Konfaransiin nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afriikaa Chaayinaan deeggaramu Finfinneetti eegalame

Madda suuraa, AFP
Walgahiin dhimmoota nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afriikaa irratti xiyyeeffatuufi biyyoota naannichaa hirmaachise deeggarsa Chaayinaatiin Waxabajjii 20, 2022 Finfinneetti eegale.
Walgahichi deeggarsa Chaayinaatiin gaggeeffamunsaa, Chaayinaan erga yeroo dhiyootiin as naannicha irratti dhiibbaa olaanaa qabaachuuf barbaachuu ishee kan agarsiisu jedhamaa jira.
Chaayinaa haalli nageenya naannichaa kan yaaddeesses biyyoota kanneen keessatti waan maallaqa olaanaa baasaa jirtuuf kan jedhanis hin dhibne.
Walgahii guyyoota lamaaf turu kanarrattis qondaaltoonni olaanoon biyyoota Gaanfa Afriikaa bakka bu’an ni hirmatu jedhamee eegama.
Biyyoonni kunneen irra jiraan isaanii kanneen deeggarsa maallaqa Chaayinaa hedduu jedhamu argataniidha.
Keessummeesituun walgahichaa Itoophiyaanis deeggarsa maallaqa mootummaa Chaayinaa irraa biyya argattudha.
Haata’u malee, waggoota darban keessaa tasgabbii dhabiinsaafi wal waraansa biyyattii keessatti cimaa dhufe Chaayinaa yaaddeessuu akka danda’u tilamaamama.
Jalqaba bara kanaatti Keeniyaa dowwatanii kan turan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Mr Waang Yuu, yaalii nageenyaaf taasifamu keessatti biyyisaanii ‘‘gahee olaanaa bahuu’’ akka barbaaddu dubbatanii ture.
Ministirichi kana jedhanii osuma baayyee hin turiin biyyattiin haala hin baramneen ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa muuduun ishee ni yaadatama.
Walgahiin har’a Finfinneetti eegalamu kun kan Chaayinaan deeggaramu ta’ulleen, qaamoolee wal waraanaan marisiisuuf hanga yoonaatti fedhiin ifatti agarsiifte hin jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walgahiin kunis akka agarsiiftuu fedhiiwwan imaammata alaafi invastimantii Chaayinaan naannicha irratti qabdu dabalaa dhufuutti kan fudhatanis hin dhabamne.
Chaayinaan ergamaa addaa Gaanfa Afriikaaf kan muddee Guraandhala darbe keessa ture.
Dippilomaatiin beekamoodha kan jedhaman Shuu Biing osoo mudama kanaaf hin kaadhimamiin dura, Paapaawuu Niiw Giiniitti ambaasaadara ta’un tajaajilaniiru.
Kana males, biyyasaanii bakka bu’uun Afriikaa, Ameerikaa fi Oshiniyaatti itti-gaafatamummaa adda addaatiin tajaajilaniiru.
Chaayinaan Baha Afriikaatti fedhiiwwan loltummaa, siyaasaafi diinagdee kan qabdu yoo ta’u, mandarri human galaanaa Jabuutiitti hundeessite guddichis kan gama kanaan eeramuudha.
Akkasumas, Chaayinaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota qaxanichatti argamaniif liqaa olaanaa kennuun alatti, biyyoota keessatti pirojaktiiwwan gurguddaa gaggeessaa jirti.
Wal waraansa Itoophiyaa, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaatti argamuun nageenya amansiisaa irra gahu dhabuunsaa, akkasumas rakkoon Sudaan Kibbaa hagan yoonaattu furmaata hin argatiin, dhimmoota qaxanichaaf rakkoo ta’an keessaay.
Chaayinaan alattis Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa dhimma biyyoota Gaanfa Afriikaa itti dhiheenyaan kan hordofan ergamtoota addaa akka qaban ni beekama.












