Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Odiingaan bu’aa filannoo fudhachuu diduu hordofee iji mana murtiirra jira
Yeroon lammileen Keenyaa dhimma filannoo dhiisanii gara jireenyasaanitti deebi’an dheerateera. Kun ammoo Raayilaa Odiingaa bu'aa filannoo Wiiliyaam Ruutoo akka injifate labsame akka hin fudhanne ibseeti.
Raayilaan bu’aa filannoo kan Komishinii Filannoon labsame falmuuf Mana Murtii Olaanatti iyyannoo akka dhiheeffatu himeera.
Yoo kaadhimamaa paartiin Azimio La Umoja kan ta’e Odiigaan mana murtii olaanatti iyyannoo dhiheesse abbooti seeraa torbati dhaggeefata.
Abbootiin seeraa kunneeni hoggantuu kan taate Maartaa Koomee, itti-aantuushee Philomena Mwilu,fi Mohamed Ibrahim, Smokin Wanjala, Njoki Ndung'u, Isaac Lenaola fi William Ouko fa'idha.
Abbootii seeraa kanneen keessa sadii bara 2017 bu'aa filannichaa kan pirezidaantii Uhuruu Keeniyaataaf injifannoo kenne jijjiiran turan.
Koomee fi Oukoon ammoo bara 2021 keessa mana murtichatti dabalaman.
Oliyyannoo dhiheefachuun guyyaa torba qofa
Namni bu’aa filannoo pirezidaantummaa fudhachuu diduun falmuu fedhu kamuu guyyaa filannichi labsamee keesee guyyaa torba qofa qaba.
Oliyyannoo filannoo pirezidaantii dhageeffachuuf aangoo kan qabu ammoo mana-murtii olaanaa qofa.
Abbootiin seeraa mana-murtiis guyyaa oliyyannoon dhiyaaterraa kaasee guyyaa 14 keessatti dhageeffachuu qaba.
Oliyannoon mana murtii olaanatti dhiheeffamuu baannan, Wiiliyaam Ruutoo fi itti-aanaan isaa Hagayya 30 kakuu raawwachuun aangoo fudhatu.
Yoo oliyannoon dhihaate ammoo Fulbaana 12 kakatan.
Kunis yoo manni-murtichaa iyyannoo dhiyaate ilaalee filannoon sirrii ta'uu isaa mirkaneesse guyyoota torba keessatti kakuun raawwatama.
Yoo manni murtichaa bu’aa filannicha akka bara 2017 jijjiire garuu, filannoon biraa guyyaa 60 keessatti gaggeeffama.
Paarlamaan hojii isaa itti fufuu danda’a?
Eeyyeen. Osoo oliyyannoon bu’aa filannoo pirezidaantii falmiitti jiruu Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa walgahiisaa jalqaba taasisuu ni danda’a.
Akka heeratti, paarlamaan haaraan yoo filatame pirezidaantiin hubannoo gaazexaa mootummaatin dabarsuun, iddoo fi guyyaa walgahiin bakka bu’ootaa haaraa taasifamu ibsa. Kunis guyyaa 30 filannoon booda ta’uu qaba.
Kana jechuun, yoo oliyyannaan jiraate Pirezidaantiin amma aangoo gadhiisuuf deemu Keeniyaataan, osoo Fulbaana 9 hin gahin walgahii paarlaamaa 13ffaa taasisuu qaba.
Yeroo isaan walitti qabaman, miseensonni paarlaamaa 349 fi senetaroonni 67 Af-Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummaataa filatan.
Yoo kakate, af-yaa’iin miseensoota mana marichaa hunda kakachiisa. Kaadhimamaan af-ya’iicha harka sadii keessaa harka lamaan deegaramuu qaba yookan miseensoota 349 keessa 233 deegaramuu qaba.
Akkasumas, af-ya’iin seeneetii filatamuuf, senetaroota 67 keessa 45n deegaruu qaba.
Akka heeratti pirezidaantiti isa filatametti aangoo dabarsa, garuu sirna kakuurrati dirqama akka argamu wanti ibsame hin jiru.
Keenyaa keessatti pirezidaantiin aangoo irra bu’u, pirezidaantii itti aanutti aangoo dabarsuun aadaa taateera.
Pirezidaantiin haaraa kan kakachiisu akka heeratti hogganaa abbootii seeraa yookan itti-aanaasaati.
Namoonni hedduun akka pirezidaant Keeniyaatan sirna kakuu Dr. Wiiliyaam Ruutoo irratti argamuuf ilaaluf hawwiin eegan.
Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataa Ruutoo falmuun morkataa isaa kan ture Raayilaa Odiingaa deeggaraa tureera.
Mootummaan haaraan yoom hojii eegala?
Kuni oliyyannoon mana murtii olaanatti galuu baatus irra kan hundaaʼedha. Heera keessa yeroon jiraachuu baatus, pirezidaantiin haaraan kaabinootasaa muuduu qaba.
Pirezidaant Uhuruun torbaan lama keessatti kaabinoota 18 keesaa afur muudee ture.
Akka heera biyatiitti, pirezidaantiin kaabinoota muude, maqaasaanii paarlaamaaf dhiheesa. Achiin booda paarlamaan guyyaa 21 keessatti fudhatama qabachuufi dhiisuu isaanii beeksisa.
Oliyyannoon dhiheefamuu baannan pirezidaantiin haaraa guyyaa 14 keessatti mootummaa haaraa hundeessa.
Yoo oliyyannoon dhihaate garuu pirezidaantiin haaraan kaabinootasaa Fulbaana 12 muuda. Bu’aan filannicha yoo mana murtii olaanan jijjirame ammoo muudamni isaani hanga guyyaa 60n duubatti kan harkifatudha.
Pirezidaant Keeniyaatann guyyaa lammileen biyyatii Hagayya 9 sagalee kennatan aangoo waan hedduu dhabe.
Aangoo abbootii seeraa mana murtii olaanatti muudu hin qabu, aangoo siyaasaa kennu hin danda’u, aagaa’oota mootummaaf aangoo kennuu yookan ariʼuu hin danda’u.
Pirezidaantiin aangoo dabarsuuf deemu, akkasumas komishinarri olaana, ambaasaaddarri yookan bakka buʼaa dippilomaasii muuduufi ari’uu hin danda’u.
Heerri Keniyaataa aangoo araara kennuusi ni dhorka, kanaaf hidhamtootaaf dhiifama gochu hin danda’u. Akkasumas, heerri aangoo inni maqaa biyyatiifi uummatan kabaja kennu ni daangessa.
Hammasitti garuu, pirezidaantiin haaraa odeeffannoo nagaa tajaajila basaasa biyyattii, raayyaa ittisa biyyaatiifi poolisiirra argata.
Waajjira pirezidaantiirra koreen baallii kennu, kan adeemsi ce’umsaa ilaallatu, akkasumas marii pirezidaantii bahuuf haaraa giddutti taasifamu haala mijeessa.
Koreen kun eegumsa pirezidaantii haaraa, meeshaa fi namootaa isa barbaachisu, odeeffannoosaafi qopheesaa sirna kakuusaaf itti gaafataman.