Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaatti milishoonni gosaa ‘marxoo’ uffachuun beekaman al-Shabaab loluudhaaf kutatanii ka’an
Somaaliyaatti gosti hawaasa ‘marxoo’ godhataniifi ‘ma'awiisley’ jedhamuun beekaman, al-Shabaab loluudhaaf yeroo kam caalaa hadheeffatanii ka’uun himama.
Jarreen ‘marxoo’ uffatan kunneen waraana al-Shabaab irratti waggaa 15’f gaggeeffamaa jiru kanaaf deeggarsa guddaa mootummaa biyyattiif gochaa jiru.
Somaaliyaatti gosti ‘marxoo’ godhachuun beekaman kun hawaasa horsiisee bulaa fi qote bulaa yoo ta’an, bulchiinsa al-Shabaab jibbuun irratti ka’aniidha.
Hidhattoonni al-Shabaab sochii uummanni gaggeessu to’achuudhaaf basaasa cimaa bobbaase qaba, Namoota ilaalcha isaa didanis adabbii cimaadhaan adaba.
Haata’u garuu dheekkamsa uummataa hammaate dhaabuu hin dandeenye. Inumaayyuu hawaasni bulchiinsa al-Shabaab jala jiran hidhannoodhaan falmuuf kutatanii ka’anii jiru.
Somaaliyaa keessatti waggoota 40 asitti beelli hamaan mudachaa waan jiruuf uummanni al-Shabaabif gibira kaffaluu hin dandeenye.
Sababa hongeen horiin isaanii miliyeena sadii ol jalaa dhumuu irraa kan ka’e horii hidhattoonni al-Shabaab gaafatan waan kennaniif hin qaban.
Ijoolleen dhiiraa fi dubaraa isaanii irbaata rasaasaa fi garba saal-qunnamtii hidhattoota kanaa akka ta’aniif kana booda erguu nuffaniiru.
Yeroo garaagaraatti gareen hawaasaa horsiisee bultootaa al-Shabaab irratti fincila kaasanis yeroo gabaabaa keessatti haleellaa gara jabummaa al-Shabaab fudhatuun dhabamaa turan.
Amma milishoonni ‘marxoo’ godhatan kan kana duraa caalaa kan gurmaa’anii fi gochaa al-Alshabaab hadheeffatan ta’anii jiru. Mootummaa irraas gargaarsa meeshaalee waraanaa, nyaataa fi bobaba’aa argataa jiru.
Milishoonni kun kaan isaanii waraana biyyoolessaatu bifa milishaatiin qindaa’ee hawaasa naannoo fakkaatee isaan wajjin lolaa jira.
“Riphee loltoonni al-Shabaab amma hawaasumatu riphee lolaa ta’ee isaan mudate,” jedha dhaabbata Hiraal jdhamutti hojii gaggeessaa kan ta’e Mohaammad Mubaarak.
“Kuni guutummaa biyyaatti itti fufnaan, al-Shabaab irraa hin hafu,” jedha.
“Sodaa homaatuu hin qabnu”
Sochiin hawaasa “marxoo” uffatuu kun itti cimuu barraan, al-Shabaab amma namoota gosa hawaasa kanaa ta’an mana isaanii gubaa, boolla bishaanii duuchaa fi qabeenya isaanii balleessaa jira.
Odu himaan al-Shabaab Sheek Ali Dheeree dhiyeenya eebba waraana al-Shabaab irratti warri ‘shirrixii’ uffatan “kanaan dura osoo al-Shabaab aangotti hin dhufin dura hattoota fi dubartoota wara gudeedaniidha” jedhee ture.
Miseensa garee gosa hawaasa al-Shabaab irratti dugda galee kan ta’e Idriis Hasan kuni soba ta’uu hima.
“Nuti horsiisee bultoota. Durii kaasnee loluudhan beekamna, bara heddu bulchiinsa hidhattoota kanaa jala turre waan ta’eef bakka isaan itti dhokatan dabalatee waa’ee isaanii waan baay’ee barreerra.”
“Bosona isaan itti dhokatan hunda seennee barbaannee kokkee isaanii murra. Kana booda soda tokko al-Shabaabis ta’ee qaama kam irraayyuu hin qabnu” jedha.
Hawaasni ‘ma'awiisley’ qofaa isaanii al-Shabaab lolaa hin jiran. Tooftaa mootummaan al-Shabaab loluuf baase keessatti hammatamanii jiru. Mootummaan Somaaliyaa al-Shabaab loluudhaf hawaasa horsiisee bulaa gurmeessun bobbaasaa jira.
Haleellaa qilleensa irraa US gaggeessitu, loltoota Gamtaan Afrikaa bobbaase, loltoota Somaaliyaa leenjii waraanaa biyyoota garaa garaatti fudhatan irraas deeggarsa ni argatu.
Ji’oota Waxabajjiitii hanga Fulbaanaa gidduutti Somaaliyaan al-Shabaab- harkaa daangaa heddu deebistee to’achuu ogeeyyin dhimma nageenyaa ni dubbatu.
Rakkoowwan waraanni gosaa fidu
Al-Shabaab qofaa mo’achuun gahaa miti. Rakkoo cimaan daangaa qabatan to’atanii bulchuudha.
Gareen al-Shabaab bakkeewwan gadhiisee erga baheen booda deebi’ee haleelee toa’chuun kana dura tooftaa waraanaa itti fayyadamaa tureedha.
Mootummaan Somaaliyaa waraana kanaan milkaa’a taanan bakkeewwan al-Shaabab gadi lakkisee bahetti caasaa mootummaa fi tajaajilawwan kanneen akka humna poolisii, mana murtii, sirna sassaabbii gibiraa, manneen barnoota fi bu’uuraalee fayyaa diriirsuu qaba.
Kana gochuuf ammoo hidhattoonni ma'awiisley hiikkatanii caasaa nageenya mootummaa keessatti dabalamuu akka qaban kaasu ogeeyyin dhimma nageenyaa.
“Kuni ta’uu baannan somaaliyaa keessatti gosti hunduu milishaa mataa isaa tolfachuun walitti deebi’uun wal lolu. Akkuma waraana gosaa bara 1990 tti bu deebisa,” jedha Mubaarak.