'Waggoota sadii keessatti Afaan Oromoo baradheen kitaaba seerlugaa barreesse'

Dr Habtaamuu Gabayyahu

Madda suuraa, Dr Habtamu Gebeyehu

    • Barreessaa, Elias Mulugeta Hordofa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi

Tarii isa wajjin wayita haasoftan namni kun waggoota dheeraaf hawaasa afaanicha haasawu keessa jiraateefi beekumsa afaanii isaa fooyyeessaa jiru fakkaata jettu taha.

Haatahu malee, dargaggoon ganna 30 kun tokko jedhee Afaan Oromoo barachuu kan jalqabe ganna sadiin dura ture.

Dr. Habtaamuu Gabayyahu kaaba Itoophiyaa Magaalaa Gondaritti dhalatee guddate. Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee keessa ogummaa isaatiin hospitaala tokko keessa tajaajilaa jira.

Hakiimni waliigalaa kun yaadni namoota hedduu biratti “Afaan haaraa tokko barachuuf waggoota dheeraa fudhata” jedhu osoo isa hin daangessin, yeroo gabaabaa keessa Afaan Oromoo barachuun, hanga kitaaba seerlugaa barreessuu gaheera.

Naayiroobiirraa bilbileefi garii Afaan Oromoon akkasumas Afaan Amaaraan wayita haasofnutti, “barataanis rakkoo isa mudate furuuf kitaaba qopheessuu danda’a,’’ jechuun waan milkeessetti boonee, imalasaa yeroo gabaabaa keessa Afaan barachuu naaf qoode.

Haasawa keenya wayita eegallu: “Magaalaa Gondaritti dhalattee akka guddatte natti himtee jirta, akkamiin akkanaan Afaan Oromoo haasawuu dandeette?” jedhee gaafadhe.

“Durumaa kaasee Afaan kana barachuuf fedhii qaban ture. Biyya keenyatti afaanonni hedduu ni dubbatamu, isaan keessaa ani kanin beeku afaan dhalootaa koo Afaan Amaaraa qofa ture.

Yoo xiqqaate afaan dabalataa tokko otoon danda’ee fedhii jedhu qaban ture,’’ jechuun hime.

Dabaluunis, “Hakiima tahuun wayita Finfinneetti hojii jalqabu, dhukkubsattoonni garii keessattuu kanneen naannawa Finfinneerraa dhufaniifi Afaan Oromoo qofa dubbatan wajjin waliigaluun [rakkisaa ture].

Waanta isaan dhukkube gaafachuun wal’aansa isaanii kennuuf, namni afaan hiiku barbaachisa. Anis namni afaan hiiku [dabalataa] jiraachurra, yoo ani danda’ee wajjin dubbadhe, tajaajila fooyya’aa kennuufi danda’a jedheen yaade.

Kanaaf fedhii duraan qabuufi rakkoo bakka hojiitti na qunname walitti dabaluun, Afaan Oromoo barachuuttin ka’e,” jedha.

Jechoota 500… imala Afaan barachuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Haati warraakoo hagas mara tahuu baatus Afaan Oromoo muraasa beekti. Kanin [imala koo] eegale jechoota isheen beektu irraati,’’ jedha hakiimni kun.

“Yoo namni fedhii qabaate, kan Afaan Oromoo dubbatu hedduudha,” kan jedhu dargaggoon kun, kana milkeessuuf maloota adda addaa hojiirra oolche.

“Namoota afaanicha dubbatan gaafachuun, achis intarneeta irraa, akkasumas galmee jechootaa bitee dubbisuun, jechoota hedduu bare. Tattaaffii taasise kanaan jechoota hanga 500 tahan baruu danda’e.”

Haatahu malee Dr Habtaamuun jechoota kana hunda haa beeku malee, isaan walitti fidee hima ijaaree haasawuun salphaa akka hin taane hubate.

