Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayidan filannoo bara 2024'f duula na filadhaa eegalan
Pirezidaantin US Joo Baayidan filannoo bara 2024 gageeffamuuf duula na filadhaa eegalan.
Paartii Dimikiraatotaa bakka bu'uun kan dorgoman Baayidan, marsaa lammataaf aangorra kan isaan tursiisu deeggarsa barbaacha ka'anii jiru.
"Yeroon kun yeroo itti callifnee teenyu miti, kanaafan pirezidaantummaaf dorgamaa jira," jechuun dimokiraasifi mirgi lammiilee biyyattii yaaddoo jala jiraachuu himan.
Ittaantuun Joo Baayidan, Kamiilaa Haaris, fiannoo ittaanu kana Baayidan waliin akka dorgommiif dhiyaattu beeksifte.
Baayidan jaarsa ganna 80 yoo ta'an pirezidaantota hanga ammaa Ameerikaa bulchan keesaa nama umuriin hangafa ta'edha.
Namni waggaa hamma kanaa akkamitti marsaa lammataaf pirerzidaantii ta'uuf dorgoma kan jedhanii qeeqanis jiru.
Filannoo dhufu yoo mo'atan, marsaa lammaffaa piredaantummaa US bara 2029 gaafa xumuran nama ganna 86 ta'u.
"Waa'ee umurii kootii gafachuunsaanii waanuma eegamuudha, garuu callisaatuma [waanan hojjadhu] ilaalaa," jechuun deebii kennan.
Baayidan bara 2020 Doonal Tiraamp mo'achuun ture aangoo kan qabatan. "Waggaa afur dura yeroon pirezidaantummaaf dorgomu sana 'lubbuu Ameerikaa' oolchuuf akka ta'e dubbadheen ture. Ammas sanumatti jirra," jedhan Baayidan duula na filadhaa kanarratti.
Dimokiraatotarraa filannoo ittaanurratti Baayidan akka morkatan kan beeksisan Doonald Tiraamp dursanii duula gaggeessuu eegalaniiru.
Baayidan filannoo dhufurratti ni hirmaatu moo hin hirmaatan kan jedhu gaaffii nama hedduu ture. Amma ifatti beeksisuun duula eegalaniiru.
Masaraa Waayit Haawusitti gorsa olaana Baayidan kan ta'an Juulii Chaaves Rodirigeez ittii gaafatamaa duula filannoo Baayidan ta'aniiru.
Hanga ammaa paartii dimokiraatotaarraa Baayidan mormiin cimaan mudate hin jiru. Garuummoo Baayidan filannoo dhufurratti hirmaachun gaarii miti kan jedhan jiru. Baayidan nama umuriin dullooman ta'uun ammoo akka sababaatti ka'a.
Ammatti paartii Dimokiraatotaarraa filannoo dhufutti Baayidan harkatti barcuma qabuuf namooni lama of-beeksisaniiru: Maarin Wiiliyaamsaniifi Roobart Keneedii Juuniyeer.
Namoonni kun lamaan paartii Dimokiraatotaa keessaa Joo Baayidan ni mo'atu jedhame hin eegamu. Baayidaniif kan sodaachisu paartii Rippaabilikaanotaarraa Doonaald Tiraampdha.
Tiraamp yakka garaa garaan qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraatus bara 2024tti filannoo pirezidaantummaa mo'achuun Waayit Haawusitti ni deebi'a jedhamee eegama.