Ameerikaan Iraan haleeluuf qophaa'aa jirtii?

Xiyyaara waraanaa US

Madda suuraa, Reuters

Jalqaba ji'a kanaa, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp lammileen Iraan mootummaa Iraan irratti mormii kaasan "gargaarsi isiniif dhufaa jira" jechuun ergaa dabarseefii ture.

Erga sanaa kaasee humnoonni waraanaa US suuta suutaan garuu osoo addaan hin citiin naannichatti kuufamaa jiru.

Addunyaarratti humna waraanaa hunda caalaa guddaa ta'e kan qabdu Ameerikaan, Iraan haleeluu akka dandeessu agarsiisaa jirti.

Oppereeshiniin Waxabajji darbe "Midnight Hammer" gaggeefame dhaabbileen nukilaraa Iraan irratti kan xiyyeeffate ture.

Haleellaan Waxabajjii kun xiyyaarota 100 kan hirmaachise yoo ta'u, jeettiiwwan B2 dhokatanii Yunaayitid Isteetirraa ka'anii hanga Iraanitti balali'uun rasaasa cimaa lafa uree seeu "bunker-buster" bakka irratti xiyyeeffatame rukkutaa turan.

Hunda ergaman keessaa tokkollee kan bakka hin taane rukkutes ta'e gufate hin turre.

Amma gaaffiin jiru: US ammas irra deebitee Iraan haleeluuf jettii?

Ergaan miidiyaa hawaasa Tiraamp dhiyeenyaa haleeluu akka danda'u akeeka. Iraan sagantaa nukilaraashee dhaabuuf walii galteerra hin geessu taanaan, "haleellaan itti aanu isa kana duraa caalaa hammaataa ta'a!" jedhe.

Pirezidantiin US akkas jedhee ture, "Humni Waraanaa Guddaa" gara Iraanitti qajeelaa jira.

Akkuma Venezuweelaatti US Nikoolaas Maduuroo qabatte sanatti - ammas " barbaachisaa taanaan qophiis, fedhiis qabdi waan ta'eef saffisaafi humnaan ergama ishee ba'achuu ni dandeessi."

Iraan akka gara mariitti dhuftuuf gaafateera garuu yeroon "dhumaa jira" jedhe.

Iraan bakka US Waxabajji 2025 haleelte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoota 50,000 ol Baha Giddu-galeessaatti bobbaastee kan qabdu US, naannicha keessatti humni waraanaashee miila gadi fageeffateera.

Kanneen keessaa 10,000 kan ta'an Qaataar Buufata Humna Qilleensaa al Udeeyid (al-Udeid Airbase) keessa jiru.

Kana malees, US Yordaanos, Sa'ud Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis, Omaan fi Bahireen keessaas buufata humna waraanaa qabdi.

Torbanoota muraasa darban keessa, gabaasaaleen maddeen intelejensii banaa ta'an xiyyaaronni humna waraanaa US dabalataan naannicha keessa qubachaa jiraachuu agarsiisu.

Suurri Dilbata Buufata Humna Qilleensaa al-Udeid kan Qaataar jiru - buufata guddicha Ameerikaan Baha Giddu-galeessaa keessaa qabdurraa kaafame- buufaticha qarqaratti caasaan haaraa ta'e ni mul'ata.

Bara darbe [Waxabajji 2025] keessa US erga wiirtuuwwan nukilaraa Iraan ilaaltee booda, terhaan buufata waraanaa US Qaataar jiru al-Udeid kanarratti misaa'elii dhukaastee ture.

Amma, ogeessonni suura saatelaayitiirraa argame ilaalan farri ittisa qilleensaa haaraa galeeraaf jedhu.

Pentaagon (Waajira Waraanaa US) sochii humna waraanaa kana ilaalchisee ibsa bal'aa kenne hin qabu.

