Arsenaal Yurooppaa Liigii mo'amuunsaa sadarkaa Piriimiyeer Liigii keessatti qabu miidhaa?

Arteettaan erga gareensaa Ispoortiing Lisbaaniin mo'ameen booda yaada kenne

Ispoortiing Liizban Kamisa galgala abdii Arsenaal waancaa Yurooppaa Liigii mo'achuuf qabu dukkaneesseera.

Kilabichi dorgommii kana keessaa baafamuunsaa sadarkaa Piriimiyer Liigii keessatti qabu akkamiin qora?

Kilaboonni lameenuu tapha marsaa duraa goolii lamaan walqixa ba'anii turan, marsaa lammataa kaleessaan garuu kilabi Ispoortiing garee Piriimiyeer Liigii keessatti olaantummaa qabu- Arsenaaliin harka kennachiise.

Taphi kaleessa galgalaan kilaboonni lameenuu dhiphina guddaa keessa turan, hanga daqiiqaa idilee xumuraatti goolii lama walqixa turan.

Daqiiqaa dabalataa 30 keessattis gareen lameenuu goolii lakkoofsisuu hin dandeenye, dhumarratti rukuttaa adabbii 5 fi 4'n Arsenaal keessaa gussame.

Kasaaraa kaleessa Arsenaal mudateef kan komataman leenjisaan garichaa Mikeel Arteetaa, taphataan sarara ittisaa abdii kilabichaa ta'e Takehiiroo Toomiyaasuu taphi eegalamee daqiiqaa muraasa keessatti miidhamee dirreedhaa ba'uun garichaa guddoo miidhe jedha.

Ittisarratti lafee dugdaa Arsenaal kan ta'e Wiiliyaam Saalibaa miidhaa isarra ga'een jijjiiramee ba'uunis miidhaa kilabicha mudateedha jedha Arteettaan.

Kanarratti injifatamuun baay'ee qaanessaadha, garuu waancaa Piriimiyer Liigii garecha waggoota 20 darbaniif dheebotaa ture irratti yaada guutuun akka xiyyeeffannu nu dirqamsiisa jedhan.

Garuu kun Arteetaaf miidhaadha moo carraadha? Moo akkuma taphataan duraanii Arsenaaliif sarara ittisaa irra taphataa ture Martin Keown jedhe kilaba qabxii shaniin Piriimiyer Liigii dursaa jiruu fi hawwii waancaa sammuu keessaa qabuuf imalasaa milkeessa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marsaa duraa walqixa galanis, tapha marroo lammataa kalee galgalaan Arsenaal goolii Giraaniit Zhaakaa galcheen dursaa ture.

Garuu goolii Peedroo Gonkileev Ispoortiing Lizbaniif daqiiqaa 46ffaarratti galcheen Arsenaal dursa qabachuurraa boodatti hafe.

Rukuttaa adabbiirratti taphataan sarara fuulduraa irratti utubaa Arsenaal ta'e Gaabreel Maartineeliin hin milkaa'in hafe, kun Arteettaa hin aarsin hin hafne.

''Bakkatti olaantummaa arganne hin qabnu. Kubbaa dhiibbaa uumnee hin taphanne. Itti fufiinsaan kubbaa gataa turre. Kun qaawwaa guddaa uume. Tapha nuti taphannee hin beekneef nu saaxile,'' jedhe Arteetaan.

Arteetaan itti fufuun,''sirriitti of ilaaluu qabna, maaliif darbuu dadhabne kan jedhu. Tapha itti aansee Kiristaal Paalaas waliin qabnu irratti of ilaalla,'' jedhe.

''Taphataa miidhamaan dhabuun waan taphoota hedduurratti argaa dhufnedha, garuu irratti hojjennee keessa dabarre. Kun nu mufachiisuu mala ammallee hin obbaane, ni jira ammallee.''

Dursaan garee Arsenaal Martiin Odegaard kan xumura taphichaarratti jijjiiramee seene gareensaa qixa sirrii ta'een taphatee akka hin jirre dubbate.

Amma xiyyeeffannaansaanii Piriimiyer Liigii qofa ta'uus hime.

''Mo'amanii dorgommii keessaa baafamuun hamilee nama buusa. Garuu kan harkaa qabnu- Piriimiyer Liigii irratti xiyyeeffachuu malee filmaata biraa hin qabnu. Kan nuti gochuu dandeenyu kana qofa,'' jedhe.

''Moonees mo'amnees beekna. Wayita moonu hunduu miira gammachuun guutama, wayita mo'amnu ammoo miira sanaan suukana keenya olkaasuu qabna. Hamileen nu bu'uu hin qabu.''

Mataa gabatee Piriimiyer Liigii irraa kan gadi bu'ee hin beekne Arsenaal, dorgommii Yurooppaa Liigii kana keessaa baafamee guyyoota sadii booda Kiristaal Paalaas keessummeessa.

Miidhamuun taphattoota sarara ittisaa murteessoo Arsenaal - Saliibaa fi Toomiyaasuu, tapha kanarratti kilabicha akkaan qora jedha jifataan duraanii Ingilaand Kiriis Suutoon.

Arsenaal tapha Dilbata dhufu Kiristaal Paalaas waliin taphatu kan mo'amu yoo ta'e, halkan edaa kanaaf murteessituu akka turte namoonni duubatti deebi'anii yaaduu hin hafan jedha Suutoon.

Taphataan sarara ittisaa duraanii Arsenaal ammoo Arsenaal salphaatti hin mo'amne jedha.

''Miidhamuu taphattootaatu kana fide. Mo'amuun sun akkanumaan miti, gatii kaffaleera.''