Puutiin ajajaa Waagnar duraanii Andiree Tiruusav waliin mari'ate

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ajajaa olaanaa duraanii garee mindeeffamtoota Waagnar, kan amma Kiremiliin ministeera raayyaa ittisaa keessa akka hojjatu himte, waliin mari'atan.
Andiree Tiruusav gargaaraa dursaa Waagnar duraanii, Yevgeeny Piriigoozhiin, kan baatii Hagayyaa keessa balaa xiyyaaraatiin ajjeefamee ture.
Duuti hooggana garee Waagnar erga loltoonni isaa gara Mooskootti qajeelanii turaniin baatiiwwan lamaan booda raawwatame.
Puutiin Tiruusav akka gareewwan loltoota tola oltootaa Yukireen keessatti dursuuf gaafachuu himte Kiremiliin.
Pirezidanti Puutiin Mr Tiruusav’tti wayita dubbataniitti, ‘‘gareewwan tola ooltummaa hojiiwwan ittisaa hedduu hojjachuu danda’an, hunda caalaa zoonii oppareshinii waraana addaatti’’ Yukireen keessatti hojjachu danda’a jedhan.
‘‘Innis dhimmoota dursa furamuun barbaachisu waan beekuuf, lolli haala gaariifi milkaa’aan deemaa jira,’’ jedhan Puutiin.
Dubbi Himaan Kiremiliin, Dimitirii Peskoov ejansii Oduu RIA’tti akka himaniitti, Aab Tiruusav ‘‘amma ministeera Ittisaa keessa hojjatu.’’
Waligahiin Puutiin kunis isa waliin taasisan fincila Waaganar baatii Waxabajjii keessa taasisee ture hordofuun aangoo isaa mirkaneessuuf kan yaalameedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hoogganaan Garee Waagnar duraanii Piriigozhiin sa’aatii 24’f fincila gaggeessaniin, loltoota isaa magaala kibba biyyattii Roostoov’tti erguun, ittaanse ammo gara Mooskootti erga qajeelaniin booda booddeetti deebi’an.
Taateen sunis waggoota 20 keessatti rakkoo guddicha aangoo Puutiin mudate ture.
Puutiin baatii darbe keessa mindeeffamtoota Waagnar fi dhaabbilee waraana dhuufnaa Raashiyaa gara biraatiin akka Raashiyaaf akka amanaman wabii akka kennani waamicha taasisan.
Insititiyuutii Tajaajilawwan Gamtaa Royaal irraa Naatiyaa Seskuriyaa, BBCtti akka himaniitti, walgahiifi ifatti jajjuun Obbo Puutiin kunis ‘‘haalicha to’ataa fi namoota Piriigozhiitti marsan to’ataa jiraachu’’ agarsiisuudhaaf.
‘‘Dhugaan dubbi Himaan Kiremiliin mirkanneessee ammo, Tiruusav waraanaa Raashiyaaf hojjata jedhus, Piriigoozhiin booda waraana raayyaa ittisaatu oppareeshinii waraana addaa Yukireen keessaa to’ataa jira jechuudha’’ jedhan.
Kiremiliin ammo, ‘‘ammalleen of eeggannoo olaanaadhaan qabeenyaa Waagnar irratti hirkataa jirti,’’ jedhan itti dabaluun.
Aab Tiruusav riifeensa mataa haariidhaan beekamu. Innis waraanaa Raashiyaan Afgaanistaaniifi Chechnyaa keessatti gaggeessiteen qondaala waraanaa duranii baayyee kabajamoodha.
Innis Waraanaa bara 2015 fi 2016tti gaggeeffameen akka ajajaa Waaganariitti deeggarsa humnoota mootummaatiif taasiseen Badhaasa Goota Raashiyaa badhaafameera.
Piriigoozhiifi namoonni sagal gara biraa Hagayya 23 balaa xiyyaraatiin dhiheenya Mooskootti ajjeefaman. Kiremiliin ajjeechaa kana keessaa harka akka hin qabne himte.
Hoogganaan Waaganar erga fincila gabaabaa gageesseen booda namoota baayyeedhaan akka ‘‘ekkeeraa imaluutti’’ isa ibsu turan.
Waraanni Yukireen bakka gaggeeffamaa jiruutti, Mooskoon Kamisa darbe bajata warana ishee irratti %68 dabaluu beeksiifte.
Kanaanis bajanni waraana biyyattii bara 2024tti tiriliyooa rublees 10.8 (paawundii miliyoona 90) kan gahu yoo ta’u, GDP biyyattii keessaa %6 haguuga.












