Maan Yunaayitid tapha 'VAR to'annoon ala tureerratti' mo'amee gale

Kaardiin diimaa maarkas Raashfordiif ennaa kennamu

Madda suuraa, Getty Images

Koppanhaaganittti halkan jeequmsaan guutameen gooliiwwan torba, rukuttaa penaalitii lama, kaardii diimaa "taphicha geeddare", nama mormuuf dirree seenee fi goolii mo'annaa taphataa ganna 17 mul'ataniiru.

Garuu ammallee waa'ee VAR haasa'uuf dirqamneerra jedha gaazexeessaan BBC Ispoort Fiil Doowkas.

Taphi diraamaan guutamee fi magaalaa guddoo Denmaarkitti FC Koppanhaagan fi Maan Yunaayitid jidduu taphatame 4 -3'n obba'eera.

Teknooloojiin viidiyoo (VAR) kun taphoota guyyoota muraasaan dura ija uummataa keessa seenuun ijoo dubbii kan ture yoo tahu, tapha Roobii galgalaa Denmaarkittis murtee gurguddoo murteessuuf hojiirra ooleera.

Leenjisaan Yunaayitid Erik Ten Haag, kaardiin diimaa Maarkas Raashford erga taphataa Eliyaas Jelert takaalee booda kennameef "taphicha geeddare," jedhan.

Wayita taateen kun mudatu kanatti Maan Yunaayitid 2-0'n dursaa turan.

"Taphicha kallattiin nama ilaaluuf tasumaa kaardii diimaa miti," jedhe taphataan Maan Yunaayitid duraanii Pool Iskools.

Murteessaan jidduu Donaataas Rumsaas tapha kanaan marroo lama gara dhaattuu dirreetti monitara akka ilaalan kan waamaman ogguu tahu, yeroo lammanuu kubbaa harkaan tuqameef rukuttaa penaalitii kennaniiru.

Taphataan Yunaayitid duraanii biraan Owen Haargireevis, murtee kanaan "kan cimaa hin turredha," jechuun qeeqa.

Kaardii diimaa 'taphicha geeddarte'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunaayitidiif waanti hunduu haala bareedaan waan deemaa jiru fakkaata ture jedha barreessaan ispoortii BBC Fiil. Tarii daqiiqaawwan 25 kunniin, bara taphaa kana keessa isa gahumsa bareedaa itti agarsiisanidha jechuun ni danda'ama jedha.

Jifataan isaanii Raasmas Hooyiland goolii lama galchuun, Yunaayitid taphicha guutummaan to'annoosaanii jala galchanii turan.

Achii daqiiqaa 42 gubbaa waanti hin eegamne dhalate.

Murteessaan badii Raashford raawwate akka ilaaluuf gaafatame. Kubbaa bira ture tiksuuf jecha, haala hamaa fakkaatuun koronyoo Jelert irra ejjete. Daanyaan jidduus erga ilaalee hubatee duuba, kaardii diimaan gaggeesse.

"Hanga kaardii diimaa sanii haala bareedaan taphanne jedheen yaada. Kaardichi waa mara jijjiire. Ergasii tapha biraa ta'e," jedhe Ten Haag.

"Murtoo gara-jabinaati, kubbaa to'achuuf yaalaa ture. Keessa deebi'anii ilaaluun xumuramee ture. Achiis gara iskiriinii deeme. Akka kootti daanyaan [waa'ee kanatti] shakkaa ture."

Xiinxalaan kubbaa miilaa Haargireevis waa'ee kaardii diimaa kanaa ennaa gaafatamu, mamii tokko malee deebise.

"Waggoota miiliyoona keessattillee [kaardii diimaa miti," jedha. "Maarkas kubbaa tiksuuf miilasaa sochoosuuf yaalii godhe.

"Oggaa suuraa viidiyoorraa kaafaman ilaaltu, badii hamaa fakkaata. Garuu taphicha kallattiin ennaa daawwattu, badii irraan gahuuf yaalaa hinturre.

Tahe jedhee isa miidhuuf yaalaa hinturre, badiidhuma [salphaa tahedha]. Taphicha akkanaan irra deddeebi'anii murteessuu [gulaaluu] dhaabuu qabu, taphicha balleessaa jira. Isa sanatu taphicha geeddare."

Waahillisaa Iskools gamasaan, waanni murteessaan waan Raashford itti ture hubachuudha jedha.

"Miilasaa [jabeessee] dhaabuun kubbattii to'annoosaa jala oolfachuuf yaade, akka tasaa miilasaarra ejjete. Sakaallaa hamaa miti, waan akka tasaa mudatedha.

"Murteessaan taphicha ni hubataa? kan jedhu gaaffii keessa galuu qaba."

Tapha ramaddii garee Chaampiyoons Liigii Awurooppaan, Maanchistar Yunaayitid garee A keessa, qabxii sadiin dhuma afraffaarra taa'eera.

Koppanhaagan fi Galaataasaaray qabxii afuriin lammeessoo fi sadeessoorra taa'aniiru. Kilabni cimaan Jarmanii keessaa Baayer Muuniik qabxii 12 sassaabuun gamanumaan gulantaa ittaanutti darbeera.

Yunaayitid ammallee bicuus taatu carraa darbuu qabu. Tapha ittaanu gara Tarkii imaluun Galaataasaaray wajjin taphatu, achiis dirree isaanii irratti Muuniik keessummeessu.