Haata'u malee, BBC Verify jeettiiwwan waraanaa F -15, taankeroonni boba'aa guutan, akkasumas xiyyaaronni geejjibaa jiraachuu hodofee adda baaseera.

Akka marsariitiin balaliiwwan hordofu, FlightRadar24, jedhutti, xiyyaaronniifi dirooniiwwan basaasaa daangaa qilleensaa Iraanitti dhiyaatanii yeroo oppereeshinii gaggeessan mul'ataniiru.

Xiyyaaronni geejjibaa keessaa gariin isaanii sirna ittisa qilleensaa dabalataa fe'anii deemu jedhamee amanama.

Kana jechuun ammoo Ameerikaan yoo Pirezidant Tiraamp akka Iraan haleelamtu ajaja dabarse, haleellaa haaloo ba'uu jiraachuu malu ofiifi michootashee Galoo Galaanaa keessa jiranirraa ittisuuf tarkaanfii fudhachaa jirtu akka ta'e agarsiisa.

Biriteenis akkuma kana "nageenya naannichaa jabeessuuf" humna addaa jeettiiwwan Typhoon garasitti bobbaasteetti.

Humni Qilleensaa US naannicha keessatti shaakala guddaa Oppereeshinii Ajaa'ila Ispaartaa [Operation Agile Spartan) gaggeessaa jirti. Kun ammoo, " humna humna qilleensaa guutummaa naannawaa Wiirtuun Ajajaa US itti gaafatamummaa qabu keessatti humna bobbaasuu, bakka qabachuun waraanaa turuu danda'uu agarsiisuufidha."

Bakkaafi gara dooniiwwan itti deeman hordofuun waan argate miidiyaa hawaasaa irratti kan qoodu, Isteefan Waatkiins, dhiyeenya kana xiyyaaronni akeekkachiisawwan duraa US fi "basaasaa" hedduun gara sana qubachaa jiraachuu adaa baaseera.

Kun ammoo kanaan dura haleellaa Iraan Operation Midnight Hammer yeroo gaggeeffametti C-135s, fi E-11A BACN, akkasumas E-3G Sentry dabalatee xiyyaaronni basaasaafi akkeekkachiisa duraa deemaa turuu himee akkuma ture ta'uun isaa kan ammaa kanaaf ragaadha.

Kanarraa ka'uun, "haleellaan kun kan turu osoo hin taane, dhiyeenyatti' kan ta'uu danda'udha," jedheera.

Dooniin xiyyaarotaafi humna waraanaa baattu US naannoo sana qaqqabuunis kana dhugoomsa.

Dooniin guddaa The USS Abraham Lincoln jedhamu kun yeroo akka galagalaa gara Galoo Galaanaatti akka qajeelu ajajametti naannoo Indo-Pacific keessa ture.

Dooniin kun bakka jiru torban tokkoo oliif ifatti hin dabarsiin turus, gaafa Wixataa xiyyaarri hordoffii taasistu Osprey jedhamtu qarqara Galoo Galaanaa gadhiistee booda Omaan keessa yeroo qubattu FlightRadar24 irratti mul'atteetti.

Kun ammoo Lincoln bakka ta'e Omaanitti dhiyoo keessa socho'aa jiraachuu akeeka.

Dooniin xiyyaarota waraanaa 70 achirraa ka'anii haleelan qabatu kun humna waraanaa guddaa Ameerikaan qabuufi mallattoo Ameerikaati.

USS Abraham Lincoln kanarra xiyyaaronni jiran jeettiiwwan dhokatanii balali'an F35 haaraa raadaarii diinaa cabsanii deeman dabalata. Walumaagalatti gareen haleeluuf bobba'e kun humna barbadeessaa sadii kiruuz misaa'elii lafarraa haleelu Tomahawk fe'atee kan qabu yoo ta'u, doonii galaana lafa jalaa humna nukilaraan hojjetu meeshaalee waraanaa wal fakkaatan dhukaasuunis dabalaama.

