Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dubartoonni ilaalcha ofitti amanamummaa isaanii xiqqeessu mo'atanii fuulduratti bahuu qabu'
Dubartoonni qixxee dhiiraa ba'anii akka waa hin milkeessine ilaalchi hawaasaafi qormaatileen hamilee dubartoota buusan ammallee ni jiru jetti Shamarree Daraartuu Caalchisaa.
Barreessituun kitaaba jiruu fi jireenya dubartoota ibsu 'Gola Harmee' Daraartuun, ilaalcha akkasii sanarratti gaheen maatiifi itti gaafatamummaan dubartoota irra jiru haalli sun daranuu akka ulfaatu taasiseera jetti.
Daraartuun gaaffii fi deebii addatti BBC waliin taasifteen, kitaabashee 'Gola Harmee' jedhu keessatti, oolmaa haadholiin gola tokko tokkoo harmeewwanii jiru, fakkeenya haadhashe irraa ka'uun barreessuu dubbatti.
"Golli harmee beekumsa, ogummaa, kaamettummaa, aarsaa fi obsaan kan guutameedha" jetti.
Garuu bu'aa bahii fi ijibbaata hadholiin dhalasaanii guddisuuf taasisaniin waan wal gitu dhalootarraa argataa jiruyyii kan jedhu irratti xiinxala ishee keessi.
Gama biraan ammoo, dhiibbaa gama hawaasaatiin hamilee fi cimina dubartootaa gadi xiqqeessan akkamitti akka hamileefi hirmaannaa dubartootaa irratti dhiibbaa qabanii fi dhaloota ammaa keessattillee danqaa ta'aa jiru dabalatee, haala ittin injifachuun danda'amu irratti yaada furmaata dhiyeessiti.
Sirna Gadaa Oromoo keessatti dubartonni kabajaa fi aangoo guddaa akka qaban siinqeen agarsiiftuu tokko.
Akkasumas ummanni Oromoo aadaa boonsaa fi miidhagaa kabaja dubartoota, beekumsaa fi cimina isaaniif bakka guddaa ittiin kennu hedduu qaba.
Haata'u malee hawaasa tokko keessa akkuma aadaa gaariin jiru barmaatileen hanqina hubannoo waliin achii as dhufan qoodinsa haawaasaa fi miidhaa xiinsammu geessisan jirachuun hin haalamu.
Daraaratuun,"hanguma barnoonni babal'atuu fi hubannoon hawaasaa cimaa adeeme fooyya'iinsi guddaan mul'atullee, ammallee gutumaa guutuutti cabuu hin dandeenye jette.
"Kana kan hambisuu qabu ammoo nuyi, dhaloota kanadha" jetti.
Dhiiraafi dubartii gidduutti addaddummaan akka jiru jaarra kana keessatti mul'achuusaa qofaa utuu hin taanee, ilaalchi kun dhiirotaa fi hawaasa baratan keessattillee calaqqisuun qabsoon kun akka hin xumaramiin mul'isa jette.
Qabsoo hin xumuramin
Sirni Gadaas ta'ee aadaafi duudhaa Oromoo keessatti kabaja dubartootaaf kennameen, haalli qoodinsi dubartota irratti ta'u xiqqaataa, fooyya'aa dhufuu agarsiiftuwwaan heddutu jiru.
Ta'us ammallee afoolli Oromoo beekumsaa fi hamilee dubartoota gadi xiqqeessanii ofitti amanamummaafi hirmannaa isaani yakkan guutumaa guututti akka hafuu qabsoo hubannoo hawaasa jijjiruu gaafatu ta'uu himti.
Miidhaan dhiirotaan dubartoota irra gahu yeroo kana baay'achaa jiraachuu isaallee ilaalcha gadaantummaa dubartootaa ibsuu irraa achi as dhufan ta'uu ibsiti.
Kana hambisuun ammoo tumsa waloo barbaada.
Heera mootummaa biyyaalessaa fi idiladdunyaa keessatti dhiiraf dubartoota gidduu adda addummaan akka hin jirreefi heerotni mirgoota dubartootaaa kabachiisan tarreeffamaniiru.
Daraartuun tumaaleen tarreefaman kun akkasitti hojirra oolaa jiruu kan jedhu irratti mormii qabdi.
"Dhugaadha seeran tumameera, dubartoonni mirga qixa dhiiraa ta'e, mirga barachuu, mirga hojjachuu, biyya bulchuu, hirmaannaa siyaasaafi kan biroollee addatti akka qaban lafa taa'era.
''Garuu gaafii guddaan achi keessa hangam fayyadamneerra? Kamtummoo hafa? Akkuma barreeffametti hojirraa olaa ni jira? Dubartoonni hoo hangam seera kana beekanii ittiin of ittisaa jiru? kan jedhan yoo ilaallee waan heddutu hafa".
Akkuma Afrikaattuu dubartootni akka ciminaa fi dandeetti isaanitti ammayyuu bakka hin arganne jetti Daraartuun. Ta'uyyuu jalqabbii gaariin akka jiru hin haallee.
Ilaalcha hawaasaa dubartoonni akka dhiiraatti waa milkessuu hin danda'an jedhu dhaloota ammaa kanarraa cabsuun qabsoo tokko.
Kan lammaffaa, ilaalcha dubartoonni mataan isaanii ofiif qaban cabsuun ammoo qabsoo biraati.
