Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gaggeesitootni waraanaa lola Magaaala Waad Madaani irratti mo'aman ni adabamu' jedhan Al- Burhaan
Ajajaan humna waraanaa Sudaan Generaal Abdul Fattaa al-Burhaan magaalli Waad Madaani tarsiimawaa taate harka humna addaa (RSF)tti kufuusheef dadhabina gaggeessitoota waraana biyyattiiti jechuun komatan.
Waraanni biyyattii magaala guddoo naannoo Gaziiraa kan taate Waad Madaanii osoo humna addaa (RSF) wajjin wal-hin lolin gadhiisanii bahuusaanitti al-Burhaan baay'ee dheekkaman.
Waraana Sudaanitti ji'a saddeetiif gaggeeffamaa ture kanaan giddu galeessa biyyattiitti kan argamtu bulchiinsi Gaziiraa bakka nagaafi namoonni lafa lolli jiruu itti baqatan turte.
Humni addaa magaala Waad Madaanii to'achuu hordofee namoonni 300,00 ta'an bulchiinsa Gaziiraa gadhiisun baqataniiru.
Magaalattiin harka hidhattootatti erga kuftee guyyaa afur booda Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan sababa dadhabina gaggeessitoota waraanatiin magaalattiin harka RSFtti kufuu uummataaf ibsan.
"Gaggeessitoota maaltu na dhibeedhan kana raawwatan hunda itti gaafatamaa goona. Kanneen [magaalattii] gadhiisanii bahuuf ajaja kennanis araara tokko malee akka itti gaafataman goona," jedhan.
Loltoonnifi ajajoonni waraanaa bakka sana turan battalumatti magaalattii gadhiisanii maalif akka bahan qorannoo akka gaggeessu waraanni biyyattii beeksise.
Humni addaa Sudaan (RSF) ammoo guutummaa bulchiinsa Gaziiraa to'achuusaa beeksisee ture. Dhaabbileen deeggarsa namoomas hojjattoota isaanii bulchiinsicha keessaa baasaa jiru.
Ji'a Eblaatii kaasee humna waraanaa Sudaan lolaa kan jiru humni addaa biyyattii magaala Kaartum %70 to'ateera jedhama. Akkasumas lixa Daarfur harka caalu humna addaatu harkaa qaba.
Magaala Waadi Madaanitti yeroo RSF lola banu DaayirektaraElsaadii Elnuur achi akka turan himuun namoonni nagaan "jeequmsa guddaa" keessa akka galan BBCtti himan.
Akka daayireektarri Islaamik Sudaan Riliif jedhanitti namoonni Waad Madaanii keessa jiraatan hedduunsaanii kanneen bakka biraatii sababa lolaatin buqqa'anii achi qubataniidha.
Erga humni addaa (RSF) magaalattii to'atee as dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan hedduun achii bahaa jiru. Jiraattonni magaalattii hedduunis keessaa godaananiiru.
Jiraatan magaalattii tokko, "Waad Madaanin magaala onaa taatetti" jechuun BBCtti hime.
Amma immoo yaaddon itti aanee jiru humni addaa baha Gaziiratti kan argamtu bulchiinsa Gadaaref to'achuuf yaalii gochuu mala kan jedhuudha.
Waraanni ji'a Eblaa keessa humna waraana Sudaanifi humna addaa (RSF) gidduutti eegale lammiilee biyyattii miliyeena torba qe'eerraa akka buqqise gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni ibsa.