Haadha namoota mucaashee butaniif birrii kuma 600 kanfaltee du'asaa miidiyaa hawaasaarratti dhageesse

Madda suuraa, Yordanos Gayim
Naannoo Tigraay magaala Indaabaagunaa kan dhiheenya Shireetti argamtuutti tibbana mucaan waggaa torbaa butamee ajjeefamee gatamuun jiraattoota magaalichaafi fayydamtoota miidiyaa hawaasaa baayyee naasiseera.
Mucaan waggaa torbaafi maqaansaa Naa'ool Taklaay Birhaan jedhamu erga butameen booda gadhiisiisuuf haatiisaa birrii kuma 600 erga kanfalteefiin booda muciicha ajjeesanii riqicha irratti kan gatame torban darbe keessa ture.
Muciichi ajjeeffamuun erga gatameen booda reeffiisaa tiksitootaan argamunsaa haadha ijoollee lamaa kan taatee dubartiin umuriin waggaa 32 Yordaanoos Gaayiimm BBC Tigriffatti himteetti.
Jireenya ijoolleeshee fooyyeessuuf jecha waggaa muraasaan dura jireenya ishee Sudaan Kibbaa keessa kan taasifatee Yoordaanoos, AL Adooleessa 22, 2017 galgala ergaan bilibilaa ishee dhaqabe baayyee kan ishee naasise ture.
''Maatiinkoo galagala sa'aatii 1:30 irratti naa bilbilanii mucaankee badeera naan jedhan. Ana kan natti fakkaatee naannoo mana keenyaa sababii boolli bishaanii jiruufi yeroonsaas ganna waan ta'ef soloolaatee bishaan keessa bu'ee laata? Yookan ammoo haatikoo akka dhukkubsatte waan beekuuf gara Shiree yoo deemtu ishee hordofee deemee ta'aa? malee mucaankoo gonkumaa ni butama jedhee hin yaadneen ture'' jetti.
Yoordaanoos mucaanshee baduu galgala itti dhageessee sanaa kaaftee hanga bari'uutti mucaashee barbaaduu itti fufte. Suuraa isheefii kan mucaashee kun irra jiru walitti qabsiisuun namni arge yoo jiraate jechuun hiriyootaa fi maatiitti ''namni mucaa kana arge ijji keessan haa ifu'' ergaa jedhu waliin miidiyaa hawaasaa irratti maxxansite.
Haatii dhimma mucaashee itti ta'es osoo qolli ijashee walirra hin bu'iin bariisiiftee ganama gara sa'aatii sadiitti nama isheen hin beekneerraa bilbilli bilbilameef.
''Karaa IMO irratti maqaa 'My Black' jedhuufi kan suuraan pirofaayilii isaa shuquxxii ta'en naa bilbilame. 'Yoordaanoos ati?' naan jedhe. 'Eeyyee'' jedheen. Mucaanati badeerra jettee Facebook irratti maxxansite hin badne. Naannoo Maay Tsabirii harka shitootaa jira. Maallaqa yoo kanfalte gadi si dhiifama;; akka jedhaniin BBCtti himteetti.
Baga mucaankoo boollaa keessa hin bu'iin malee maallaqa hanga barbaaddanana isiniif kanfala'' jechuun akka deebiifteef dubbatti.
Namoonni muciicha butanis akka birrii miiliyoona lama kanfatu gaafatan.