Kun ammoo meeshaa ergamanii barbadeessan lama naannicha keessa jiran lamarratti kan dabalataati.

Akka jecha Pirezidant Tiraampitti, "humna guddaa garasitti bobbaafame waan qabnuuf, waan ta'uuf jiru ni ilaalla."

Kan irratti xiyyeeffatamuu danda'u

RUSI'tti daarektarri saayinsii waraanaa Maatiw Saviil, humna jabaa amma naannicha keessaa qabaniin US, "dhaabbileen gadi fagaatanii awwaalaman - kan boomiiwwan B2 barbaadaniin alatti, Iraan keessa bakka hunda deemtee haleeluu dandeessi" jedhe.

Kanaaf, Pirezidant Tiraamp halleellaa ajajnaan, xiyyeeffanaan US maal ta'aa?

Mootummaa UK keessatti imaammata Iraan irratti kan hojjete Saviil, US filannoowwan baayyee qabdi jedha.]Inni jalqabaa humna waraanaa Iraan ta'uu danda'a. Kun ammoo " yaaddoo balastik misaa'eliishee ykn baatiriiwwan misaa'elii qarqara bishaanii jiranifaa ta'a."

Kun ammoo humni mootummaan Iraan ittiin dhaatau waan ta'eef haaloo ba'uudhaaf ulfaataa taasisuu mala.

Iraan ammallee tuullaa balastik misdaa'el fageenya dhiyoo fi dirooniiwwan fagoo deeman salphaa hin jedhamne qabdi.

Kun ammoo michoota Ameerikaa Galoo Galaanaa keessa jiran kan sodaachisudha. Isaan keessaa baayyeen isaanii haleellaawwan US kana akka hin deeggarre ifa godhaniiru.

Filannoon xiyyeeffanaan biroo mootummicha mataadhuma isaati.

"Loltoota Eegduu Warraqsaa Iraan, akkasumas milishoota warra mormitoota miidhaa turan dabalatee humna waraanaa keessatti warra ijoo ta'an faana bu'uu danda'u," jedha Saviil.

Gaggeessitoota Iraan dadhabsiisuun garuu tarii caalaa ulfaataafi hamaa ta'uu mala.

Israa'el yeroo waraana guyyoota 12 bara 2025 keessa gfaggeessite hoggantoota Iraan olaanoo irratti xiyyeeffattee ture.

Kana ammoo bakka isaan jiran argachuuf eegdota isaanii faana dha'uufaatiin ture. Erga sanaa garuu Iraan nageenya cimsiteetti.

US "namoota sadarkaa olaanaarra jiran argattee ajjeesuu dandeessi ta'a, garuu dhiibbaa waliigalaa hangam qaba kan jedhu garuu ifa miti," jedha Saviil.

His military interventions so far have been short, sharp and limited.

He has also not ruled out a diplomatic solution that would require Iran to agree to limit its nuclear programme.

"Mootummaa ammaa kana dhumarratti du'a isaa ijaan argii ni dandeenya, garuu rakkoon isaa kana gochuudhaaf ji'oota ykn darbeeyyu waggoota turuu danda'a," jedha Saviil.

Pirezidant Tiraamp humna waraanaa fayyadamuu akka fedhu mirkaneesseera, garuu walitti bu'insa yeroo dheeraa turu keessa garuu seenuuf akka hin barbaadne kanaan dura ifa godheera.

Waraana inni hanga ammaatti gaggeesse gabaa, milkaa'aafi murtaawaadha.

Furmaata karaa dippilomaasii akka Iraan sagantaa nukilaraa ishee akka daangessitu waliigaluun barbaachisaadhe jedhes cufaa hin goone.

Akka Saviil jedhutti, Tiraamp amma, "fedhii nama murteessaa ta'ee mul'achuufi dhugaatti carraa dhiibbaa uumuu madaalee ilaaluu qaba".