“Jechoota kana qindeessuun hima ijaaree afaanicha fayyadamuu hin dandeenye. Kanaaf afaan ani beekun, kitaaba seerluga Afaan Oromoo barsiisu yoo jiraate jedheen barbaaduu jalqabe.

Kana argachuufis manneen kitaabaa Finfinnee keessa jiran marmaare – argachuu hin dandeenye. Kanin argadhe kitaabilee galmee jechootaafi haasawa barsiisan turan. Kanneen seerluga barsiisan ammoo Afaan Oromoon qofa kan qophaa’an turan.

Isa hubachuuf ammoo nama afaanicha dubbachuu danda’u tahuu qabda,’’ jedha Dr Habtaamuu.

Silaa otoo nama kaan tahee haala kanaan abdii kutachuun karoora afaanicha barachuuf qabu dhiisuuf carraan isaa guddaa ture.

Kun garuu uumama dargaggoo kanaa miti – mala biraa dhawuutti kahe.

“Kanaan abdii hin muranne, mana barnootaa afaanii dhaqe. Isaanis [barnoota seerlugaa qofa] dhuunfaan malee gareen hinqabnu naan jedhan. Kanin barbaadaa ture seera afaanichaa qofa waan tureef, beessee baasee baradhe.

Waanin barbaadu baree waanin deemeef, koorsii gabaabaa ji’a sadii – sa’aatii 36 ture fudhadhe.’’

Haala kanaan seera afaanichaa achitti erga baratee booda, amma kitaabota seerlugaa barattootaaf Afaan Oromoon barreeffaman argatee dubbisuun dandeettiisaa daran cimsate.

Akkasiinis kitaaba matadureen isaa ‘Riqicha – Seerluga Afaan Oromoo’ jedhu ji’oota shanin dura maxxansuu danda’e.

Close up of African nurse holding female patient's hand

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, “Dhukkubsattoota wajjin turjumaana malee walarga – kun anaaf milk’aaina guddaadha,’’ jedha hakimni kun.

‘Qaawwi waan tureef… kitaaba kana barreesse’

“Yeroon ani afaanicha baradhutti, kitaaba seera afaanichaa afaan dhalootaa kootin na barsiisu waanin dhabeef, qaawwa kana guutuuf kitaaba kana qopheesse,’’ jechuun ogeessi fayyaa kun dubbata.

“Yeroo kanatti wayitan kitaabilee dubbisu, mana barnootaa deemu, akkasumas intarneeta ennaan abuuru, yaadannoo qabachaa qo’achaan ture. Yaadannoon ani qabadhes garmalee heddummaate.”

Barreeffamni rakkoo qabu furachuuf walitti qabaa ture, kitaabatti otoo geeddaramee qixaa’ee, namoota akkasaa rakkoo walfakkaatu qaban gargaaruu akka danda’u yaaduun hojiitti seene.

“[Yunivarsiititti] fayyaan baradhe malee seera afaanii hin baranne. Ani kitaabicha qopheessuuf nama sirrii tahuu baadhus, qaawwi waan jiruuf [kanatti seene],’’ jechuun “Barataanis rakkoo isa mudateef furmaata kennuuf kitaaba qopheessuu danda’a,’’ jedha.

Dabalataanis imala Afaan Oromoo barachuu kana keessatti, namoota kaan afaanicha barachuuf fedhii qaban arguusaa himuun, isaan gargaaruuf jechas jaatanii kana jalqabuu hima.

Achis barreeffamoota isaa akka kitaabaaf tolutti qixeessuun, barreeffama fuula 260 tahu gulaallii jalqabaan qopheesse. Achis hiriyootasaa Afaanicha dubbataniif agarsiisee isaanirraa yaada fudhate.

Yaada isaanirraa fudhates akka galteetti fayyadamuun, barsiisaafi gulaalaa Afaan Oromootti kennuun gulaalchisee, maxxansiise.

Afaan Oromoo barachuun hangam cima?