Madda suuraa, Yordanos Gayim
Maallaqa isaan gaafatan kanfaluudhaaf humna akka hin qabne itti himuudhaan, abbaa mucaa wayita gaafateetti maallaqni gaafatame baayyee waan ta'ef akka hir'isaniif akka gaafattu itti hime.
Yoordaanoos namoota mucaashee butan waliin marii irra deebiin taasifteen birrii miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba torbatti gadi buusan.
Namoonni butanis viidiyoo mucaashee erganiif. Viidiyoo sanarratti ''mucaankoo, haadhakoo akka gadi nalakkiisaniif maaloo maallaqa ergiif'' miillisaa tokko gara nama mullatu tokkootti deemee yoo hammatamu mul'ata'' jechuun ibsiti Yordaanoof.
Guyyaa lamaan booda gaafa Kamisaa birrii kuma 600 akkaawuntii isaaniitti kan galchite Yordaanoos, ''adaraa mucaakoo akka itti hin qorriine maallaqa hunda nan erga jechuun namoota muciicha butaniin adda bahu'' himti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni mucaa ishee butan halkan guutuu intarneetii irra waan hin turreef Yordaanoos dhibbachaa bulte.
Jimaata ganama ergaa interneetii irratti erganiifiin ''birriicha miiliyoona tokko si goonaa kuma 400 hafe galchi'' jedhanii gaafatan.
Namoonni butanis mucaashee halbeedhaan doorsiisaa ''haadhakoo maaloo akka na hin ajjeefneef maallaqicha ergiif'' jedhee yeroo kadhatu viidiyoo waraabanii Imo irratti erganiif.
Yeroo gabaabaa keessatti ''birrii hafe kuma 400 yoo ergu baattee mucaakee lubbuun hin argattu'' jechuun akka dorsiisan dubbatti.
Haata'u malee jarreen mucaa guyyaaa Jimaataa qalanii erga gatanii booda maallaqicha hafe fudhachuuf gaafataa jirachuu fi mucaan lubbuun akka waan jiruu fakkeessuufi viidiyoo duraan waraaban ergaafii akka turan booda keessa hubatte.
Kanaanis mucaashee gadi dhiisiisuuf jecha maallaqa argachuuf oliifi gadii yeroo fiigaa jirtuutti maatiinshee gara biyyaatti deebii'uu qabda jedhaniin.
Reeffii mucaahsee daandii Inidaagubaadhaa gara Shira Indasislaasee geessuu irratti bakka 'Indaa Kirecharaat' jedhamuun beekamuutti yaa'aa daandii irratti argamuu keessatti gatamee tikstootaan argamee akka tureefi isheen baruu baattuus maatiin gara biyyaa koottu jechuun ergaa akka erganiif dubbatti.
Ajjeefamuu Naa'ood kan mirkanneessan maatiin Yordaanoos isheenis tikeettii kutattee gara biyyaatti akka deebiitu maallaqa kamuu akka hin ergine akeekkachiisuu dubbatti.
Haata'u malee osoo gara biyyaatti deebii'uuf qophiirra jirtuu reeffa mucaashee riqicha keessatti gatame suuraa kaafamee miidiyaa hawaasaa irratti qoodamee agarte.
''Suuraa reeffa mucaakootii karaa Facebook irratti ergaa si haa jebeessuu waliin yoo naaf ergan of wallaaleen kufe. Isaan boodas erga namoonni na kaasanii tasgabbaa'een booda gara biyyaatti na gaggeessan'' kan jettu haati tun, suuraa reeffa imashee yoomiyyuu sammuushee keessaa hin banne haala itti agarte yaadatti.
Yoordaanoos yoo Shiree geessu reeffi mucaashee qorannoof bakka itti ergame Maqaleerraa gara Shiree deebii'ee ture. ''Reeffa mucaakootiin wal duraa duuba Shiree qaqabne. Awwaalcha mucaakoorrattan argame'' jechuun miira gaddaatiin dubbatti.

Madda suuraa, Yordanos Gayim
Ajjeechaa Naa'ood Taklaay Birhaana waliin wal qabtee hanga ammaatti manoonni shakkaman sagal to'annoo jala oolfamuu itti gaafatamaan nageenya magaalaa Indaabaagunaa BBCtti himaniiru.
Itti fufuudhaanis qorannoo taasifameen kanneen yakkicha keessatti hirmaatan gara biyya biraatti baqachuu qorannoon agarsiisuu, akkasumas biyya itti argamu jedhameetti itti gaafatamaan kun BBCtti himan illeen, akka qorannoo irratti dhiibbaa hin taasifneef jecha maqaa biyya jedhamee BBCn eeruu dhiiseera.
Shakkamtoonni deeggarsa dhaabbata adamsaa yakka idil-addunyaa (Interpool) waliitiin karaa ittiin to'ataman barbaadaa akka jiru itti gaafatamaan nageenyaa kun BBCtti himaniiru.
Shakkamtoonni hanga ammaatti yeroo tokko mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u, Jimaata ALI Hagayya 9, 2017tti beelamni qabameera.
Magaalaa Indaabaagunaatti daa'imti ukaamfamee maallaqni yoo itti gaafatamu kun kan jalqabaa ta'u kan dubbatan itti gaafatamaan nageenyaa kun, ta'us guutuu Tigraayiitti yakki walfakkaatu baayyachaa jiraachuu ibsaniiru.
''Hawaasaafi galanni haa ta'utii xiqqoo tasgabbaa'eera. garuu biyya mootummaa keessa jiruutti daa'imman haala sukkaneessaa akkasiitiin yoo ajjeefaman baayyee nama gaddisiisa'' jechuun gadda itti dhagahame himti Yoordaanoos.
Jiraattoonni magaalichaa ijoonni yoo gara suuqiitti ergaman tarii balaan akka Naa'ood mudachuu danda'aa laata ? jechuun yaaddoofi dararaa keessa jiraachu kan dubbatu haati tun, sirni haqaa namoota mucaashe ajjeessan irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne akka fudhatuuf gaafatteetti.












