Weellistuu dubartootaaf karra saaqxe, amma dhukkubsattee birmannaa gaafattu - Halloo Daawwee

Waggoota kurna afuriif muuziqaa hojjetaa turuu kan himtu Artist Halloo Daawwee erga dhukkubsattee manatti galtee waggaa 10 caaluu dubbatti.
Turtii BBC waliin taasisteen sababa kanaanis hojii muuziqaa galaa ijoollummaashee ta'etti nagaa dhaamuu dubbatte.
Artist Halloo Daawwee naannoo bara 1960 magaalaa Dirree Dhawaa ganda Awwaalee jedhamutti akka dhalattee fi ijoollummaatti muuziqaa eegaluu himte.
Yeroo sana weellistoonni magaalaa Dirree Dhawaa keessaa maddan kanneen akka Artist Alii Birraa jiraachuun sababoota gara muuziqaa ishee fidan keessaa isa ijoo ta'uu dubbatti.
''Aadaa fi Afaan Oromoo guddisuuf fedha olaanaa qabaachuu, keessattuu Afaan Oromoo irra dhiibbaan waan tureef, waan dhorgameef, jechan itti seene.''
''Afaan biyyaa tokkuma jedhanii afaan kana nu dhorkaa turan, kanaafan animmoo afaan kanaan [Afaan Oromoo] weellisuu eegale.''
Artist Halloo Daawwee gargaarsa weellistoota gameeyyii akka Alii Shabbootiin gara baandii 'Biiftuu Biyya Keenyaa' jedhamutti makamuun hojii muuziqaa itti fufuu himti.
Walleenshee jalqabaa ''Barbaannee walbarra, ni barra walirraa,'' jedhuun guddoo jaallatamte, kunis akka wallee itti fuftuuf hamilee ta'uufii kaafti.
Weellistoota gameeyyii kanneen akka Alii Shabboo, Adam Haarun, Kadir Sa’id waliin turan.
Kaasetii jalqabaa mata-duree ''duraa duubaa bareedaa naannoo'' jedhurratti sirboota 10 baasuun, sunis akkaan ishee beeksisuu dubbatte Artist Halloon.
Wallee hojjechuusheen maatiin dura hin dhaabbanne. Kunimmoo ishee gargaare.
Buna qulqulleessuu hanga muuziqaan beekamuutti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Halloon shamarree xiqqoo taatee wayita magaalaa Dirree Dhawaatti hojii buna qulqulleessuu hojjetaa turte sagalee kiiloleesheen sirbitee qalbii namootaa booji’aa turte jedha ilmi ishee Mullisaa Mohammad, sagantaa FBC'n qophaa'erratti.
''Ijoollummaasheetti dandeettii weellisuu qabdu, sagaleesheen kan booji’aman artistoonni gameeyyiin yeroo sanaa kanneen akka Alii Shabboofaa umrii ishee waggaa 12tti gara aartiitti fudhatan,'' jedhe.
Bara 1967 keessa artistoonni kanneen akka Alii Shabboo, Ammee Qaxxis, Aadam Ibsaa, Abdulhamiid Ahmad Boruu fi kaan Baandii Afran Qalloo eegalan jala deemuun Hawwisoo ‘’Biiftuu Biyya Keenyaa’’ jedhu hundeessine jedhu barreessaa fi gaazexeessaa Obbo Mahammad Ahimad (Qophee).
Bara Baandii Urjii Bakkalchaa irraa eegalee rakkoon guddaan ture dubartii of gidduudhaa dhabuudha kan jedhan Obbo Mahammad, ‘’Halloo Daawwee argachuu keenya dura dhiirotuma keenyatu uffata dubartii uffatee bakka dubartii hojjetaa ture,’’ jedhu sagantaa waa'ee ishee qophaa'erratti.
‘’Yeroo jalqabaatiif haadha aartii Oromoo kan akka Halloo Daawweetu achi keessatti dhalatte,’’ jechuun rakkoon gama dubartiin qaban karaa Artist Halloo haga tokko furamuu himan.
Wallee ‘’barbaannee walbarra, ni barra walirraa,’’ jedhu Artist Alii Shabboo fi Obbo Mahammad irraa argattee weellisuun ittiin beekamte, walleen kunis mallattoo baandichaa ta’e jechuun ibsan.
Halloo Daawwee - fakkeenya dubartootaa...
Halloon jalqaba wayita muuziqaa eegaltu ija-laafettii turtus, dandeettii uumaan badhaaseen asham ofiin jettee boodarra mootii aartii dubartootaa taate jedhu kanneen ishee beekan.
Artist Halloo Daawwee dhiibbaa amantii fi aadaan osoo hin mo’amin kutannoo aartiidhaaf qabdu agarsiisuun dubartoota hedduufillee fakkeenya taate.
Halloon weellistoota akka Alii Shabboo, Aadam Haarun, Kadir Sa’id, Almaaz Tafarraa fi kaan waliin walleewwan isheen hojjette yoomiyyuu yaadannoo namatti fidu jette Artist Saalihaa Saamii.
