Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Sudaan bakkeewwan haaraa biyyattiitti babal'ataa jiru
Muddee 15 ganama, loltoonni hedduun konkolaataa loltuun dhufan Wad Madanii, magaala guddinaan Kaartumitti aanuun lammaffaa taate Haleelan.
Haaleellaa kana kan raawwatan loltoota Humna Addaa RSF kan erga Eebla darberraa eegaluun Raayyaa Ittisaa Sudaan waliin lolatti jiraniidha.
Guyyaa sadiin boodas Humni addaa RSF kuni magaala Wad Madani to’achuu ifoomsan.
Akka ragaan Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa, IMO, agarsiisutti lammiileen kuma 300 caalaan qe’ee irraa buqqa’aniiru.
Hedduun isaanii ammoo lola Kaartuum keessa tureen baqatanii magaalattii kan qubatan turan. Magaalli kuni bakka itti baqatan turte.
Wad Madani garuu maaliif gartuu lamaaniif murteessoo taate?
Magaala istiraateejiiti…
Magaalaa guddoo naannoo Jaziiraa kan taatee fi Kaartum irraa fageenya 175 km irratti kan argamtu magaalli Wad Madani, jiraattota kuma 700 kan qabdu ture.
Isaan alattis bakka lammiileen sababa lola kanaan buqqa'aan kuma 86 keessa qubatanidha.
Magaalattiin wiirtuu garee loltoota lafoo raayyaa ittisaa Sudaan keessa buufatanii turan yeroo taatu amma gareen humna addaa RSF to'ateera.
Naannoon Al-Jaziiraa naannolee raayyaan ittisaa Sudaan to’atee jiru sadan Waayit Naayil, Sennaar fi Gadaarif waliin waldaangessa.
Loltuun duraan Sudaan fi ogeessi waraanaa Abdullaah Mohammed,” kuni humna addaa RSF carraa naannolee kunneenis to'achuufii kennaafi” jedhu.
“Wiirtuun waraanaa loltoonni RSF Wad Madani keessatti to’atan, bakka leenjii haaraa fi bakka dhaabbatee lola itti aanu mijeeffatu kan kennuufi” jedhu.
Magaalli Wad Madani kuni wiirtuu Buufataalee Fayyaa naannichaa ijoo ta’an, wiirtuu wal’aansa kaansarii dabalatee keessatti argamudha.
Kana malees erga lolli Kaartum keessatti ji’oota saddeet dura eegalee dhaabbileen gargaarsaa baqatan hedduun bakka buufatanis turte.
Erga magaalattiin Loltoota humna addaa RSF to’atamtee garuu ammas gara magaalota dhihoo jiraniitti godaanuuf dirqamu.
Dambalii buqqaatii haaraa…
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhutti torbeewwan muraasa darban keessatti lammiileen kuma 300 ta’an magaala Wad Madani fi naannawasheerraa buqqa’aniiru.
Haadha ijoollee shanii kan taate Kadijjaan ji’oota torba dura ture Kaartumirraa baqattee magaala kana kan dhufte.
Hanga torbee darbeetti ishee fi maatiisheef haalli magaala kanaa nagaawuma ture.
Yeroo Magaalaa Wad Madanitti lolli eegalu ammas godaanuuf dirqamte.
“Kaartum irraa kan dhufne konkolaata qabanneeti. Isaaf maallaqan qabu ishee dhumaan kaffale” jetti Kadijjaan namootni hedduun gaafas boorsaa isaanii baatanii lafoo godaanaa akka turanis yaadatti.
Magaalaa Wad Madani irraa gara Kibbaatti 100km erga baqatanii magaalaa Sennar gahanii garuu haala hammaataan kan Wad Madani caalu akka isaan mudate himti.
“Qarqara magaalaatti mana barnootaa keessa qubanne. Bishaanis nyaannis hin jiru. Lafa duwwaarra ciisna. Wad Madanitti yoo xiqqaate bakka qubannu, waan nyaannuu fi yaala ni arganna ture” jetti.
'Namoota Magaalattiitti hafan…'
Carraan namoota Magaala Wad Madani turuu filataniihoo akkam ta’e?
Kolleejjiitti Piroofeesara kan ta'aniifi Kaaba magaalattii kan jiraatan Abd-Elhamid (Maqaan isaanii kan jijjiirame) mana isaanii dhiisanii godaanuu didan.
“Ani magaala Wad Madani keessattin guddadhe. Dhiisee hin deemu. Hamma fedhe haalli hammaatulleen” jedhan.
Akka isaan jedhanitti, erga loltoonni humna addaa RSF magaalattii to’atanii haala gaddisiisaatu jira.
Magaalattii keessatti loltoonni RSF bakka hunda akka jiranii fi daandiiwwanii fi bakka waajjiraalee mootummaatti keellaa uumanii sakattoo akka gaggeessanis himu.
“Loltoonni isaanii muraasni amma konkolaattotaa fi qabeenya namootni dhiisanii baqatan hatuu eegalaniiru,” jechuunis himan.
Kana malees namoota pirezedantii duraanii Sudaan Omar Al Bashir deeggaru jedhani yaadan hidhaa jiraachuus dubbatan.
Al-Bashir bara 2019 folqolcha mootummaatiin aangoorraa buufaman.
“Suuqiwwan cufamaniiru. Hospitaalonnis tajaajila kennaa hin jiran. Poolisii fi waraanni mootummaa hin jiru. Kan as jiru loltoota humna addaa RSF qofa” jedhan Abd-Elhamid.
“Wad Madani Magaalaa ekeraa namni keessa hin jirre taateetti.”
Haalli walwaraansaa amma maalirra jira?
Caamsaa darbe haalli sukaneessaan walwaraansaa kuni erga eegale loltoonni garee lamaaniituu lafarratti injifannoo kana jedhamu hin fidne.
Gareen humna addaa RSF Kaartum harka 70 fi Daarfur keessaa kutaalee shan, amma ammoo Magaala Wad Madani to’annoo isaanii jala oolchaniiru.
Raayyaan ittisaa gamasaatiin kaabaa fi baha biyyattii dabalatee magaalaa Kaartum keessaa ammoo harka 30 too’atee argama.
Gama saawudii Arabiyaatiin yaaliiwwan dhukaasa dhaabuufi dubbicha mariitti fiduu hedduun taasifamanii ture.
Kana malees ji’oota saddeetan darban Gamtaan Afrikaa fi US yaaliiwwan hedduu taasisanis hanga ammaa itti hin milkoofne.