Lammiin Ameerikaa Roobert Pireevost Phaaphaasii haaraa Bataskaana Kaatolikii ta'an

Poop Liyoo, Phaaphaasii haaraa

Madda suuraa, Reuters

lammiin Ameerikaa Roobert Pireevost Phaaphaasii Bataskaan Kaatolikii ta'uun filataman.

Aarri adiin mul'achuu booda Phaaphaasiin haaraan filataman kafana fi kophee Phaaphaasummaa ibsu keewwatanii barandaatti bahuun mul'ataniiru.

Phaaphaaasiin kun filatamuu isaaniin booda maqaan Phaaphaasummaa isaaniif kennamu Poop Liyoo ta'uun mirkanaa'eera.

Addabaabayii Seent Piiteritti amantootni 40,000 ta'an walitti qabamuun ifoomuu Phaaphaasii haaraa eeguutti turan.

Aarri adiin mul'achuu booda lakkoofsi namoota gara adda baabayii sanatta yaa'anii dabaleera.

Maanguddoon ganna 69 amma Poop Liyoo 14ffaa jedhaman waltajjii gamootti bahanii dubbii jalqabaa godhaniin ''nagaan hunda keessaniif haa ta'u'' jedhan.

Afaan Xaaliyaaniifi Ispeeniin kaardinaalotaafi hogganoota amantaa kaan galateeffataniiru.

''Hundi keenyayyuu iddoo waaqayyo nuuf qopheesse waliin adeemna'' jedhaniiru Poop Liyoon.

Haasaa isaanii kan jalqabaan dhaamsa nagaa kan dhaaman yoo ta'u, ''Waaqayyu hunduma keenya jaalata, sababa tokko malee'' jedhan.

Dhalli namaa waaqayyoo fi jaalalli isaa akka isaan bira gahu Waaqayyo isaan barbaachisa'' jedhaniiru. Waayee walgargaaruus dubbataniiru.

Chikaagootti kan dhalatan Poop Liyoo amantoota addabaabayitti qabaman waliin kadhannaa gabaabaa godhanii sagalee waaqayyoo dubbisaniiru.

Poop Liyoon nama amantaa rifoormiitti amananidha. Waggoota dheeraaf biyya Laatin Ameerikaa kan taate Peeruutti mishineerii ta'uun tajaajilaniiru. Haasaa isaanii jalqabaa kanaanis hogganoota amantaa Peeruu galateeffataniiru.