Waancaa Afrikaa: Biyya qopheessite Ayivorii Koost dabalatee afur walakkaa xumuraaf darban

Madda suuraa, Getty Images
Waancaan Afrikaa diraamaan guutameefi taphattoonni gahumsa addaa qaban irratti mul’achaa jiru itti fufeera.
Amma biyyoonni afur walakkaa xumuraatiif darban adda baheera.
Biyyi Diidiyeer Diroogbaa Waancaa Afrikaa kana keessummeessaa jirtu Ayivorii Koost tokkodha. Ayivorii Koost sadarkaa tapha ramaddii biyyoota 16 keessa galuuf taasifameen kuftee kan oolte xiqqoomaaf darbite. Isayyu oolmaa Morookoon, kan ofiin booda keessaa kufte isheef oolteen darbite.
Ayivorii Koost erga gara jalqabaa gahumsa gadi aanaatiin jalqabdee tarkaanfii hanga leenjisaa gareeshee ari’uutti fudhachuun of fooyyeessitee amma kunoo ‘waancaan ofiin qopheesse osoo iji kiyya ilaaluu dabarsee hin kennu’ waan jedhaa jirtu fakkaata.
Tapha Maalii waliin taphataniin taphataan tokko kaardii diimaan tapha daqiiqaa 45 jalqabaarratti jalaa ari’ameellee osoo abdii hin kutiin taphachuun mo’atan.
Dorgommii ajaa’ibaa ture. Maaliin goolii Benneen Doorgeles lakkoofsiseen hanga daqiiqaa 90tti dursa qabatanii turan. Garuu daqiiqaa 90ffaa irratti taphataan Saayiman Adingiraa Ayivorii Koostiif lakkoofsisee taphni Sambata galgala sa’aatii 2:00 irratti ture kun gara daqiiqaa dabalataa 30’tti akka darbu taasie.
Daqiiqaan dabalataa xumuramee gara rukkuttaa penaaliitiitti darbame jedhamee ‘fiishkaa afuufamu qofti’ eegamaa osoo jiruu daqiiqaa 122 irratti goolii Diyaakiteen Ayivorii Koostiif lakkoofsiseen amma gara xumura walakkaatti darbiteetti.
Odiloon Kaasonnoo boqonnaa dura kaardii keelloo lamaan jalaa kan dirreetii ar’ime Ayivorii Koost, diraamaa kana fakkaatuun dirree ofiishee keessatti deeggartootashee akka burraaqan taasifteetti.
Warri Maalii saphaa hin turre. Garuu kubbaa miilaati waan ta’eef, tokko mo’achuun dirqama.
Ayivorii Koost as geessi jedhee kan tilmaame hin turre.
Karra eegaa kubbaa manii lage

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tapha Waancaa Afrikaa nuusa xumuraa birootiin gaalii malee kann xumurame kann Keep Veerdeefi Afrikaa Kibbaa gidduutti Sambata halkan sa’aatii shan booda gaggeeffamedha.
Tapha daqiiqaa 30 dabalataa irrattis biyyoonni lamaan goolii walirratti lakkoofsisuu hin dandeenye.
Garuu gara rukkutaa penaaliitiin adda ba’uutti yeroo seenan diramaatu mul’ate. Amballiifi karra eega Afrikaa Kibbaa kan ta’e Roonwiin Wiliyaamsitti namni galchi dhibe.
Kubbaa itti dhiitamu hunda kallattii isheen itti ergamtu osoo hin dogoggoriin akka laastikaatti dhiifameetuma kubbaa kabalee manii keessa buusuu dhorke.
Karra eegaan Bafaanaa Bafaanaa kun gahumsa ajaa’iba ta’e agarsiisuun rukkuttaa penaaliitii afur oolchuudhaan biyyisaa akka walakkaa xumuraaf qaqqabdu taasiseera.
Gareen biyya odola bicuu, Keep Veerdee, ajaa’iba turan. Kubbaas harka 51 ol to‘atanii ture, yaalii goolii galchuus hedduus taasisaniiru.
Karra eegaan jaraas salphaa hin turre, yaaliiwwan goolii ciccimoo oolchee ture. Garuu maal godharee dubiin akka garaa ta’uu diddeef—kubbaa miilaadha.
Tapha nuusa xumuraa Jimaata galgala tureen ammoo Naajeeriyaafi DR. Koongoo xumura walakkaaf darbaniiru.
Naajeeriyaan Angoolaa mo’attee yoo darbitu, DR Koongoo ammoo Giinii mo’atte.
Roobii Guraandhala 7, 2024 Naajeeriyaan tapha walakkaa xumuraatiin Afrikaa Kibbaa waliin taphatti. Tarii kun Afrikaa Kibbaatiif mo’icha Naajeeriyaan bara 2000 irratti gonfatte haaloo ba’uuf carraa uumeefii laata? Kan ilaallu ta’a.
Haala rakkisaa tureen garee itti ramdamte keessaa darbitee kan xumura walakkaatiif qaqqabde biyyi Waancaa Afrikaa qopheessite, Ayivorii Koost ammooDR Koongoo waliin taphatu.












