Ramaddiin Shaampiyoons Liigii ifoome, eenyuti eenyu waliin ramadame?

Carraan ramaddii yeroo ka'u

Madda suuraa, Getty Images

Ramaddiin Shaampiyoons Liigii kilaboota ardii Awurooppaa filatamoo 32 garee saddetitti (A-H) qoqqoodee carraan walitti fide ifoomeera.

Erga bara 2016/17tii as yeroo jalqabaaf Shaampiyoons Liigii kan taphatu Arsenaal Garee B keessatti Seviilaa, PSV fi Leens waliin ramadameera.

Seviilaan Yurooppaa Liigiitiin shaampiyoonaa ta’uu isaatiinidha kan carraa Shaampiyoons Liigii keessa galuu argate.

Shaampiyoonaa bara darbee kan ta’e Maanchester Siitiin Garee G keessatti RB Liipiziing, Reed Istaar Beelgireed fi Yaang Booyis waliin ramadameera.

Maanchester Siitiin shaampiyoonummaa isaa eegsifachuuf abdiin itti deema; garee itti ramadame kana keessaas hedduu kilabiin isa yaaddessu waan jiru hin fakkaatu.

Garee G kana keessaa Maanchester Siitiifi ramaddii Shaampiyoons Liigii Awurooppaa bara darbeetiinis RB Liipiziing waliin walitti dhufanii ture.

Gareen Peep Gaardiyoolaa kun RB Liipiziing dabalatee kilaboota garee isaatti ramadaman mo’atee darbuun seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa ta’eeera.

Ardii Awurooppaa keessatti kilaboonni maqaa guddaa qaban akka Riyaal Maadiriid warra Ispeen, Maanchester Yunaayitid warra Ingilaand, Baayer Muniik warra Jarman, Inter Milaan warra Xaaliyaan, akkasumas PSG warra Firaans waggoota dhiyoo as dorgommii guddaa kana keessatti bakka isaaniif malu dhabanii waan turaniif miilana haalaan eeggachaa jiru.

Kilaboota jajjaboo kanneen keessaa Maanchester Yunaayitid fi Baayer Muniik Garee A keessatti walitti ramadamaniiru. Isaan waliin garee A kana keessa Kopenhaagen fi Galaatasaraay ramadamaniiru.

Kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa Niiwukasil Garee F keessatti Paaris Seent Jeermen (PSG), Boorsiyaa Doortimond fi AC Miilaan waliin ramdameera.

Gareen F kana keessaa AC Miilaan si’a toorba Shaampiyoons Liigii Awurooppaa mo’achuun seenaa guddaa qaba.

Riyaal Maadiriid ammoo Garee C keessatti Naapooliitu isa eeggata. Garee kana keessa Biraagaa fi Yuuniyeen Barliin jiru.

Kilabi Ispeen Liyooneel Mesii guddise Baarseloonaan ammoo Garee H keessatti Poortoo waliin waliif ba’uuf jiru.

Garee H kana keessatti kilabiin Yukireen bara darbe shaampiyoonaa biyyattii ture ramadameera.

Ramddii Shaapmiyoons Liigii Awurooppaa 2023/24

Madda suuraa, Getty Images

Gabatee Ramaddii Shaampiyoons Liigii Awurooppaa

Garee A: Baayren Muniik, Maan Yunaayitid, Kopenhaangen, Galaatasaraay

Garee B: Arsenaal, Seviilaa, PSV, Leens

Garee C: Naappoolii, Riyaal Maadiriid, Biraagaa, Yuuniyeen Barliin

Garee D: Benefikaa, Inter Miilaan, RB Saalzibarg, Riyaal Soosidaad

Garee E: Feyenoord, Atileetikoo Maadiriid, Laaziyoo, Seltik

Garee F: PSG, Boorsiyaa Dorrtmond, AC Mailaan, Niiwukasil

Garee G: Maanchester Siitii, RB Liipiziing, Reed Istaar Beelgireed, Yaang Booyis

Garee H: Baarseloonaa, Poortoo, SHaktaar Dootesk, Rooyaal