Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mucaan koo jaallatamtuun akkamiin ofirratti murteessite?' - Abbaa intala dhiibbaa TikTok'n of ajjeestee
*Akeekkachiisa: Seenaan kun of ajjeesuu dabalatee qabiyyee nama rifaasisu of keessaa qaba.
Fiyooreellaan intalaa umuriin ishee waggaa 13 turedha.
Guyyaa dhalootaashee Amajji 4 kabajattuuuf qophiin xumurameera. Ameerikaatti akka kabajamu ture kan karoorfame.
Guyyaa dhalootashee obboleessaafi obboleettiishee waliin gara Yunaayitid Isteetisitti imaluuf qophiirraa turte. Tikkeettiin balalii xiyyaaraa muramee qophaa'eera.
Guyyaan dhalootaashee kabajamuuf torbanoonni torba yeroo hafutti Fiiyooreellaan of ajjeeste.
Abbaan ishee Nabiyyuu Saamu'eeel Faranji, "gama kiyyaan mallattoo tokkollee hin arginen ture," jedha.
"Kun dhufaa akka jiru namni natti hime hin turre.
Kun seenaa Fiyooreellaati; seenaa jaalalaa, dhukkuba hin mul'annee, kan haleellaa, akkasumas rakkoo hamaa dabalaa dhufeeti.
"Walitti qabduu ijoollee koo"
Fiiyooreellaa maatiishee, akkasumas obbolaan ishee dhiiraafi dubaraa biratti baayyee kan jaallatamtu ture. Keessumaa abbaashee waliin hariiroo gaarii qabu ture.
Ijoolleesaa waliin yeroo gaarii akka dabarsu Nabiyyuun irra deddeebiin dubbata.
Fiyooreellaa waliin ammoo yeroo baayyee dabarsuyyu; ni taphatu, ni kolfu, gara biyyoota garagaraattis waliin imalaniiru.
Fiiyoorellaa yeroo xiyyaaraan balali'anitti yeroo hunda isa cinaa teessi ture.
"Co-pilot [gargaartuu ooftuu xiyyaaraa) isheetiin jenna ture," jechuun Nebiyyuun waan ture yaadata.
Isheen daa'ima qofa hin turre, michuu isaa dhiyoo turte. Manattis ta'e mana barumsaatti Fiyoorellaan qoosaasheen, tooftaa beekuusheetiin, akkasumas ofitti amanamummaa qabduun beekamti ture.
Barsiisonni sammuu ifaa kan qabduufi jaallatamtuu akka taate dubbatu. Salphaatti warra kaan waliin kan waliif galtu turte.
Akka abbaan ishee ibsutti umuriisheetiin olitti bilchaattuu turte.
"Umuriisheetiin ol qaroo, hubattuu, maallaqa kan hin balleessine, beektuufi kan nama gorsitu ture," jedha.
"Ijoollee afurin qaba. Walitti qabduufi gorsituu ijoollee koo hundaa fi mucaa hubattuu turte."
Fiyoorellaan faana abbaashee bu'uun daldaltuu ta'uuf abjuu qabdi ture. Egereen ishee akka milkaa'uuf kan yaaltu Fiyoorellaan, jireenyashee keessatti waan abdii ishee kutachiisu hin turre.
"Qoosaan jira"
Kan abbaan ishee hin beeknee fi erga lubbuun ishee darbee hubate Fiiyoorellaan dhimma qofaatti dhoksattee wallaansaa qabaa turte jira.
Ji'oota du'uusheetiin dura turan keessatti ulfaatinni ishee dabaleera. Akka umuriisheetti wanti kun waan hin baratamne miti. Furdinni ishee garuu hiriyyootashee biratti madda qoosaa ta'e.
Mana-barumsaattis ta'e interneetiirratti namoonni isheetti kolfan, itti qoosan turaniiru.
Booda hiriyyoonnishee abbaasheetti akka himanitti taanaan, TikTok dabalatee miidiyaaleen hawaasaa irratti dabalatee sababa furdinasheetiin Fiiyoorellaatti kan itti kolfan akka turan itti himan.
Kana erga darbee booda dhaga'e.
Bulee oolee dhimmi kun ofitti amanamummaa ishee balleessuu jalqabe.
Fiiyoorellaan dhimma kana obbolaan ishee durbaafi hiriyyootasheetti himteetti.
"Ulfaatina dabalaan jira", "ofin jibbaa jira," ittiin jechaa turte.
