Yaabellotti qondaalonni dargaggoota lamarratti dararaa raawwatan to’ataman

Dargaggoota Booranaa, aanaa Yaabelloo milishaan dararaa jiru

Madda suuraa, Barako Chana

Godina Booranaa aanaa Yaabelloo Ganda Harweeyyutti tibbana dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Jaaroo Dhalee Waariyoo fi Garboolee Waaqoo jedhaman irratti gochi raawwatame miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta’ee ture.

Gochi dargaggoota kana lamaan irratti raawatame suuraadhaan akka mul’atutti dargaggeessa tokko harka isaa lamaan erga duubatti hidhameen booda mukatti hidhamee kan jiruufi isa tokko ammoo garaadhaan lafarra ciibsuun harkasaa lamaan duubatti hidhanii yoo irra ejjetan agarsiisa.

Maaltu ta’e?

Bulchaan aanaa Yaabelloo Obbo Gobbuu Canaa dhimma kana ilaalchisuun BBC’tti akka himanitti, dararaa mirga namoomaa kana kan raawwate qondaalota ganda Harweeyyuti.

“Ka’umsi rakkoon kuni itti mudateef ganda kanatti midhaan gargaarsaaf dhufe keessaa kuntaalli jaha badee gabaatti yeroo gurguramu qabame.

Namni midhaan kana bite ammoo dargaggoota kanarraa akka bite himnaan qondaalonni gandaa dargaggoota kana too’atani,” jedhan.

Dargaggoota lamaan keessaa tokko barataa kutaa 8ffaa yoo ta’u, tokko ammoo tiksee looniiti. Isaanis erga too’atamanii yakka kana akka hin raawwanne himuu dubbatu Obbo Gobbuun.

Qondaalonni gandaas dargaggoota kana gaaficha gadhiisanis bariituusaa irra deebiin to’achuun yakka raawwatame kana akka baasaniif dararaa kana irratti raawwachuu ibsan.

Gochi raawwataame kuni sarbama mirga namoomaati kan jedhan bulchaan aanaa Yaaballoo Obbo Gobbuu Canaa, qondaalonni gandichaa yakka kana raawwachuun shakkaman saddeet too’annoo seeraa jala ooluus himan.

“Yakka kana raawwachuun kan shakkamanii too’ataman bulchaa gandichaa, itti gaafatamaa bulchiinsaafi nageenya gandichaa, milishootaafi namoota biroo itti hirmaatan waliigala namoota saddeeti,” jedhan.

Dargaggoonni lamaan dararaan irratti raawwatame amma haala nagaa qabu keessa akka jiraniifi kanneen too’ataman ammoo adeemsi seeraa jalqabamee jiraachuus eeran.