Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan hogganaa milishaa Iraaniin deeggaramu haleellaa dirooniin ajjeefte
Komaandarri gameessa milishaa Iraaniin deeggaramuu Baagidaad keessatti haleellaa diroonni US'n ajjeefame
Hogganaan Kataayib Hezboollaa fi eegdonnisaa lama yeroo haleellaa kuni raawwatamu baha magaalaa guddoo Iraaqitti konkolaataa keessa turan. Sadan isaaniiyyuu ajjeefamaniiru.
Akka Peentaagan jedhutti koomaandarichi haleellaawwan humnoota Ameerikaa naannicha jiran irratti rawwatu hogganuun ittigaafatamummaa fudhata.
Ameerikaan milishaa kana haleellaa diroonii Joordaan keessattii raawwateefi loltashee sadii ajjeeseef himatti.
Borumtaa haleellaa sun raawwate Kataayib Hezboollaa mootummaa Iraaq ''salphinarraa'' oolchuuf jecha haleellaa loltoota Ameerikaa irratti raawwannu addaan kutneerra jedhee ture.
Haleellaan diroonii Roobii galgalaa Baagidaad ollaa Maashaal jedhamtu keessa dhohinsa jajjabaa dhagahame waliin raawwate.
Haleellaan kuni konkolaataa adeemaa ture irratti kan raawwatame yoo tahu, konkolaatanis barbadaa'eera.
Namoota ajjeefaman sadan keessaa tokko Abu Baaqir al-Saa'udii kan jedhamu yoo tahu Kataayib Hezboollaa keessatti hogganaa gameessa dha.
Koomaandiin Gidduugalaa Ameerikaa Centcom halkan keessaa sa'atii 3:30 irratti ''koomaandara ajjeechaa humnoota Ameerikaa naannicha jiran irratti raawwate hoggane,'' ajjeesuu hime.
''Haleellaan kuni yeroo raawwatutti namoonni miidhamuu waan akeeku hin jiru,'' jedhe Centcom.
Gareen BBC iddoo haleellaan kuni raawwate yeroo qaqqabu hiriirtonni daandiitti bahan ''Ameerikaan sheexana guddoo dha,'' dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.
Poolisooti baay'inaan achitti kan argaman yoo tahu, ministara biyya keessaa Iraaq irraas humnooti dablataa achi turan.
Gareen BBC konkolaataa guabate itti dhiyeenyaan hubachuu yaalus gaazexeessitootaaf akka hin eeyyamamne itti himan.
''Isin namoota biyya alaatu waan kanaaf itti gaafatama,'' jechuun namichi iyyaa ture jira.
Haleellaan miilanaa kuni Ameerikaan ajjeefamuu loltootashee Joordaan turan hordofee haaloo bahuuf haleellaa diroon 85 daangaa Iraaqiifi Siiriyaa irratti raawwachuun booda dhagahame.
Pireezidant Joo Baayidan haleellaa Jimaata darbe raawwate jalqabbii deebii kanaati.
Haleellaan diroonii magaalaa guddoo Iraaq keessatti raawwate kuni dubbii akka malee hammeessuu mala.
Tahus Ameerikaan bu'uuraalee misoomaa gareelee kana qofa osoo hin taane hooganoota gameeyyii irratti akka xiyyeeffachuun waan hin hafne ture.
Haleellaan kuni raawwachuun sa'atii muraasa booda milishaan biyyattii keessa jiran Ameerikaa irratti haaloo akka bahan waamichi dhiyaateeraafi.
Haaraakaat al Nujaabaa - garee biraa ajjeechaa loltoota Ameerikaa irratti raawwatameef himatamu, ibsa baaseen haaloo akka ba'u himuun, ''yakki raawwate adabbii malee hin hafu,'' jechuu AFP'n gabaaseera.
Ameerikaan haleellaa qilleensaa Amajji 4 raawwatteen Baagidaad keessatti hogganaa gameessa Haraakaat al Nujaabaa ajjeefateetti.
Erga waraanni Israa'el Gaazaa Onkololeessa 7 jalqabeen as humnooti Ameerikaa rookeetii 165nin ajjeefamaniiru.
Ameerikaan Iraaq keessaa loltoota 2500, biyya ollaa Siiriyaa keessaa ammoo 900, kunis garee shororkeessa Islamic State haleeluufi, akka Peentaagan jedhutii.
Huutii Yaman keessaa socho'u kan Iraan waliin hidhata qabu Galaana Diimaa irratti dooniiwwan daldala haleellaan waraanni Ameerikaa irratti haleellaa raawwachu eegaleera.