Yakkamaan waggootaaf dhokate suuraa gammachuu kubbaa miilaaf ka'en qabame

Madda suuraa, Getty Images
Yakkamaan lammii Xaaliyaanii bade waggootaaf barbaadamaa ture osoo kilaba kubbaa miilaa jaalatu deeggaruuti suuraarratti mul’ate booda to’annoo jala oole.
Nami kuni Vinchenzoo Laa Portaa jedhama. Ga’eessa ganna 60’ti.
Garee wanbadee Kaamoraa Xaaliyaanii magaalaa Neeppils keessatti maandheffate waliin hidhata cimaa qaba jedhamee barbaadamaa ture.
Yakkamaan kuni garee kubbaa miilaa Naappoliif jaalala cimaa qaba. Erga itti murtaa’e booda waggoota 11’f poolisii Xaaliyaaniin barbaadamaa ture.
Nami kuni biyya Giriikitti of dhoksaa ture. Dhihoo garuu kilabiin inni jaalatu Naappoliin waggoota 33 booda liigii Xaaliyaanii injifateera.
Egaa kilabiin waggoota dheeraaf deeggaraa ture waancaa ol kaasuu isaan osoo deeggartoota waliin gammachuu ibsuu suuraa keessa mul’ate.
Kunis harka poolisii jala isa galcheera. ‘’Jaalalli inni Naappoliifi kubbaa miilaaf qabu isa ganeera,’’ jedhe poolisiin Neeppils.
Laa Portaan durumaa bakka hin jirretti garee yakkamaa waliin hariiroo qabaachuu, taaksii dhoksuufi waliin dhahuun himatamee itti murameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban kana keessa gaafa Jimaataa nama barbaadamaa ture kana odola Giriik Korfuu jedhamturra osoo motora oofuu to’achuu poolisiin ibseera.
Yeroo ammaas gara Xaaliyaanii dabarfamee kennamuuf akka jiru ibsame.
Yoo Xaaliyanitti dabarfamee kenname, waggoota 14 fi ji’oota afur hidhaa keessatti dabarsa jechuudha.
Abukaatoon nama kanaa AP’tti akka himetti, yakkamaan kuni Giriikitti maatii horateera.
Ilma waggaa sagaliis qaba. Nyaata qopheessaa akka jiraatu hime.
‘’Rakkoo onneen dhukkubsataa jira. Yoo dabarfamee kenname maatiin isaa rakkoo seenu,’’ jechuun hime.
Aangawoonni yakkamaa kana waggootaaf barbaadaa turan dogongora wayii raawwatee hamma harka isaanirra bu’utti barbaacha hin dhaabne ture.
Baatii Caamsaa keessa yeroo Naappoliin waggoota 33 booda waancaa Liigii Xaaliyaanii ol kaase Laa Portaan gammachuu isaa dhoksuu hin dandeenye.
Poolisiin suuraa deeggartoota Naappolii mana nyaataa odola Korfuu argamtu tokkorraa kaafamte keessa adda isa baafate.
Qorattoonni nama barbaadan argachuu amananii gara Giriikii qajeelan.
Akka poolisiin Giriik jedhetti, deeggarsa isaaniin dabaalamee gaafa Jimaataa hidhame.
Amajjii bara kanas ajajaan maafiyaa Xaaliyaanii tokko waggoota dheeraaf badee ture Google Map irraan adda baafamee hidhamuun ni yaadatama.