Akkas ta'ees garuu waan xiyyeeffannoo itti kennite akka hin fakkaannes gooti. Kan dhimma kanatti dhimmamte akka hin fakkaannetti yaaduun daftee dhimmicha salphisuu yaalti.
"Qoosaan jira," jechuun dhimmicha bira darbuuf yaalti.
Boodarra waa'ee of ajjeesuullee kan itti himte turan.
Yeroo waa'ee of ajjeesuu dubbattullee akkuma qoosaatti kaasti. Hiriyoonnishees dhugaa waan jechaa jirtu ta'uu hin beekne.
Abbaan ishee garuu dhimmoota kanneen dhaga'eeyyu hin beeku.
"Warri kaan miidhamaa akka jirtu ni beeku ture," jedha Nabiyyuun. "Ani [abbaan ishee] garuu hin beeku."
"Qaamni koo xiqqoo na jeeqame"
Guyyoota dhumaarra amalli Fiyooreellaa dhawaataan jijjiiramaa dhufe.
Kutaa ciisichaa obboleettii waliin bultu ni jijjiirte. Akkawoon ishee waan hin turreef kutaa isaanii buluu eegalte. Balballi ishee yeroo hunda qulfii dha.
Maaliif kutaa ciisichaa ishee akka jijjiirte yoo gaafatamtu deebii hin dhabne. 'Sireen isaa kan durii caalaa namatti tola' jetti.
Balbala hoo maa qollofta yoo jedhaniin 'namni yoo seene hoo' jetti.
Deebiin ishee kan nama sodaachisus, kan nama yaaddessus hin turre. Inumaa, kan namuu hubatu dha. Sababa kanaan of ajjeefti jedhee namni shakki hin turre.
Guyyoonni dhumaa Fiyooreellaas maatii isheetiif kanuma baraman turan.
Ganama abbaan ishee Golfii taphachuuf yoo bahu dhungattee, seeqatuma akkuma durii guyyaa gaarii walii hawwanii adda bahan.
Isteekiiwwan afur akka hojjetamaniif gaafatte. Akkuma barbaaddetti qophaayef.
Foon isaa daabboo malee nyaatte.
Irbaatuma barame. Kolfaa fi seeqni ishee akkuma duraanitti jira.
"Bilbila baay'ifteerta, kutaa kee qollofuu jalqabdeerta, mee ni dubbanna" waliin jedhanii beellamaan adda bahan.Lamaanuu gara kutaa hirribaa ofii qajeelan.
Mallattoon addaa argan tokko hin turre.
"Hunduu akkuma jedhu Waaqayyo hojiitti waa hin seennefi fakkaata" jechuun mallattoo tokkollee arguu dhabuu deddeebisee hima. Kun Dilbata halkani.
Wixata ganama waa hunduu jijjiirame.
Nabiyyuun beellama mana yaalaa waan qabuuf Jimaata gara Ameerikaa deemuuf qoqophaa'aa ture. Wixata biyya keessatti beellama biraa qaba.
Nabiyyuun Wixata ganama yeroo baay'ee manatti dabarsa. Har'a wanti addaa inni godhe dafee ka'uu isaati. Fiyooreellaan garuu akkuma barame daftee hin kaane.
Kaasaa namaan hin jenne deemee balbala ishee rukute.
Deebii hin kennine.
"Sababan hin beekneen qaamni koo xiqqoo jeeqame" jedha Nabiyyuun.
Kan duraa balballi cufamuu fi deebii dhabuusaatiin balbala biraatiin seene. Fiyooreellaan of ajjeeftee jirti.
"Of fannifteeti mucayyoon koo kan duute" jedha.
Maatiin wal gahe. Hakiimaa fi ambulaansiin waamame.Fiyooreellan gara hospitaalaa geeffamte. Garuu tureeti.
"Naa gammadi"
Fiyooreellaan xalayaawwan kudhan barreesitee turte. Xalayaawwan kunneen warra ishee, obbolaa fi hiriyoota isheef barraa'an.
Xalayaawwan ishee of eeggannoon barraa'an kunneen dachaafamanii televizhinii cinaatti arge Nabiyyuun. Xalayaan tokko isuma abbaa isheef barraaye.
"Abbaa koo waa hundaa naa gootee na guddifteerta. Gammadduun ture.
Lafa kanarratti waan ani hin argin hin turre.
Waan hundumaa argeera. Homtuu wanni haaraan hin jiru.
