Artist Ibraahim Aadam eenyu, maaliin yaadatama?

Artist Ibraahim Aadam

Madda suuraa, SM

Waleewwan isaa ''Faffacaanee'' fi ''Damma daamuu'' jedhuun daran kan beekamu weellisaa Ibraahim Aadam, umriisaa waggaa 65tti addunyaa kanarraa du'aan boqoteera.

Du'aan boqochu weellisaa gameessa kanaa hordofee weellistoonni Oromoo, hiriyoonni fi jaallattoonni isaa, namni oolmaa guddaa saba biraa qabu kun wal'aansa ga'aa osoo hin argatin du'uutti akkaan gadduu ibsaa jiru.

Yeroo dheeraaf weellisaa kana beekuu kan himtu Artist Saalihaa Saamii, ''Artist Ibraahim Aadam nama seenaa Oromoo keessatti waan hedduu gumaache,'' jechuun ibsite.

''Haala kanaan boqochuusaa wayitan dhagahu baayyeen gadde,'' kan jettu weellistuu Saalihaa Saamii, ''har'a bor wal deeggarree, wal-cinaa dhaabbanna jennee osoo beellama qabannu namni hedduun dabraa jira,'' jechuun haalli weellisaa Ibraahim itti boqote kan garaa nama nyaatu ta'uu kaaste.

''Anumtuu akka nama tokkootti maalin godheef jedhee yoon of gaafadhu na sheenessa. Oromoo hedduuleen akkas naffakkaata.''

Weellisaan kun waggoota shanan darbaniif akka malee dhukkubsataa turuunsaa gurra nama hundaa keessa ture kan jettu Artist Saalihaan, ''dhimmi isaa akkaan dagatamuun guddoo na gaddisiiseera,'' jette.

Weellisaa Ibraahim Aadam boqochuu hordofee Addi Bilisummaa Oromoo gadda itti dhagahame ibseera.

''Artist Ibraahim Aadam akkuma weellistoota sab-boontota Oromoo warra dura dammaqanii karaa aadaa fi afaanii akkasumas roorroo falmaa fi ummatnis dammaqee akka falmu kakaasaa turan keessaa isa tokko ture,'' jechuun ibse jaarmiyaan kun.

Artist Ibraahim Aadam maaliin yaadatama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Artist Saalihaa Saamii akka nama itti dhiheenyaan beekuutti waa'ee Artist Ibraahim Aadam wayita ibsitu, ''Qabsoo Oromoo keessatti gumaachisaa olaanaadha. Qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo keessattillee qooda guddaa qaba,'' jette.

Artist Ibraahim ''karaa artiinillee hedduu qabsaa'eera,'' kan jettu Artist Saalihaan, albama sadii fi sirboota qeenxee 10 qabaachuu himte.

''Dhaloonni booddanaa walleewwan isaa kan akka 'Faffacaanee', 'Damma Daamuu' kan jedhaniin yaadata.''

Artist Ibraahim artistoota bebbaakamoo kanneen akka Alii Shabboo, Alii Birraa fi kaan waliin hojjeteera, sirbootallee gumaacheeraaf jette Saalihaan.

''Sirba 'Asheeta gannaa' jedhu adeeroo Alii Birraaf kan kenne isa. Weellisaan kun waan hedduu hojjetaa ture, garuu nama dagatameedha,'' jette.

Artist Ibraahim Aadam jalqaba wallee:

Koo yaa Shaggee Harargee

Yaanni kee hedduu narakkee

Bishaan Waraabnaa madda hin borooynee jedhuun eegale.

Kana malees sirba:

Yaa jaalallee jaala jiruu tantoo

Nafiisaa too hiriyaa too jedhuunis ni beekama

''Hireetoo dammaqi hirriibarraa, na hin dhoorkin abdii jiruu tiyya irraa'' kan jedhus weelliseera.

Artist Ibraahim Aadam dhibeen narvii itti hammaatee magaalaa Harar Hospitaala Jogolitti Kamisa (Adoolessa 13, 2023) lubbuunsaa dabarte.

''Weellisaan kun dhibee narviin qabamuun erga itti himamee yaalii silaa jalqabarraa yaalamuun irra ture, hiree sana osoo hin argatin boqote,'' jetti Artist Saalihaan.

''Dhukkubi itti deddeebi'us namni kun gargaarsa hin arganne. Namni tokkollee kan isa qubaachaa ture hin jiru.''

Artist Ibraahim Aadam eenyu?

Maqaa masoo Faffacaanee [wallee isaarraa kan fudhatame] jedhuun kan beekamu Artist Ibraahim Aadam, bara 1958 magaalaa Harar iddoo Hammarreessa jedhamutti, abbaa isaa Obbo Aadam Sa’idii fi haadha isaa Aadde Amiinaa Abdullaahii Siyyoo irraa dhalate.

Barumsa isaas achumatti akka eegale seenaan isaa ni hima.

Artist Ibraahim aadam uumamumaan ogummaa aartii kan qabu ta'uu hiriyoonnisaa dhugaa bahu.

Magaalaa Dirree Dhawaatti hojiin maxxansa muuziqaa Oromoo yeroo eegalutti garas imalee weellisaa gameessa Artist Alii Shabboo waliin walarguun shaakala muuziqaa akka eegalee fi bara 1985tti albama isaa jalqabaa mana muuziqaa Imbiltaa jedhamutti akka maxxanse seenaan isaa ni mul’isa.

Bara 1991 yeroo mootummaan Dargii kufee EPRDF aangoo qabatu Artist Ibraahim Aadam, ''maatii isaa osoo hin caalsifatin ilmaan isaa haadha irratti gatuun WBOtti makamee Godina Bahaa jalatti naannawa Fadisii fi Gaara Mul’ataatti ramadamee bilisummaa fi mirga saba isaaf falmaa ture,'' jedha ibsi ABO.

Akka ibsa kanaatti weellisaan kun bara 1998 keessa jireenya idileetti deebi’uuf yaalus, ''rorroo fi hacuuccaan ummata isaa irra gahu daran hammaatuun boqonnaa waan isa dhorkeef, oguma isaa qabsoo karaa aartiin itti fufe.''

Weellisaa Ibraahim Aadam bara 2005 keessa wallee warraaqsaa ittiin beekamu kilippiidhaan “Oromummaa keenya irraanfannee, tokkummaa dhabaan biyyaa baanee-Faffacaanee…” jechuun wellise.

''Furmaatni tokkummaan falmachuu qofa akka ta’e Oromoof dhaamuun qabsoof kakaasaa ture,'' jedha ABOn ibsa isaa keessatti.

''Sab-boonaa qabsa’aa Oromoo Art.Ibraahim Aadam, ejjennaa fi jabina kaayyoo saba isaaf qabu irraa mootummaan wayyaanee qabee hidhuudhaan gidirsaa fi miidhaa irraan gahaa akka tures seenaan isaa ni agarsiisa.''

Weellisaan bilisummaa fi kabajamuu mirga ummata isaatiif qabsa’aa fi gatiis itti baasaa ture kun, ''keessumaa waggoottan shanan darban kana keessa gargaarsaa fi waldhaansa ga’aa tokko malee dhibee narviitiin waldhaansoo qabaa erga tureen booda, irraa bayyaannachuu dadhabuun lubbuunsaa dabarte,'' jedha ibsi kun.

Artist Ibraahim Aadam abbaa ilmaan afurii yoo ta’u, ilma dhiiraa tokkoo fi dubra sadii qaba.