Kibba Tigraayitti aanga'aan duraanii kaafamuun muddama haaraa uume

Madda suuraa, SM
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay bulchaa duraanii Godiina Kibba Tigraay angorraa kaasuun hogganoota biroon bakka buusuu hordofee naannichatti muddamni dhalate.
Ji'ootan dura pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan ta'an Jeneraal Taaddasaa Warradaa itti gaafatamaa Godiina Kibba Tigraay aangorraa kaasuu hordofee mormiifi walitti bu'iinsa mudateen lubbuun namaa darbee ture.
Boodarra aanga'aan Kibba Tigraay bakka duraatti akka deebi'u godhamee muddamni dhalate tasgabbaa'ee ture.
Haa ta'u garuu ji'a tokko booda utti gaafatamaan Godiina Kibba Tigraay Obbo Haftuu Kiiroos kaafamuun miseensa koree giddu galeessaa TPLF kan ta'e Obbo Zinaabuu Gabra Madihin bakkasaa buufamuun muudamuu hordofee muddamni bifa haaran ka'e.
Obbo Haftuun uummata Kibba Tigraay irraa deeggarsa cimaa akka qabutu himama. Kanarraa ka'uun bakkasaa namni biraa akka hin buune uummanni hiriira bahuun mormii gaggeessaa turuun ni yaadatama.
Itti gaafatamaan duraanii Kibba Tigraay erga kaafamanii booda eessa akka jiraniifi haalli naannichaa maal akka fakkaatu BBCn iyyaafateera.
Obbo Zinaabuu Gabramadihin ALItti Hagayya 18, 2017 irraa kaasee bulchaa Godiina Kibba Tigraay ta'uu kan agarsiisu raabsuun biiroo gaggeessaa duraanii cabsuun seenun hojii eegaleera.
Qondaalli haaraa muudame kun magaalota Kibba Tigraay kanneen akka Carcar fa'aatti marii hawaasaa osoo gaggeessuu mul'ateera. Wal-tajjii addaa addaa irratti, "nuti sin filanne, humna qawween hin bullu" jechuun uummanni mormii irratti kaasuu hirmaattonni marichaa BBCtti himan.
Qondaalli aangorraa kaafaman Obbo Haftuu Kiiros eessa akka jiraniif maal akka hojjataa jiran BBCn iyyaafatee, uummata kakaasaafi gurmeessaa jiraachuu dibbatan.
"Godiina Kibba Tigraay keessatti uummata kakaasaa uummata gaggeessaa jirra. Kibba Tigraay keessa holqaafi dirree baay'etu jirra, achi jirra," jechuun magaalan ala akka jiran himan.
Bakkeewwan tokko tokkotti poolisoonnifi milishonni uummata waliin hiriirus himan Obbo Haftuun. Kuni ammoo mormiin uummataa gara walitti bu'iinsatti cehuu danda'a sodaa jedhu uumera.
Haalli amma jiru hin furamne taanan "daandii nagaa keessaa nu baasanii [TPLF) daandii qabsoo nuti hin barbaannetti nu geessuu danda'u," jechuun mormii uummataarraa gara qabsoo hidhannootti seenuu akka malan waan akeeku dubbatan.
Qabsoo hidhannoo eegaluufi dhiisuusanii kan gaafataman Obbo Haftuun, "Yeroo dhiyootti ejjannoo keenya beeksifna" jedhan.
Mariin Janaraal Taaddasaa Warradaa waliin godhan maaf milkaa'uu dide?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay waliin waliigaltee gaarirra gahanii turuu kan yaadatan bulchaan duraanii Godiina Kibba Tigraay Obbo Haftuun, Jeneraal Taaddasaan qofaasaanii homaa gochuu akka hin dandeenye ibsan.
Marii magaalaa Maqaleefi Mayicaawutti uummata waliin Jeneraal Taaddasaan gaggeessan irratti, uummanni gaggeessaa ofiin filate qofaan akka buluu barbaadufi gaggeessaa isaanii akka hin jijjiirre ibsee akka ture himu.
Obbo Haftuun akka jedhanitti, aangorraa kan isaan kaase "Koree Komaand Poostii" akka ta'e himatu. Obbo Haftuun ofiisanituu ittaanaa korichaati.
Koreen Komaand Poostii naannichaa miseensota sagal kan qabu yoo ta'u, gaggeessan dursaa TPLF kan ta'an Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eli. Gaggeessitoonni TPL fi qondaalonni waraanaa olaanon miseensa korichaati.
Hundeeffama Koree Komaand Poostii kana ilaalchisee bulchiinsa yeroo irraa ibsi kenname hin jiru.
"[Jeneraal Taaddasaa] waliin akka walii galetti osoo ta'ee, Kibba Tigraay qofaatti osoo hin taane guutummaa Tigraayitti bu'aan gaariin ni argama ture," jechuun qondaalonni TPLF dudduubaa dhiibbaa akka taasisan himan.
Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo duraanii Naannoo Tigraay kan ta'aniifi amma Gorsaa MM kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa bakka dhalootasanii Kibba Tigraayi irraa deeggarsa cimaa qabu jedhamee amanama.
Obbo Getaachoon bulchiinsa naannichaarraa ka'uu hordofee Obbo Haftuunis akka kaa'an murtaa'un Kibba Tigraayitti mormiifi muddama uumee ture.
Mormii Kibba Tigraayi irraa adeemsa bulchiinsa Jeneraal Taaddasaa irratti ka'ee jiru duuba kan jiru partii haaraa Obbo Getaachon hundeessan, Simret" jedhamuudha jechuun Biiroon Nageenyafi Tasgabbii Naannoo Tigraay himatee ture.
Kibba Tigraayitti gaggeessitoota duraanii aangorraa kaasun haaradhaan bakka buusun gara walitti bu'iinsatti geessuu mala kan jedhu yaaddoo jiraattotaati.
Obbo Haftuun akka jedhanitti ammayyuu jaarsoliin gidduu deemun "dhiisaa" jechuun yaalii gochaa jiru.
Bulchaan Kibba Tigraay haaraa muudame dhalataa naannichaa waan ta'eef maalif mormiin akka irratti kan gaafataman Obbo Haftuun, dhalataa naannichaa gaggeeffamuu osoo hin taane uummanni nama ofii barbaadun gaggeeffamuu akka fedhu BBCtti himan.
"Uummanni Kibba Tigraay hanga ammaa ani Tigreedha jedheeti qabsaa'aa kan jiru. [Garuu] wal-tajjii garaa garaa irraa qoollifamee jira," jechuun komatu.












