Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haaris duula filannoo jalqabaan Tiraamp cimsanii qeeqan, Tiraamp deebii kennan
Pirezedantii Itti-aantuun Ameerikaa Kamaalaa Haaris duula filannoo Pirezedantummaa isaanii jalqabaan Tiraamp cimsanii qeeqan.
Sadaasa dhuftuu abbaa alangaa duraanii fi yakkamaa keessaa tokko filattu jedhan Kamaalaan.
Abbaa alangaa waliigalaa kutaa bulchiinsa Kaalifoorniyaa kan turan Kamaalaan, namoota kuma sadii Wiskaansanitti walitti qabamanitti wayita dubbatan, morkataa paartii warraa Rippaabilikaanotaa Tiraampiin burjajessaadha erga jedhan booda, kanaan dura himannaa irratti dhiyeessanii akka turan fa'aa yaadachiisan.
Tiraamp dhimma daangaan walqabaturratti qeequun, miidiyaa hawaasaarratti ‘’Waanti isheen tuqxe hundi eebba hin qabu, ni manca’a’’ jedhan.
Jarri lamaan kan walqeequ hammeessan Kamaalaan deeggarsa qondaalota paartii Dimokiraatota gahaa kaadhimamtuu pirezedantii akka ta'anif haala mijeessu argachuu hordofeeti.
Dilbata darbe waaree booda, Pirezidant Joo Baayiden filannoo pirezedantummaa Ameerikaa fuuldura kana filatamu keessaa bahu beeksisuun, Pirezedantii Itti-aantuu Kamaalaa dorgommichaaf kaadhiman.
Baayiden Waxabajjii darbe gara xumuraa Tiraamp wajjiin wayita falman gahumsa gadaanaa agarsiisan jedhamuun qondaalota olaanoo Dimokiraatotaatiin qeeqni itti baay'achuu hordofee dorgommii keessaa bahan.
Baayidan dorgommii keessaa bahuu hordofee Kamaalaa Haaris sa’aatii 36 keessatti duula filannoof dolaara miiliyoona 100 ol walitti qabataniiru.
Yaada hawaasaa sadarkaa biyyattii Rooyitarsi fi Ipsos sassaabe akka agarsiisutti, Kamaalaan sagalee %2 Tiraamp dursaa jiru.
Haala kanaan Tiraamp sagalee deeggarsaa % 42 yoo argatan, Kamaalaan %44 argachuun dursaa jiru.
Haaris waltajjii mana barnoota sadarkaa lammaffaa handaara Milwaakiitti Kibxata qophaa’etti, akka Kaaliforniyaatti akka abukaatoo waligalaatti muuxannoo qaban kaasan.
''Namoota badii gosa kamiyyuu raawwatan seeratti dhiyeessaan ture. Warra dubartoota adamsanii qoccolan, burjaajeessittoota nama miliqsan. Gowwomsitoota bu’aa isaaniif jecha seera darban fa’aa'' jedhan.
‘’Yeroon Doonaald Tiraamp nama akkamii akka ta'e nan beeka isiniin jedhu na dhagahaa,’’ jedhan Kamaalaan.
Namoonni walitti qabamanii haasaa isaanii hordofaa turan ’’iyyanii, Kamaalaa!’’ jechuu eegalan.
Wayita maqaan Tiraamp dhahamu namoonni walgahiicharra turan hedduun ’’hidhaa buusi’’ jedhanii sagalee ol kaasanii dubbataa turan.
Miidiyaa dhuunfaa isaanii ‘Truth Social’ jedhamurratti Kamaalaan Pirezedantii Ittaantuu seenaa Ameerikaa keessatti hin jaalatamne ta’uu sagaleen hawaasa sassaabe akka agarsiisu maxxansan.
Kamaalaa haasaa isaanii keessatti dhimmoota kanneen akka to’annoo meeshaalee waraanaa, tajaajila ulfa baasuu, hiyyummaa daa’immaniin walqabatu fi tajaajila fayyaa waliigahuu fa’aa kaasan.
Kamaalaan akkas jechuun gaaffii dhiyeessaan; ''Biyya walabummaa qabdu, wal danda’uu fi olaantummaan seeraa keessa jirumoo biyya jeeqamtuu, sodaa fi jibbi keessa jiru jiraachuu barbaaddu?''