Halloon dirqama akka nama tokkootti irraa eegamu hunda ba'achuun fakkeenya dubartiiti jechuun jajje Saalihaan.
‘’Haadha ilmaanii, qabsooftuu mirga namoomaa fi weellistuu cimtuudha. Garuu beekamtii hojiishee madaalu hin arganne. Silaa doktara kabajaa nama argachuu qabdu turte,’’ jechuun BBC'tti himte.
Halloon kaaseta 10 addatti, 13 weellistoota kaan waliin, waliigalatti kaaseta 23 dalagde.
Obbo Mahammad Ahimad, Miliyoon Lammaa, Abdallaa Hajii, Abdii Qophee wallee hojjetaniiruuf, isheen ammoo sagalee kiilolee isheen sona itti gootee gurra hawaasaa ittiin soorte jechuun leellisan artistoonni kunneen.
Halloon bara Chaartaraa booda hawwisoon hedduun erga faffaca’anii booda osoo abdii hin kutin Finfinneetti haftee muuziqaa dalaguu itti fufte.
Halloon dandeettii muuziqaa uumamaan qabduun alatti mana barumsaa seentee barachuuf hin carroomne.
Kanaafuu walleewwan kunneen hunda mataatti qabattee weellisuun dandeettii addaati jette Saalihaan.
Obbo Mahammad Ahimad (Qophee) weellistoota hedduuf walaloo sirbaa kennaniiru.
Artistoonni bareechanii lubbuu itti horanii dhiheessan akkuma jiran, kanneen hojii itti kenname gatanii nama mufachiisanis jiru jedhan.
‘’Halloo Daawwee kanneen hojii itti kenname bareechanii dhiheessuun kutannoo addaa agarsiisan keessaati. Kana gochuudhaan akka dubartiitti hangafa,’’ jechuun sagantaa FBC irratti dubbatan.
Muuziqaa, qabsoo, haadhummaa...
Yerooshee guutummaa guddina aadaa fi Afaan Oromoo kanaaf kennaa waan turteef, akka ijoolleesheetti jiruu maatii waliin qabaanneeyyuu hin beeknu jedhe ilmi Halloo Daawwee, Mullisaa Mohammad.
''Maatii isheerra ummatashee caalchifatti. Yeroo dheeraaf arginee hin beeknu. Waggaa torba yeroo isheen Jibuutii turte arginee hin beeknu,’’ jedhe sagantaa kana irratti.
Halloon haadha ijoollee shaniiti. Yeroo hidhamaa, reebamaa fi adamsamaa waan turteef yeroo dheeraaf Somaaliyaa fi Jibuutii keessa naanna’aa turuu himti.
‘’Akka haadha keenyaatti yeroo ijoollummaa keenyaa jaalala isheef qabnu dhandhamnee hin beeknu,’’ jedha ilmi ishee.
Artist Halloo Daawwee akka artistoota kaanii biyyaa hin baqanne, ''bakkuma hireen nama keesse taa’an,'' jette.
Halloon hojii muuziqaa hojjetaa turte kanaaf hanga mana hidhaatti dararamuu dubbatti.
''Bara mootummaa ADWUI, Hadareetti waggaa lama hidhame,'' jette.
''Waanuman Afaan Oromoon sirbuuf qofa ati ABO dha naan jedhanii na hidhan.''
Artist Halloon yeroo sanatti weellisuun Afaan Oromoof guddaa gumaachus, ''garuu dararaa sababa kanaan narra ga’een dhukkuba malee homaa hin buufanne,'' jette.
Halloon amma maal keessa jirti?
Erga dhukkubsattee manatti galtee waggaa 10 ta’uu kan himtu Halloon, ''ummatin afaan fi aadaasaa, seenaasaa guddisuutti dararaa arge na dagateera,'' jechuun komatti.
Amma ergasheen akkaan dhukkubsattee namoonni ishee yaadataa jiraachuus hin haalle, garuu ''bakkan du’uu ga’etti ta’uunsaa na gaddisiisa,'' jette.
Yeroo ammaa dhukkuba shukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi kaleetiin dhibamtee Finfinnee fi Adaamaatti yaalamaa jirti.
Dhibeenshee biyya alaatti wallaanuu kan barbaachisu ta’us namni ishee ala baasee wallaansisu dhibuutti guddoo gaddite.
Ammas taanaan abbaan harkaa qabdan na yaalchisaa jechuun dhaammatte.
Artistoonni fi maatiin, Artist Halloon dagatamtee booda seenaa ta’uurra amma hunduu waan danda’uun tumsuu akka qabu dhaaman.
Gatii isheen 'saba kanaaf kaffalteen' yoo madaalamu, namni Halloo Daawwee hanga biyya alaatti wal'aansisu dhabamuun ''qaaniidha'' jedhan.












