Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilmi dubbi himaa Puutin garee Raashiyaaf lolu Waagnaritti dabalame
Ilmi dubbii himaa pirezidaantii Raashiyaa, lola Yukireen lolu malee jechuun ji'a jahaaf garee Waagnaritti dabalame akka ture himeera .
Dimitirii Peeskov dubbii himaa Puutin yoo ta'u Raashiyaa keessatti nama dhageettii cimaa qabuudha. Ilmisaa Nikolaayi Peeskov gaheessa ganna 33 yoo ta'u garee Waagnaritti dabalamuun Yukireen loluuf hidhate.
Waagnar kampanii waraanaa dhuunfaa yoo ta'u waraana Raashiyaan Yukireenirratti bante keessatti shoora guddaa taphataa jira.
Gareen kun loltoota dhuunfan qacaruun Raashiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota biroo heddu keessatti akka lolan godha.
Gama biraan namoota mana hidhaa keessaa baasun loltummaan waan leenjisuuf garee yakka gara jabinaa hojjatudha jedhamuun komatama.
Nikoolii Peeskov afaan Ingiliffaa bareechee kan dubbatuufi daa'imummaa isaan yeroo dheeraa UK, Lanadanitti dabarse.
Miidiyaa Raashiyaa RT jedhamuuf gaazexeessaa ta'unis tajaajileera. Sababa Raashiyaan Yukireen weerarteef Nikoolefi abbaansaa Dimiirii Peeskov qoqqobbii biyyoota Lixaa jala jiru.
Nikoolii Peeskov miidiyaa Raashiyaa tokko waliin turtii godheen garee Waagnaritti dabalamuuf fedhiidhumasaatin murteessuu dubbate.
Garichatti dabalamuuf ammoo waraqaa eenyummaa sobaa akka fayyadamesi dubbate. Kunis garichi akka inni Kiriiliin waliin hidhata qabu akka irratti hin barreefidha.
Turtii miidiyaa biyyattii waliin taasiseen ilmi qondaala Raashiyaa olaanaa kun garee Waagnar wajjin waraana Yukireen irratti hirmaatee lolaa akka ture beeksisus adda waraanaa kamitti akka lole garuu hin dubbanne.
Itti gaafatamaan garee Waagnar kan ta'e YevgeeniiPirigoozhin akka jedhetti ilmi dubbii himaa Puutin waraqaa eenyummaa sobaa baafatee garichatti erga dabalamee booda leenjii loltummaa torbee sadiif fudhateera.
Leenjii erga fudhateen booda garee laawuncharii dhukaasutti dabalamuun lolaa turuu dubbate Yevgeenin.
Ilmi qondaala olaanaa Raashiyaa kun lola Yukireen irratti akka hirmaatuf Dimiitirii Peeskov isa gaafachuu hime itti gaafatamaan Waagnar kin.
Ilmi qondaala Raashiyaa Nikooli Peeskoov bara kana medaaliyaa gootummaa fudhachuus dubbate.
Raashiyaan dhiyeenya kana bifa haaran loltoota haaraa leenjisuuf sochii eegatee jirti.
Namoonni heddu gara waraanatti akka dabalamaniif "dhiira ta'i" karaa onlaayiniifi miidiyaalee biyyattii beeksisaa turte.