Ofittoo ta'uu kootif dhiifama naa godhi. Bakka gaarii waanan deemuf naa gammadi."
LLF (Long live Fiorella)❤️
Fiyooreellaan bara baraan haa jiraattu ❤️
Abbaan ishee xalayaa kana dubbisee yoo fixu gaaffiin tokko sammuu keessa isa naannawaa ture: "Mucayyoon baay'eedhaan akkas jaalatamtu akkamiin waan akkasii murteessuu dandeesse?" gaaffii jedhu.
Paaswoordii bilbila ishee keesseet dabarte.
Hiriyaashee waliin dhimmicha dubbachaa turuu bilbila isheerraa barameera.
"Barattuun'Aayi hin godhi' jettee waaqni ishee gargaaree yoo baraartu; mucayyoon koo garuu murattuu fi kutattuu waan taateef 'murteesseera' lafa kanarra homaa hin barbaadu; gara bakka fooyyee qabuun deema' jettee akkasiin boqotte" jedha Nabiyyuun.
Of ajjeesuu Fiyooreellaa booda Nabiyyuun seenaa wal fakkaataa akkasii hedduu dhagahuu jalqabe.
Ijoollee lafaa dhufti; kanneen umriin isaanii kudhanii fi digdamaa gadii fi dargaggoonni akkanuma of ajjeesaa akka jiru dhagahe.
Hedduun isaanii qaamaa fi karaa websaayitiin doorsisa, itti gamuu fi salphisuu isaanirra gahuun of ajjeesanii jiru.
"Ji'oota lama keessatti yoo xiqqaate ijoollee 40ni of ajjeesanii jiru. Umriin isaanii waggaa 9 hanga 20 kanneen ta'an. Kun kan nu dhageenye qofa. Kanaa ol meeqatam ta'uu danda'u."
Akka yaada Nabiyyuutti, waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa ijoollee lafaa dhufa jijjiirama qaamaa mul'isaa dhufamn irratti xiyyeeffata.
Maatii isaaniirraa adda baasuu fi of ajjeesuun waan haaraa akka hin taane itti himaa jiru.
Warri ijoollee hedduun yeroo baay'ee dhimma kana hin beekan. Manneen barnoota gorsa gahaa hin kennan.
Ijoolleen callisaa fi dararaa keessa akka dabran sababa ta'aa jira.
"Jibbisiisaan jira"
Ijoollee "waanuma xiqqootu isaan gaha" kan jedhu Nabiyyuun;waayee mucayyoo isaa garuu "homaa hin beeku" jedha.
Dubbiin kun garuu ji'a lama dura gangalachaa waan ture.
Kan dallante fakkaatee erga dubbattee boodaa yoosuma deebiftee "Piraankiidha" ykn "qoosaadha" jettee dubbii qabbaneessiti Fiyooreellaan.
Kolfaa fi tapha kan jaalattu Fiyooreellaa hunduu ishee amana.
Lubbuun ishee darbuu dura bilbilli ishee harka hiriyoota ishee ture.
Bilbila ishee bantee kan lallaaltee waan hin amanuuf rakkisu kan agarte hiriyaan ishee akkamitti? jettee gaafatti.
Tiktok irratti "ani furdadheera, nan jibbisiisa, namni natti qoosa" ergaawwan jedhan agarte.
Fiyooreellaan bilbila koo akkamitti agarte jechuun aartee hiriyaa ishee faana wal lolan.
Lolli isaanii abbaa hiriyaa ishee biras gahe. "Bilbila ishee heyyama ishee malee maaliif laalta?" kan jedhan abbaan ishee "dhiifama gaafadhu" akka jedhaniin Nabiyyuutti himanii jiru.
Dhiifama gaafattee jirti.
Hiriyaan ishee garuu dhiifama qofaan irra hin dabarre.
"Ati garuu waan kana hin gootuu" jennaanin "hin godhu" jetteen.
Yoo kakkattu Maaramii jetteen. "Maaramiillee, maaramii, maaramii"jechuun yeroo sadi kakannaaniif kun ni ta'a jettee hin yaanne hiriyaan ishee.
Lolli dagatamee sanbata duraa kubbaa kachoo waliin taphatanii jiru.
Dhiibbaan karaa adda addaa ka'u salphaa miti jedha Nabiyyuun.
"Yeroo ammaati kan deemuu qabdan. Yeroo kana deemuutu filatamaa dha. Maatii keessan gubbaa teessanii achii gadi laaluu fi eeguu dandeessu jedhuun. Maatiirraa isaan foo'aniitu rakkoo keessa isaan galchu" jedha.
