Jijjiirraa taphattootaa bara 2023 guyyaa dhumaatti maaltu eegama?

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiirraan taphattootaa bara kanaa cufachuuf saatiin muraasni yeroo hafu kanatti taphataa kamitu gara kilaba kami deeme?
Jijjiirraan taphattootaa kan bara 2023 Piriimer Liigii Ingiliziif Fulbaana 1, 2023 halkan keessaa saatii 5:00 irratti cufata. Kan Bondosliigaa Jarman ammoo guyyaa saatii 11:00 irratti, kan Seerii A Xaaliyaan halkan saatii 01:00 irratti, kan La Liga Ispeen ammoo halkan keessaa saatii 5:00 irratti guyyaa walfakkaatu cufama.
Kilaboota Sa’udii Piroo Liigiif garuu Fulbaana 7, 2023 cufama.
Guyyaa dhumaa kanatti jijjiirraa taphattootaa qofa osoo hin taane, taphattoota kontiraati haaraan mallatteeffamuufis har’uma xumura argata.
Jijjiirraa taphattootaa ganna bara kanaan walumaagalatti maallaqni dolaarri biliyoona 1.92 baheera. Kun ammoo baasii jijjiirraa bara darbe yeroo walfakkaatuuf bahe kan caalu yoo ta’u, daangaa akka hin darbineef kaa’ame dolaara biliyoona 2 cabsa jedhamee eegamaas jira.
Ammallee jijjiiraaf saatiin muraasni yeroo hafutti kilaboonni taphattoota barbaadan argachuuf fiiguutti jiru.
Sa’udii Piroo Liig keessaa Al-Ittihad taphataa sarara fuula duraa Liiverpuul Mohaammad Saalaah fudhachuuf maallaqa Paawondii miliyoona 150 dhiyaateef kilabichi fudhachuu dideera.
Liiverpuul hin gurguramu jechuun Mo Saalaah akka hin kennine beeksiseera.
Maanchester Siitiin ammoo Maatewoos Nuunes Wolvis irraa Paawondii miliyoona 53n fudhateera.
Taphataan lammii Poorchugaal kun kontiraataa wagga shanii Maanchester Siitiif kan mallatteesse yoo ta’u, shaampiyoonaa Awurooppaa kan ta’e Maanchester Siititti makamuukootti baayyee gammadeera jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jijjiirraa guyyaa dhumaa kanaan Chelsiin Kool Paalmeriin Maanchester Siitiirraa Paawondii miliyoona 40.5n fudhateera.
Paalmer wancaa Suppar-kaapp Maanchester Siitiin Seviyaa mo’achuun fudhaterratti taphataa goolii lakkoofsisedha.
Taphataan lammii Naajeeriyaa Aleks Iyoobii ammoo Everten irraa Paawondii miliyoona 22n Fulhaam galuuf waliigalteerra gahameera.
Arsenaal irraa Everten kan seene taphataan umuriin isaa waggaa 27 ta’e Iyoobiin, gara Landan deemee qorannaa fayyaa taasisuun Fuulhaamitti makamuuf deemuutti jira.
Manaajeroonni taphataa jijjiirraan mo’anii fudhatan beeksisuun waan barame miti. Har’a garuu manaajerri Maanchester Yunaayitid Erik ten Hag kana godhaniiru.
Taphataan Tootenhaam Serjihoo Regihloon ergisaan Maanchester Yunaayitiditti makamuuf jira. Kilabichi mirkaneessuuf ta’a.
Tapha guddaa Dilbata Arsenaal waliin isaan eeggatu irratti akka hirmaatuuf taphataan kun har’a ganama shaakalarra akka ture erik ten Hag dubbateera.
“Taphni Arsenaalfiifi Maanchester Yunaayitid gidduutti taasifamu, taphoota Piriimer Liigii gurguddoo keessaa tokkodha kan jedhe Erk ten Hag, taphataa ergisaaan Tootenhaamirraa fudhachuuf jiran kana akka hiriirsisan himan.
Kana malees, Maanchester Yunaayitd guyyaa jijjiirraa dhumaa kanarra Fenerbaacheerraa karra eegaa kan ta’e Altay Bayindir fudhateera.

Tarii Hoolding fi Sambii Lokongaa Arsenaal gadhiisanii deemaa jiruu ta’a.
Taphatas sarara ittisaa Arsenaal kan ta’e Rob Hoolding Kiristaal Palaasiifi, La Ligaa irraa ammoo Seviiyaa waliin dubbachaa jira.
Garuu ergisaan ykn dhaabataadhaan akka deemuuf jiru hanga ammaatti hin murtoofne.
Taphataan Arsenaal sarara gidduu lammii Beeljiyeem umuriin isaa wagga 23 ta’e Albert Sambii Lokongaa ergisaan gara Luuton deemuuf haasa’amaa jira.
Tootenhaam saatii dhumaa irratti taphataa Notingihaam Forest Birenaan Joonsan Poowondii miliyoona 45n mallatteessifateera.
Taphataa lammii Weels kan ta'e Joonsan amma taphattoota Tootenhaam ganna kana mallatteesisiifate sagale keessaa tokkodha.
Akadamii Forest irraa kan ta'e Joonsan carraaqqii Tootenhaam sarara fuula duraa isaa cimsachuuf taasisuuf murtoo sirriidha jedhameera.
Joonsan gara Ispars dhufuun ammoo qaawwa sababa Harii Keen ji'a darbe Baayren Muniik deemuun uume duucha jedhameeras.












