Morkiin Dilbata Liivarpuul waliin godhamu Arsanaaliif tapha dirqama mo'achuu qabudhaa?

Leenjisaa Kilooppiifi Leenjisaa Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

Arsanaaliifi Liivarpuul bara piriimiyeer Liigii 2023/24 kana goolabuuf taphoota 16 harkaa qabu. Haata'u malee morkiin isaanii Istaadiyoomii Emireets Dilbata dhufuu liigicha injifachuurratti wanta akeeku ni qabaata.

Liivarpuul haala amma jiruun sadarkaa lammattaarra kan jiru Siitiifi sadaffaarra kan jiru Arsanaaliin qabxii shaniin fagaatee liigicha dursaa jira.

Arsanaal bara darbe torbanoota hedduuf liigicha dursaa bahee lammaffaa ta'uun xumure.

Kan baranaa dorgommiin isaa laafaa hin ta'u.

Leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloop dhuma bara dorgommii kanaatti Anfiilditti nagaa dhaammachuuf murteessuu himeera. Ammoo liigicha si'a lammataaf nyaachuun godaanuu hawwa.

Taphni Arsanaaliifi Liivarpuul inni Dilbata kanaa bara 2023/24 keessatti morkii fuulatti walii bahan isa sadaffaadha. Hagayya darbe tapha piriimiyeer liigii irratti qixxee bahan. Achiimmoo ji'a darbe dorgommii FA Cup marsaa sadaffaarratti Liivarpuul goolii 2-0n Arsanaalirra aane.

Kiloop ibsa miidiyaaleef kenneen bara dorgommii kana akka gaarii goonee taphanna'' jedhe.

Arsanaal yoo injifate morkii waancaaf jira jechuudha. Ammayyuu taphni baayyeen hafee osoo jiruu namni murteessuu barbaada'' jedhe leenjisaan Liivarpuul.

''Kilaba kamuu nurra aanee bara dorgommii kana xumuruu barbaaduuf hamma danda'ametti haalli akka itti jabaatu gochuuf ni yaalla. Gochuu danda'uu keenyammoo ni ilaalla.''

Kiloop jifataan lammii Uraagaay Daarwii Nuneez tapha Cheelsii goolii 4-1 injifatan irratti miidhamni isa mudatee hirmaannaasaa tapha kanaarratti shakkii uumuu ibseera. Ammoo filannoowwan waan qabuuf Kiloop badaa hin yaadahu ta'a.

Gama Arsanaaliin miidhama yeroo dheeraa booda shaakalliitti deebi'ee kan ture taphataan sarara gidduu lammii Gaanaa Toomaas Paartee erga bayyanateera jedhamee dorgommiirratti osoo hin mul'atiin deebi'ee miidhameera.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa morkii Liivarpuuliin walqabatee yaada kenneen ''qe'ee keenyatti taphanna, miirri nananoo kanarraa natti dhagaahamu miira jajjabinaafi kaka'umsaati'' jedhe.

''Muuxannoowwan gaggaarii qabna'' keessumaa kan bara darbee kan jedhu Arteettaan, bara kana kan bara kaanii caala milkaahuuf hojenna'' jedhe.

Tapha Kibxata darbe Nootiingihaam Foorestiin 2-1 injiftan irratti Zinchenkoofi Been Waayit walitti dubbachuun isaanii waan hamaa miti michummaarraa dhufee jedheera.

Arsanaal yoo injifatame dorgommii waancaan ala ta'aa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Liivarpuul bara dorgommii kana yeroo tokko qofa mo'ame. Roobii darbe Cheelsii gaafa injifate ammoo injifannoosaa walitti aanu arfaffaa galmeesse. Kanaanis taphoota walitti aanan 15 irratti osoo hin injifatamiin jira jechuudha.

Dilbata kana Arsanaal kan bara 2003/04tti yeroo dhumaa liigicha nyaate ni injifata taanaan taphni 15 osoo hafuu garaagartummaa qabxii saddeetiin dursa jechuu ta'a. Seenaa liigichaa keessatti ammoo kilabni haala kana fakkaaturraa ka'ee liigicha injifate kilaboota jaha qofa. Kana keessaa injifannoon Siitii bara darbee isa tokko.

Maanchistar Siitiin bara dorgommii darbe tapha 28ffaa booda Arsanaaliin qabxii saddeetiin durfamaa erga turee boodaa ka'ee taphni sadi osoo hafuu injifachuu danda'eera.

Xiinxalaan Kubbaa Miilaa BBC Radio 5 Kiriis Saatan Liivarpuul achi dhaqee ni injifata yoo ta'e hamma dhumaatti deemuu mala jechuudha'' jedhe.

Dhuma bara dorgommii kanatti Kiloop ni gaggeeffaa waan ta'eef Liivarpuul sababa gahaa jabaatee taphatuuf qabaata kan jedhu Saatan, ''Leenjisaa isaanii waancaa piriimiyeer liigii waliin gaggeessuu barbaadu'' jedhe.

Ittisni duraanii Cheelsii Maariyoo Melkiyeew ''tapaha kana injifachuun Arsanaaliif akka dirqamaati'' ta'uu baannaan Liivarpuul walii garaagartummana jiru ni bal'ata jedhe.