerri bara 2017 maxxanfame sun heera diyaasporaan walitti yaatee maxxanfatte waan taateef waraanaafiyyuu hin hojjetu nuun jechaa ture.

Inni biraan maqaa ajaja olaanaa jedhu sun heeraafii seera keessa hin jiru. Kanaf mee maqaan kun hayyu duree dhaabaa fi itti-aanaa hayyu duree dhaabaa kan jedhuun bakka haa bu'u kan jedhu ture. Jennaan lolatu ture gaafa sanas. ''duguugeen dirreedhaa isin baasa, akkanan isin godha, akkanan isin tolcha kan jedhutu ture. ''

Dhugaa dubbachuuf waan dirree jiru, waan lafa jiru uummatas dhuksuun hin danda'amu, sodaadhumarraa kan kaane tole haa ta'u jennee bira dabarre.

Amma ajajni olaanaa kun aangoonsaa kan daangaa qabu miti. Qaama quunnamu qunnamuudhaaf marii isa hin barbaachisu. Abbuma barbaade waliin waliigaltee godha.

'Har'aan booda ABO-WBOn bakka nu hin bu'u'

Rakkoolee dhalatan seeraaf heeran furuun ni dadhabame. Ijoolleen dirreetti dhiiga wal dhangalaasuutu ta'e, dhiiga wal-dhangalaasuun dhalate.

Hooggaa nama kanaatiin ijoolleen dhiigni dhangala'e kan gara Dhiyaa, yoo dacheen Dhiyaa lakkaa'e malee namni lakkaa'uu hin danda'u. Sadarkaa itti namni ajjeefamee, fanniifamee ijoolleen akka ishiin walitti naannofte itti sirbiturra gaheera.

Dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabnedha. ABO-WBO waliin akkaataa kanaatiin socho'uus hin dandeenyu badii inni dalagus isa faana raawwachuu hin dandeenyu. Boru itti gaafatamni seeraas, gaafatamni seenaas hin jira.

Akkataa kanaatiin dhaaba nam-tokkee waliin hojjechuu hin dandeenyu jennee ibsa baasneerra.

Aadaa fi duudhaa uummata Oromoo eegnee uummaticha keessa sochoona. Kanarra kan darbe seeraan itti gaafatamuu danda'uu qaba. Sii achi uummata Oromoo, WBO bakka garaagaraa jiru waliin yeroo gabaabaa keessatti mariyannee hooggana waloo filanna. Har'aan booda ABO-WBOn bakka nu hin bu'u, sirni inni baase hunduu bakka nu hin bu'u.

Gaaffii: Erga ABO-WBOn bakka nu hin bu'u jettanii, isaan waliin hin tarkaanfannu jettanii kophaatti baatumoo, adeemsa mootummaan qabate, karaa nagaadhaan galaa jedhu hordoftu?

Deebii Obbo Sanyii: Ajajni Olaanaa jettanoo eenyu?

Dhimma maqaa kana irratti ammaan duras wal saaxiluurra, maqaa walballeessuurra jennee gangalchaa turre. Gabaabaatti garuu Oromoon hundi kan beeku, WBOs kan beeku, maqaa dhahuun nama haa rakkisu malee Ajaja Olaanaa kan jedhu namuma tokko. Namichi jedhamus Marroodhuma.

Namni hunduu karuma isaatiin deema, murteedhuma isaatiin deema. Kana malee murtoo waloo, hooggana waloo wanti jedhamu hin jiru.

Kanarraa kan hafe ammoo isa waliin qabsoo itti fuftuu kan jedhameef ammoo gunkumaa akka itti hin fufne jala sararee dubbachuun barbaada.

Ajaja olaanaa kanaan kan raakkachaa jiru, kan gubachaa jiru Zoonii Gidduugalaa kana qofa osoo hin taane, zooniiwwan hunda keessatti ibiddi inni qabsiise laboobnisaa qabachaa jira.

Zoonii Dhiyaa keessatti waraanni bakka meeqatti citee akka jiru hunduu ni beeka. Bakka hundayyuu laboobumatu jira. Wal waraansi kun Ijoollee wal ficcisiisuun kan jalqaba daangaa Sudaan irraa kaaseeti. Inni kun as citaa, achitti citaa dhiiga wal dhangalaasuufi lafee cabsuun jira. Rakkoon kun sadarkaa keenyas gaheera.