Muuka'uu wayii akka qabduu fi xinnoo akka jeeqamtu obbolaawwan ishee ni beeku ture.
Waan yaaddessaa miti jechuu fi fayyummaa Nabiyyuutiif jedhanii callisanii obsaa turan.
"Xinnoo waan nama dhiphisu wayiiti malee sadarkaa kana gaha jennee hin eegne. Sunis furdinni ishee dabaluun akka dhiphachaa turtedha beeku."
Amma yoon yaadu "Kolfa sobaa akkamii kolfaa akka na gowwoomsaa turtetu na dinqa. Amma naa galuu eegale. Mana keessa mallattoon tokkollee hin turre" jedha.
Imala gadda gara jijjiiramaatti jijjiiruu – Yaadannoo Fiiyooreelaa
Duuti Fiiyooreellaa jijjiirama hatattamaa fideera.
Manni-barumsaashee gorsaa xiin-samuu qacareera. Barattoonni waa'ee miidhaa, rakkoowwan fayyaa sammuu fi waa'ee dhiphachuu ifatti dubbachuu jalqabaniiru.
Baayyeen marii maatii isaanii waliin kaasanii hin dubbanne gorsitoota isaaniitti dubbachaa jiru.
Federeeshinii Bishkileetii Finfinnee waliin ta'uudhaan dorgommiin bishkileetii yaadannoo Fiiyooreellaa gaggeeffameera.
Kun hojii jalqabaa karaa maatiishee taasifamedha.
Maqaasheetiin Faawondeeshinii hundeessuuf ammoo adeemsarra jirama. Kaayyoon Faawondeeshinichaas kanneen itti aanan kanadha:
- Waa'ee haleellaa/miidhaa fi miidhaa toora interneetiirratti mul'aturratti hubannoo cimsuu
- Manneen- barnootaa keessatti tajaajilli gorsaa akka kennamu gochuu
- Maatiifi barsiisonni dursanii akka gidduu galan gochuu
- Dhaabbileen itti gaafatamoo gochuu
"Daa'ima tokkollee oolchuu yoon danda'eef"
"Seenaa mucaa koo dubbadhee daa'ima tokkollee oolchuu yoon danda'e" kan jedhu Nabiyyuun, "[akkas goonaan] lubbuun ishee ammallee hiika qabaata."
Fiiyooreelaan dhalaan ol turte.
Obboleettii, barattoo qaxalee, karoora, mul'ataa fi galma gara fuula duraa mucaa qabdu turte.
Seenaan ishee, dhukkubbiin yeroo hunda kan hin argamneefi callisuun kan ajjeesu ta'uu akka danda'u kan yaadachiisudha.
Haleellaan/miidhaan, keessumaa miidiyaa hawaasaarraa dhiibbaa dhufu waliin walitti dabalamee dhimmamee ilaalamuu akka qabu ogeessonni ni hubachiisu.
Jijjiiramni amalaa yeroo jiraatutti hunduu xiyyeeffannaa itti kennuu qaba jedhu.
"Itti fayyadaman bilbilaa jalqabarraa kaasee to'achuun barbaachisaadha. Maatiin ijoollee isaanii beekuu qabu.
Hiriyyoota isaaniis beekuu qabu. Hiriyyoota ijoollee isaanii maatiinis hiriyyaa godhachuu qabu. Manneen-barnootaa keessatti warri gorsa kennaan jiraahcuu qabu. Waan jiru mara bira darbuu hin qaban. Maatiin hirmaattota ta'uu fi kan gaafatan ta'uu qabu," jedha Nabiyyuun.
"...nan godha, lakko hin gootu, waliin jechaa yeroo turanitti ana abbaashee duwwaa ture kan hin beekne... kana garuu erga darbee boodan dhagahe," jechuun muusannoo isaa ibsa.
Ijoolleesaa waliin yeroo gaarii dabarsuu kan dubbatu Nabiyyuun, Fiiyooreellaa ammoo addatti akka itti dhiyaatu" dubbata.
Seenaa Fiiyooreellaa dubbachuuf kan ulfaatu ta'usFaawondeeshiniin ishee seenaan walfakkaatu biraa karaa walfakkaatuun akka irra hin deebiyamne maatiin ishee ni abdatu.
Galmi itti aanu warra kaaniif jiraachuun, "lubbuun ishee hiika akka qabaatu" gochuudha.
LLF ❤️