Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ten Haag leenjisaa cimaadha'-Arteettaa
Arsanaal galgala kana gara Tiyaatir Of Diriims imaluun gahumsa gad aanaarra kan jiru Maanchistar Yunaatidiin morkata.
Arsenaal taphoota Piriimiyeer Liigii 16 darban dirree Old Tiraafoorditti godhe keessaa kan injifate tokko qofa.
Gahumsa Yunaayitiid yeroo ammaa qabu bu'uura godhachuun garuu Arsenaal sanuu garaagarummaa goolii hedduun ni injifata tilmaamni jedhu guddaadha.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa morkataasaa dhiibbaa jala jiru Ten Haagiin xiqqeessee hin ilaaluu jedhe. Qabxii Yunaayitiid bara kana galmeesseen walqabatee dhiibbaan Ten Haag akka ari'amu godhamu baatus, Arteettaan yeroon kennamuufi qabaa jedhe.
''Akka leenjisaa tokkoottii wantan yaadu qofan dubbadha. Inni leenjisaa cimaadha, gareewwansaa lamanauu Ayaaksiifi Yunaayitid nan dinqisiifadha jedhe Arteettaan waayee Ten Haag yoo gaafatamu.
''Yeroo dabalataa ni argata jedheen abdadha. Sababnisaas akka waahillan hojiitti liigii kana keessatti haalli jiru hammam jabaa akka ta'e fi fiixeewwan jiran ni beekna-Inni leenjisaa cimaa waan ta'eef yeroo barbaada''jedhe.
Leenjisaan dhalataa Ispeen ta'e kun ten Haag waan kilaba Ayaaksi keessatti hojjete waan beekuufi Yunaayitiid keessatti yaalaa jiru waan hubatuuf akka isa kabajau dubbate.
Ten Haag erga gara Yunaayitiid dhufee sekeoondii tokkoofillee gaabee akka hin beekne dubbate.
Ten Haag ammaelle koontiraatni Yunaayitid waliin gale xumuramuuf wagga tokkotu isa hafa.
Qabxiin galmeessaa jiru garuu dhiibbaan akka itti jabaatu godheera. Keessumaa Wiixata darbe Kiristaal Paalaasiin 4-0n injifatamuu booda.
Yunaayitid amma gara sadarkaa saddeettaffaatti sigigateera. Kana jechuun hirmaannaa dorgommii Awurooppaa bara dhufuu keessa hin jiraatu jechuudha.
Hiree kilabichaa gara caalu kan harka galfate Sir Jiim Raatkiliif murtee haaraa gochuuf ni qoramuu tilmaamni jedhu jira.
‘’Kilaba kanatti dhufuu koof sekondii tokkoofillee gaabbee hin beeku. Kilabni kun kilaba guddaadha. Hamma dhuftee keessa galtutti qormaatni si mudatu maal akka ta’u hin beektu. Ani garuu qormaata kana nan barbaada,’’ jedhe ten Haag.
Ten Haag bara jalqaba Yunaatidiitti makame waancaa EFL injifachuun dheebuu waancaa baroota jahaa Yunaatiditti xumura godheera.
Baruma sana xumura waancaa FA Cupf gaheera. Piriimiyeer Liigichas sadarkaa sadaffaan xumure.
Leenjisaan Ayaaksi duraanii kun bu’aan bara darbee sun ''milkaahina daangaa oliiti’’ jechuun ibse.
Bara kana kilabichi akka malee kan qabxii dhabeef sababa miidhama taphattootasaa akka ta’e dubbata.
Sarara ittisaa isaarratti miidhamni taphattootasaa mudate garee barbaadu ijaaruurratti isa rakkisuu dubbateera.
Warri leenjisicha qeeqan garuu taphoota darban sagal keessaa tokko qofa injifachuuf sababa ta’uu hin danda’uu jedhu.
Yunaayitiid torbee darbe Paalaasiin 4-0n erga injifatamee booda taphattootasaarraa deeggarsa dhabuun gabbaafameera. Ten Haag garuu kun dhugaa mitii jedheera.
''Miira garee cimaatu jira. Tapha hunda jedhamuun danda’amurratti jabaatanii falmatu. Wiixata darbe garuu Paalaasitti wanni ture akkas miti. Kanaafin aare. Taphoota kaan irratti garuu falmataniiru. Waayee kanaa shakkii tokko hin qabu’’ jedhe.