Tibba kana Dabra Taaboor keessatti maaltu mudate?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Tibba kana godina Kibba Gondar magaalaa Dabra Taaboor keessatti hidhattoonni Faannoo haleellaa bananii manneen hojii mootummaafi manneen jireenyaa namoota nagaa gubachuu godinichi beeksise.

Kominikeeshiniin Mootummaa Naannoo Amaaraa bulchaa godinichaa Obbo Xilaahuun Dajanee waabeffachuun ibsa Kamisa galgala baaseen ''ergamni baandummaa hidhattootaa fashaleera'' jedhe.

Walitti bu'iinsi hidhattoota Faannoo fi qaamolee nageenyaa mootummaa gidduutti gaafa Roobii ganama sa'aa 12 irraa eegalee hanga sa'aatii 11:00'tti turuu jiraattotni BBCtti himaniiru.

Walitti dhukaasa kana keessas dhaabbilee mootummaafii buufata poolisii dabalatee manneen jiraattotaa gubachuufi lubbuun namoota nagaa darbuus dubbatan. BBCn aangawootarraa odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Haa ta'uu malee, bulchiinsi magaalaa Dabra Taabor ibsa Kamisa baaseen suuraa dhaabbilee ibiddaan manca'an jedhe qoodeera.

Bulchiinsichi manneen namoota dhuunfaa fi gamoowwan barbada'aniiru jechuurra kan darbe hamma miidhaa gahe waan jedhe hin qabu.

Akka jiraattonni jedhanitti magaalattii keessa muddamni kan eegale gaafa Wiixataa galgala ture;

Walitti bu'iinsi kuni ganama waan eegaleef mana hin baane, ammoo dho'insa akka dhagahan dubbatu.

Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa naannichaa ibsa gaafa Kibxataa baaseen hidhattooti Faannoo badii raawwataa jiru jedheera.

Lakkoofsa qaamolee nageenyaa fi hidhattoota walitti dhukaasa kana keessa lubbuu dhabanii ibsuu baatanis gama lamaanirraayyuu kan du'an jiraachuu himaniiru.

''Balaan gahe guddaadha'' jedhamus BBCn maddeen hospitaalaafi mootummaarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Waajiraaleen Qajeelchi Sivil Sarvisii, Qajeelcha Poolisii Godinaa, waajirri Bulchaa Godinichaa dhaabbilee mootummaa miidhaan irra gahe keessaa ta'uus kanneen yaada isaanii BBCf kennan himaniiru.

Namoota nagaa sochiirra turan afur ta'an ajjeefamuus namni eenyumaansaanii ifa akka hin baane gaafatan BBCtti himaniiru.

Bulchaan godinichaa Obbo Xilaahuun ibsa baasaniin Amaaraa Miidiyaa Neetwoork waabeffate keessatti gareen Faannoo ''dhaabbilee uummataa fi manneen namoota dhuunfaa gubuun diina uummata Amaaraa ta'uu mirkaneesseera'' jechuun gabaaseera.

''Gareen kun ergamasaa TPLF fi Shaabiyaarraa fudhachuun garee badiisaa socho'aa jiruudha'' jedha gabaasichi.

Qaamolee nageenyaa naannoofi godinichaa haleellaa hidhattootaa qolataniif galata kan dhiyeessan bulchaan godinichaa hidhattoota Faannoof waamicha nagaa mootummaan dhiyeesse akka fudhatan irra deebiin waamicha godhaniiru.

Kominikeeshiniin Godina Kibba Gondar yaada hogganaa ittisa hokkaraa naannoo Amaaraa kan ta'an Inispeektar Asmaamaaw Birhaanee kan qoode yoo ta'u, hidhattootni Faannoo du'aafi madoo ta'uun baqataniiru jechuu barreesseera.