"Dubartoonni uumamaan dhiira caalaa daandeetti fi tooftaa waa raawwachuu qabu jedhama. Kun danddeettii addaa kan barnootaan dhufu dabalataan. Hirkatumaarraa banee gara dursuutti dhufuufuu qabna. Yeroon dhugumaan dubartoonni danda'uu isaanii itti agarsiisan amma."
Namoonni milkaa'an baayyee isaanii yoo gaafataman iccitiin milkaa'ina isaaniif haadha ykn haadha mana isaanii gumaacha olaanaa akka qaban himatu. Akka namni milkaa'u gargaaruun akkuma jirutti ta'ee ofifis milkaa'uu akka danda'an agarsiisuuf fulduratti ba'uu qabu jechuun dubbatti Daraartuun.
Ga'uumsa dubartootaaf fooyya'insa mul'atan?
Yeroo amma ciminni dubartoaa fi foyya'iinsi akka hawaasatti ml'ataa jiru guddadha. Dubartoonni biyya keenyaa hojii boonsaa hojjataa jiran ba'anii mul'ataa jiru.
Hoggansa keessatti, barnootaan, hojii tola ooltummaatiin, hojii daldalaa fi investimentii keessaatti kanneen ga'uumsaa fi kutannoo dubartoota agarsiisan heddudha. Haalli kun kanarra jabaate itti fuufu qaba jetti Daraartun.
Keessumaa amanamummaafi itti gaafatamummaa dubartootni qaban irraa kan ka'e, magaalaota biyyatti bakka malaanmaltummaan itti baay'aturratti hoggananii mikaa'inni galmeessaa jiran dubartoota kaanif illee kaka'uumsaa fi fakkeenyummaa guddaa ta'uu eerte.
Gama hoggansaan qofa utuu hin taane dinagdeen, barnootan hawaasummaan, amanamummaan, daldalaan, kalaqaan... injifannoon dubartootni galmeessa jiran boonsadha.
Injifannoon irra ga'ame kunis bu'aa qabatamaa dubartootni buusuu danda'an irraa ka'eeti. Gama waarraaksa ummataan gama aartiin, gama kitaabaan, gama barnoota fi kanneen biroon hanguma hawaasa bira hubannoon ga'aa deemu ilaalchis jirjjiramaa jira. Waanti hafees immoo heddudha.
Isheen eenyu?
Dararaartuun Shawaa lixa naannawa baadiyyatti dhalattee guddatte. Naannawa sanatti hojii humnaa dubartootni hojjatan fi hanga yeroo dhiyootti shamarraan barnoota adda kutanii herumaaf dirqisiifaman argaa guddatte.
Harmeen ishee garuu kana jalaa akka isheen baraaramtuu fi bu'aa ba'ii heddu keessaa darbuun akka isheen sadarkaa kanarra geessu taasifte
Jaalaala fi aarsaa harmeen ishee, ishee guddisuuf keessa darbite kanaafi harmeewwan biroollee haala fakkataa keessa akka darban waan hubatteef harmee oolmaa akkasii oolaan dhaloonni hangam deebi'ee yaadataa isa jedhu hubachiisuuf kitaaba Gola Haramee maxxansite
Dhaloonni kun dhaloota oolmaa harmeewwanii dagatu utuu hin taane yaadatu, galataa fi kabaja maluuf deebisuuf ta'uu qaba jettee amanti.
Oolmaafi dadhabbiin haadholii gatii isaan madaalu argateera? Haadholiin har'as akkuma kaleessaa hojii humnaafi hacuccaa jala jiraachuu akka hin qabne kitaaba ishee keessatti ibsite.
Kana malees miidhaa fi cunqursaa dubartoota irratti raawatamu argaa waan guddatteef gaaf tokko sagalee akka isaaniif taatu ofitti himaa turte.
Amma barnoota hoggansaa ykn liidershippiin digrii 2ffaa qabdi. Magaalaa Finfinneetti hojjattuu mootummati. Hojii ishee kana dabalataan waan kaleessa waadaa ofiif galte (sagalee dubartootaa) irratti hojjataa jirti.
Hawwiin ishee dubartootni bu'aa ba'ii dura isaanii jiru diiganii mo'atanii milkaa'inaan fulduratti bahan arguudha.
Kanaaf ammoo sakaallaan aadaa fi haawaasa keessa jiru karaa hubannoo hawaasaan diigama jettee waan amanteef dhimmota xiyyeeffannoon kennamuufi qaba jette irrati kitaaba kana maxxansite.
Kitaaba qofaan utuu hin taane hojii isheetiin milkaa'ina dubartootaaf quuqama qabdi, ammas toorri fuulleffannaa ishee isuma.
"Ka'uumsa irran jira, dubartii jabduu warra kaanif fakkeenya taatu ta'uun barbaada. Namoonni beekumsa, dandeettii fi muuxannon na caalan jiru. Garuu quuqamni na keessa jiru hanguma humna koo akkan waa gumaachu na dirqe" jette.
Namuu akkuma beekumsaa fi dandeetti isaatti yoo waa gumaache isatu walitti dhufee jijjirama nuti akka dhufu hawwinu sana fida.
Kanaaf dhimma kanarratti dubartoota qofaa utuu hin taane hunduu harka wal qabatee tumsa barbaachisu akka taasisu dhaamti.