“Namni Afaan Amaaraa dubbachuu danda’u, salphumatti Afaan Oromoo barachuu danda’a,’’ kan jedhu Dr Habtaamuun, amma dura garuu akkuma namoota hedduu, Afaan Oromoo akka haaraatti barachuun hedduu ulfaata jedhee yaadaa akka ture hima.

“Afaan damee Kuush kan ta’e Afaan Oromoo, nama afaanota Seem dubbataniif rakkisaadha dubbiin jedhu jira. Anis yaadni kun dhugaadha jedheen yaada ture.

Ergan keessa seenee ilaalee booda garuu, waanti na mudate waan addaati – ani kanaaf fakkeenya jiraataadha.”

Afaan Oromoo zeroo irraa ka’ee barachuu kan eegale ganna sadiin dura akka tahe kan himu dargaggoon kun, nama Afaan Amaaraa dubbatuuf Afaan Oromoo dubbachuun akka yaadamu cimaa miti jedha.

Hiriyoota isaa muraasaan ‘maaliif Afaan Oromoo haasawuu hin barattan?’ jedhee wayita gaafatutti, deebii ‘Afaan Ingiliizii waggoota hedduuf baranneyyuu sirnaan dubbachuu hin dandeenye, afaan haaraa baruuf waggaa hedduu nutti fudhata,’’ akka jedhaniin hima.

Dr Habtaamuun garuu: “Afaan biyya keessaafi biyya alaa ennaa barattu tokko miti. Afaan biyya keessaa dareen alatti, hiriyootaafi hawaasarraa barachuu dandeessa…,’’ jedha.

“Afaan Oromoo baradhee sadarkaa amma gaherra gahuuf yeroo natti fudhate, otoon Afaan Ingiliizii tahe yeroo kana keessa as waanin gahu natti hin fakkaatu.

Kanaaf yaadni ‘afaan Kuush, kanneen afaanota Seem irraa tahaniif ni ulfaata’ jedhu sirrii miti. Namoonni yeroo gabaabaa keessa barachuun; dubbachuu, dubbisuufi katabuu danda’u.”

Hakiimni hospitaala magaalaa Finfinneetti argamu keessatti tajaajilaa kennaa jiru kun, waggoota dhiyoon dura dhukkubsattoota isaaf wal’aansa kennuuf namni Afaan hiiku isa barbaachisa ture.

Ammatti garuu namni wal’aanu Afaan Oromoo callaa kan haasawu taanaan, ofiidhuma isaa ‘Mee maal keessan isin dhukkuba?’ jechuun rakkoo isaanii gaafatee isaan wal’aana.

“Dhukkubsattoota wajjin turjumaana malee kallattiidhaan walarga – kun anaaf milk’aaina guddaadha,’’ hakiimni ganna 30 kun.

“Ammallee afaanicha baradhee hin xumurre, tahus gammachuu fuula isaanirraa arguufi na galateeffatanii ennaa bahan [anaaf gammachuu guddaadha].”

‘Afaan riqicha – laga ceesisa’

“Matadureen kitaaba kootii ‘Riqicha’ jedha. Riqichi laga tokkorratti ijaaramu, naannolee fi namoota bakka adda addaa lama jiran walitti fida.

Kana malees hawaasa keenya keessatti ‘Afaan laga ceesisa’ jedhama. Yaada kanaaf beekamtii kennuuf mataduree kitaabaa koo Riqicha jedheera,’’ jechuun ibsa.

Dr Habtaamuun afaanicha baratee, kitaaba seera afaanichaa barsiisu kana maxxansee na gaheera jedhee hin teenye.

Kanneen kitaabicha argachuu hin dandeenyeef ammoo marsaa hawaasaa Telegram gubbaa chaanalii banatee, gama sanaanis namoota fedhii qaban barsiisaa jira.

Dubbii keenya bilbilarraa wayita goolabnus: “Afaan Oromoo ammallee barachaan jira hin xumurre… kitaabni koos gulaalamee fooyya’ee akka maxxanfamu abdiin qaba,’’ jechuun natti hime. Akkasiin wal galateeffanne gargar baane.