Chelsii v Maan Siitii: tapha akkaan eegamu kana eenyutu mo'ata?

Madda suuraa, Getty Images
Cheelsiin bara taphaa kanaan kilaboota tokko hanga afuriirra jiran wajjin taphatee hin mo'amne. Tapha Dilbataa Maanchistar Siitii wajjin qabu ni mo'amoo, irra aanee gala?
Tapaha Liivarpuul fi Arsenaal wajjin ture qabxii qooddateera. Tapha Wiixataa diraamaan guutameen ammoo qabxii sadii argachuun deebi'e.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Satan, "Cheelsiin taphattoota sagaliin kan morkate Totanihaam wajjin bu'a-qabeessa hin turre. Maan Siitii wajjin garuu carraa argatanitti fayyadamuu qabu," jedha.
Satan kana dabalatee taphoota torbee 12ffaa Pirimeer Liigii akkanaan tilmaameera.

SAMBATA
Wolvis v Totanihaam
Totanihaam tapha Cheelsii wajjin Wiixata taasisan irratti taphattoonni isaa lama kaardii diimaa dirreedhaa bahanis, falaasama isaa kubbaa otoo hin geeddarin taphate.
Taphichi 4 fi 1n obba'us, qixa tahee xumuramuufis carraan tureera.
Ispars taphattootasaa afur kaardii diimaa fi miidhamaan dhabus, haala taphaa hin geeddaru.
Woilvis ammoo torbanoota dabran keessa of fooyyeessaa jira. Kanaanis taphi kun walqixa goolabama jedha Satan.
Tilmaama Satan: 1-1
Arsenaal v Barnilee
Arsenaal Bukaayoo Saakaa fi Odegaard dabalatee taphattoonisaa kaanis miidhaarra jiru.
Taphattoonni lamaan kunniin jiraachuudhaa baatanis, kilaba taphoota arfan dabran irratti mo'aman Barnilee morkiin cimaa isaan hin eeggatu jedha xiinxalaan kun.
Barnilee taphoota dirreesaanii irratti taphatan jaha mo'amaniiru. Dirreen alattis seenaa gaarii hinqaban.
Tilmaama Satan 3 - 0
Kiristaal Paalaas v Evertan
Paalaas torban dabre ittisa bareedaa fi carraa argatetti fayyadamuun Barnileey irra aaneera.
Haala taphaa kilaboota lamaan kanaan, taphi kun morkii cimaa keessummeessa.
Akkuma bara dabree, taphi ammaa kunis goolii malee obba'a jedha xiinxalaan kun.
Tilmaama Satan: 0 - 0

Maan Yunaayitid v Lutan
Tapha Koppanhaagan gaafa Roobiin Maarkas raashford hanga kaardii diimaan dirreedhaa bahutti, Yunaayitid tapha gaarii taphachaa ture.
Luutan ammoo kilaba morkataa tahuusaa tapha torban dabre Liivarpuul wajjin taasiseen agarsiiseera.
Maan Yunaayitid tapha dorgommii idiladdunyaan dura qaban kana mo'uun isaanirraa eegama. Yoo mo'amanillee leenjisaa Erik Ten Haag ni hari'amu jedhee hin yaadu jedha Satan.
Tilmaama Satan: 2 - 1
Barnimaaz v Niiwukaasil
Niiwukaasil taphattoonnisaa miidhaman dabalaa kan dhufe ogguu tahu, tapha mirgaan itti galanidha.
Boorisiyaa Dortimandiin tapha Chaampiyoons Liigiin mo'amanis, Barnimaz taphattoota qabaniin ni injifatu jedhan Satan.
Jifataan Barnimaz duraanii Kaalam Wiilsan, goolii galcha jedheen amana.
Tilmaama Satan: 1 – 2

DILBATA
Aston Vilaa v Fulhaam
Fulhaam torban dabre sa'aatii dhumaarra goolii lakka'ameen Maanchistar Yunaayitidiin mo'amaniiru - taphattoota sarara fuulduraa isaaniirra gaaffiin qaban jedha xiinxalaan kun.
Aston Viilaan Notingihaam Forastiin mo'amuun isaanii na ajaa'ibus, dirreesaanii irratti gahumsa gaarii agarsiisu.
Tilmaama Satan: 2 – 0
Biraayitan v Sheefild
Biraayitan taphoota Awurooppaa taphatanirraa kan ka'e, taphattoonni isaanii dhiibbaa jala jiru.
Sheefild tapha kanaan ittisuu irratti xiyyeeffachuun gara dirree seenu. Tahus Biraayitan mo'ata.
Tilmaama Satan: 3 – 0
Liivarpuul v Bireentiford
Tapha kana tilmaamuun ni ulfaata jedha Kiriis Satan. Bireentiford gahumsasaatti deebi'uun isaa taphicha tilmaamuuf rakkisaa godha.
Morkii waancaa Liigichaa keessa turuuf Liivapuul tapha kana mo'achuun irraa eegama. Ammoo Liivarpuul dirreesaanii irratti bareeda taphachaa jiru.
Tilmaama Satan: 3 – 1
West Haam v Notingihaam Forast
Bara kana haala dansaan kan jalqaban West Haam, taphoota liigichaa afran dabran mo'amaniiru.
Forast ammoo dirreen alatti fooyy'aa jirus, West Haam ni mo'ata.
Tilmaama Satan: 2 – 1

Cheelsii v Maan Siitii
Taphataan Cheelsii Nikoolaas Jaaksan tarii hatriikii Pirimeer Liigiirra galmaa'an keessa isa hamaa jedhamu hojjetus, ofitti amanamummaa isaa ni dabala jedhee amana Kiriis Satan.
Injifannoon garichi galmeesses akka waliigalaatti ofitti amanuu isaanii dabala. Namuu tilmaamuu baatus, qabxii sadii galmeessuun deebi'aniiru.
Haa tahu malee taphi kun kan murtaa'u, haala taphaa Chelsiin odoo hin taane kan Siitiin. Maan Siitii taphattoonni isaa miidhaman jiraatanis, taphattoota bakka bu'an biroo waan qabuuf, sodaa itti hin tahu.
Taphataan kamuu dirree galus Siitiin galchii lamaan irra aana. Gaaffiin inni guddaan, Chelsiin goolii galchaa kan jedhudha.
Tilmaama Satan: 0 – 2