Gaffii: Karoorri keessan itti aanu maalidha. Mootummaan karaa nagaa warra galaniif karri koo banaadha jechaa jira waan ta'eef kan itti aanu maali? Adduma of baaftanii qabsoo itti fuftumoo marii nagaatti dhufuudhaaf karoora qabdu?

Deebii Obbo Sanyii: Qabsoo fi karaa nagaa kan jedhurratti sagantaa siyaasa dhaabaa keessatti, ABO dhibdee mootummaa Itoophiyaa waliin jiru karaa nagaa furuudhaaf yeroo hundayyuu ni carraaqa jedha. Durayyuu sagantaa siyaasaa keessa taa'eera.

Mootummaan nu waliin haasa'uudhaaf qophii yoo ta'e akkuma sagantaa dhaabichaattin WBO mootummaa Itoophiyaa waliin rakkoo furachuudhaaf balballisaa banaadha. Kan keenyas banaadhaa, mootummaan balbalaasaa ni bana taanaan karaa nagaa mootummaa waliin haasa'uudhaaf qophiidha.

Kanammoo nutu ibsa baasa osoo hin ta'iin, sagantaa dhaabichaa gubbaa jira. Akkamitti mariyanna, eessatti mariyanna, eenyu waliin mariyanna, qaama kamtu mariisanarratti qooda fudhata kan jehdu yeroodhuma marichi eegalu irratti haasofna.

Gaaffi: Ammatti mootummaa waliin hariiroon jalqabdan jiraa?

Deebii Obbo Sanyii: Ammatti mootumaa waliin qunnamtiin jalqabne hin jiru.

Gaaffii: Bakka WBO socho'u keessatti komiiwwan hedduun ni ka'u. Nama ukkaamsanii maallaqa gaafachuu, dirqisiisanii gudeeduu, ajjjeechaan hedduun raawwatama. Kana ifatti uummatatti baasanii himuuf isin hin barfannee?

Deebii Obbo Sanyii: Barfachuu barfateera. Wanti isin asirratti hubachuu qabdan, qabsoon kunerga eegalee har'a waggaa 51 lakkoofsiseera. Kana keessatti uummatni Oromoo wareegama hedduu kaffale, jiruufi jireenya itti dhabe, dhaaba kana keessatti rakkoon akka kanaa kun irra deddeebiin dhalatee, dhaabni kun fottuquun uummata kana qunnamaa ture, kana keessatti uummatni Oromoo qorqalbiin hedduu du'uutti ture.

Barfateera, akka barfate quba qabna. Waan uummata Oromoorratti ta'e hundayyuu quba qabna.

Garuu maaliif obsine kan jedhu suni uummaticha koottu dirreetti bayi ni qabsoofna kan jedhu matuma dhaaba kanaati, kan qabsicha keessattis rakkina uumee, uummatichas rakkoo keessa galchu isuma.

Kan barfanneef keessoo keenyatti wal sukkuumnee, wal-qajeelchinee rakkoo kana tarii furannaa kan jedhuuni. Keessumaa bona kana gara ji'a lama, ji'a sadii hojii biraa osoo hin fudhatiin rakkoo akka kanaaf furmaata maayii tochuuf waan kana harkisuutti turre.

Yoo saaxillee uummatni Oromoo qorqalbii du'aa isa jedhuun harkifne. Uummatichi mootummaadhuma kaleessa itti dhukaasaa turettti akka galu kan godhe akkaataa sochii fi deemsa, namusaaf keenyatu uummaticha abdii mursiise.

Gaaffii: WBO keessatti humni zoonii giddugaleessaa bakka keessa toa'tu ykn loltoota qabuun hangami?

Deebii Obbo Sanyii: Ammatti waraana hanga kanaa qabna, bakka akka kanaa sochoona jedhanii isbuun seera waraanaa keessatti dhorkaa wanna ta'eef kana sii ibsuuf xiqqo rakkisaadha.