Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa: Beeljiyeem Morookoon mo'amuun dheekkamsa kaase
Waancaa Addunyaa Qaataar diraamaa hedduun irratti mul’ataa jiruun Morookoon akka sadarkaa FIFA'n baasutti addunyaa irratti lammaffaa kan taate Beeljiyeem mo’achuun seenaa haaraa galmeessiteetti.
Taphattoota ciccimoo addunyaa irratti gurra guddaa qaban akka De Biruune , Edin Hazaard fi kaan qabattee Beeljiyeem garee Waancaa Addunyaa 2022 kana irrattis tilmaamni guddaan kennameef ture keessaa turte.
Haata'u malee, tapha Dilbata kaleessaa Morookoo waliin taphataniin Beeljiyeem 2-0 mo'amteetti.
Morokootiif gooliiwwan Abdulhamiid Sabiiriifi Zakkaariyaa Abuuklaal lakkoofsisan istaadiyeemii Al-Tumaamaa irraa hanga magaalaa Morokoo Raabaatitti gammachuun lammilee biyyattii lafa dhiichiseera.
Faallaa kanaan ammoo magaalaan Biraasels mormii guddaan raafamtee hanga poolisiin aara imimmaanessu dhukaasee bittimsutti gaheera.
Mo'amuu garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Beeljiyeem hordofee magaalaa guddoo biyyattii keessatti mormiin dhaga'amaa jira.
Tapha jalqabaatiin garuu Beeljiyeem Kanaadaa 1- 0 mo'attee turte. Amma garuu garee biyyaalessaa biyya Afrikaa taate Morookoon adabamaniiru.
Waancaa Addunyaa 2022 kana keessaa guutummaan guutuutti hin baane garuu carraan isaanii hedduu qallatteetti.
Taphattoonni garee biyyaalessaa dulloomaniiru kan jedhu komiin irratti ka’aa jira. Leenjisaan garee kanaa Roobertoo Maartinez mataan isaanii gareen isaanii rakkoowwan gurguddoo akka qaban amananiiru.
Kevin de Biruuna saatii tokkoof erga taphateen booda taphataa biraan jijjiiramee baheera.
Taphataan sarara duraa Beeljiyeemiif goolii hedduu lakkoofsisuun rikkardii qabatee jiru Roomeluu Lukaakuu yeroo dheeraatiif miidhaarra turee amma taphatti deebiyuuf jira.
Ramaddii B kanuma keessatti kaleessa kan milkoofte Kirooshiyaan garee kana keessatti dursa qabachuu dandeesseetti.
Kirooshiyaan Kanaadaa 4-1 mo’achuun ture kan carraa marsaa itti aanutti darbuu qabdu kan cimsatte.
Kirooshiyaafi Morookoon ramaddii B keessatti qaphxii afur qabaachuun dursaa kan jiran yoo ta’u, Beeljiyeem qabxii tokko, Kanaadaan ammoo qabxii tokko malee duraafi duubaan sadarkaa sadaffaafi afraffaa qabataniiru.
Marsaa itti aanuun taphawwan Kanaadaan Morookoo waliin, Kirooshiyaan ammoo Beeljiyeem waliin taasisan ramaddii kana keessaa biyyoota darban adda baasuuf ta’a.
Tapha Ramaddii E baayyee eegamaa ture keessaa kan Ispeeniifi Jarman waliin halkan sa’aatii afurii booda taphatan tokko walqixaan xumurameera.
Tapha to’achuudhaan kan jalqaban warri Ispeen, gooliis lakkoofsisuun dursa qabatanii turan.
Goolii taphataan Ispeen Alvaaroo Moraataa galcheen ture Ispeen kan dursa qabatte.
Erga gooliin irratti lakkaa’ameen booda dhiibbaa uumanii taphachuu kan danda’an warri Jarman, isaaniifis jijjiiramee kan gale Niklaas Fulkuug goolii tokko lakkoofsisuun walqixa ta’uu danda’aniiru.
Tapha biraa garee kanaatiin Jaappaan Kostaarikaatiin 1-0 mo’amteetti.
Jarman mo'achuun ajaa’iba kan jedhamte Jappaan, tapha lammaffaa irratti harka kenniteetti.
Kostaarikaan tapha jalqabaatiin Ispeeniin 7-0n mo’amte ammoo kaleessa Jappaaniin 1-0n mo’achuun abdii haaromsatteetti.