Bilinkan gargaarsi namoomaa gara Kaaba Itoophiyaatti ergamu foyya'aa dhufuu dinqisiifatan

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gargaarsi namoomaa gara Kaaba Itoophiyaatti dhiyaataa jiru foyyaa'aa dhufuu dinqisiifatan.
Bilinkan ibsa kaleessa baasaniin erga dhiyootiin asitti gargaarsi namoomaa Kaaba Itoophiyaatti dhiyaatu si'aafi kan walitti fufinsa qabu ta'uun isaa kan nama jajjabeessudha jedhan. Guyyoota torba darban keessa konkolaataawwan gurguddoo waan gargaarsa namoomaaf oolu fe'an Tigraay qaqqabuu isaanii ibsa kana keessatti eerameera. Konkolaataawwan kunneen midhaan nyaataa barbaachisoo ta'an, nyaata daa'immaniifi kanneen biroo barbaachisoodha jedhaman fe'atanii kan turan jedha ibsi kun. Hogganaan Ministeera dhimma alaa Ameerikaa kun gargaarsi namoomaa kun namoota bira akka qaqqabuuf mootummaan Federaalaa, mootummaan naannoo Affaar, akkasumas bulchiinsi naannoo Tigraay tumsa waloo taasisaniif dinqisiifataniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jala jiraniifi kanneen gargaarsa dhiyeessan biroonis dinqisiifannaa Bilinkan kana argataniiru.
Sekiritaariyaatin Waajjira Muummich Ministeeraa Billeenee Siyyum Wiixata darbe gaafa Caamsaa 29/2014 haala yeroo irratti ibsa gaazexeessitootf kennaniin, ji'a Waxabajjii kaasee birriin biliyeena 2.1, nyaati meetirik toonii kuma 87 akkasumas boba'aan liitira kuma 783 Naannoo Tigraayif kennameera jechuun dubbatanii turan.
Buqqaatota Naannoo Amaaratiifis nyaanni meetirik toonii kuma 244 ta'u raabsamee akka jirus Billeneen dubbataniiru.
Waraana waliinii Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen rakkoon namoomaa fi qabenyaa heddu dhaqqabeera. Keessumattuu Naannoo Tigraayitti waraanichi rakkoo hammaataa geessiseera.
Naannichatti lammiilen miliyeenan lakkaa'aman deeggarsi namoomaa akka isaan barbaachisu dhabbileen deeggarsa namoomaa ibsaa turan. Kana hordofuun mootummaan federaalaa ji'a Bitootessaa keessa deegarsi namoomaa naannicha akka dhaqqabuuf waraana dhaabuu beeksisee ture, gaggeessitoonni TPLF tarkaanfidhuma wal-fakkaataa fudhachuun isaanii ni yaadatama. Qaamoleen wal-waraanan lamaan deeggarsi namoomaa naannoo Kaaba biyyattii deeggarsi akka dhaqqabuuf waraana dhaabuuf walii galanis, deeggarsi hangi baraadamu namoota bira osoo hin gahiin hafeera.
Kanaaf ammoo mootummaan Federaala fi TPLF quba walitti qabu.
Walitti bu'iinsi kun furmaata waaraa barbaada
Itti gaafatamaan Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gaafa Caamsaa 30/2014 A.l.I ibsa laataniin haala gaarii amma jiru kana jabeessun mariitti galamee furmaata waaraa fiduu barbaachisa jechuun hubachiisan.
Biliinkan akka jedhanitti, naannoo walitti bu'iinsi uumametti bu'uuraaleen misoomaa iddootti akka deebi'an, mariin hunda hammachiise akka gaggeeffamuu fi yakka mirga namoomaa dhaqqabeef qaamoleen keessatti hirmaatan akka itti gaafatamuu qaban ibsa isaanii kana keessatti gaafataniiru.












