Waancaa Addunyaa Kaataar eenyutu injifata? Kompiitarri Biraazil jedha

Madda suuraa, Reuters
Waancaan Addunyaa Kaataar guyyoota afur booda eegalamu injifachuuf hiree bala'aa kan qabu eenyu?
Injifattuun Waancaa Addunyaa yeroo shanii Biraaziil yeroo dhumaaf kan milkoofte bara 2002 waggaa kudhan har'aati. Kataaritti ni milkoofti tilmaamni jedhu guddaadha.
Sagantaan koompitaraa hubannaa nam-tolcheen (AI) hojjetu kan dhaabbata OPTA jedhamu tokko, biyyi Laatiin Ameerikaa Biraazil yeroo jahaffaaf injifachuun riikardii ishee fooyyessiti jedha.
Moodeeliin tilmaamaa sagantaa koompitaraa kun tokkoon tokkoon taphootaa irratti eenyu akka injifatu tilmaameera. Kana gochuufis sirna tirgaa fi sadarkaa gareewwanii ilaalcha keessa galcheera. Gahumsa gareelee kanaa kan duriifi kan si'anaas qorateera.
Moodeelichi gahumsa gareelee faallaa qoratee achiis ramaddiiwwan garee keessaa kan itti aanutti ce'uufi xumuraaf gahuuf bu'aa bahii jiru tilmaama keessa galcheera.
Akka tilmaama kanaatti Biraaziil tilmaama olaanaa waancaa kana injifachuu argatteetti. Biraaziil waancaa kana injifachuuf carraa dhibbeentaa 16 argachuun sadarkaa tokkoffaarra teesse. Carraan tapha xumuraaf gahuuf qabdu ammoo dhibbeentaa 25.

Madda suuraa, Opta
Itti aansuun sadarkaa lammataarra kan jirtu ammoo biyya Laatin Ameerikaa ishee biroo Arjantiinaadha. Gareen Li'oneel Skaloonii ramaddii C jalatti garee tilmaama guddaa argattedha. Waancaa kana injifachuufis hiree dhibbeentaa 13 argate.
Itti aansee Faransaay dhibbeentaa 12'n, Ispeen dhibbeentaa sagaliin, Ingilaandis akkasuma dhibbeentaa sagaliin tilmaama hanga shanii irra taa'aniiru.
Faransaay carraa ramaddii ishee keessaa darbuun Biraaziil kan waancaa injifachuun tilmaama jalqabaa argatte ni caalti.
Faransaay dhibbeentaa 91'n hiree ramaddii keessaa ce'uu yoo argattu, kan Biraaziil ammoo dhibbenetaa 89.
Bara 2018'tti xumuraaf geessee Faransaayiin kan injifatamte Kirooshiyaan tilmaama akka bara kaanii dorgomtuu jabaa taati jedhu hin arganne. Gareen kun xumuraaf gahuuf hireen argattu dhibbeentaa afur qofa. Gareeleen xumuraaf gahuu mal jedhaman 11 dha.












