Hoggantoonni Iraan akkamiin sirna aangoorra isaan tursiisu ijaaran?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Warraaqsa bara 1979 booda gara aangootti kan dhufan hoggantoonni Iraan, waggoota 40 booda amma haala rakkisaa keessa jiru.

Haleellaan waloo US fi Israa'el hogganaa waliigalaa biyyattii kan turan Ayaatolaa Ali Kaameeniifi ajajaoota waraanaa sadarkaa olaanoo ajjeessera, bu'uraalee misoomaa ijoo ta'anis miidhera.

Biyyoonni lamaan Iraan keessatti jijjiirama mootummaa/bulchiinsaa akka barbaadan mallattoo kennaniiru, lammiileen Iraan mootummaasaanii akka fonqolchanis waamicha dhiyeessaniiru.

Haa ta'u malee bulchiinsi Iraan caasaa aangoo jabaa diriirsuusaatiin salphaatti akka hin fonqolchamne xinxaltoonni himu.

Dandamannaan bulchiinsa Iraan kun akkamiin ibsama? Biyyoota Baha Giddugaleessaa biroorraa maaliin adda ta'a?

Caasaa yoo cite deebi'ee of ijaaru

Fonqolcha sirna mootii booda Ripablikni Islaamaa Iraan adeemsa keessa sirna siyaasaa raafama siyaasaa dandamachuu danda'u ijaaruushee beektonni himu.

Kunis dhaabbilee akkaan to'ataman, barnoota yookiin leenjii yaadama siyaasaa (ideology), hariiroo cimaa angawoota gidduu jiru akkasumas qaamolee mormituu qindoomina hinqabne ofkeessaa qaba.

"Caasaa yoo cite deebi'ee of ijaaru ('Hydra-like structure') dha: mataa tokko muri, mataan haaraan deebi'ee biqila" jedhu biyya Beljiyeem, Inistitiyuutii Jio-Politiksii Awurooppaatti Qorataa Baha Giddu Galeessaa kan ta'an Sebaastiyen Buossois.

Dilbata darbes ilma Ali Kaameenii kan ta'e Mojtaabaa Kaameeniin abbaasaa bakka bu'uun biyyattii akka hogganu filameera. Sirna bulchiinsaa abbaasaa akka itti fufsiisuus eegama.

'Sirna abbaa irree hedduu'

Biyyoota naannichaa kan akka Tuuniziyaa, Gibxii fi Siiriyaa keessatti hogganoonni biyyaa fonqolchamanis Iraan garuu caasaa nageenyaashee yaadama/ilaalcha siyaasaan hogganamutti fayyadamuun raafama biyyoota biroo mudate ofirraa qolachuu akka dandeesse beektonni himu.

Iraan, sirna abbaa irree nama tokko qofaan socho'u osoo hintaanee sirna abbaa irree namoota hedduu (polydictatorship) diriirsuushee Daayrektara dhaabbata teessoosaa Tehraan godhatefi 'French Institute for Research in Iran' kan turan Bernaard Urkaad himu.

Aangoon giddugalawwan garagaraa kan akka qaamolee amantii, humnoota waraanaa fi kutaalee diinagdee gidduutti kan qoqqoodame ta'uunsaa sirni bulchiinsaa biyyattii fonqolchuuf ulfaataa akka ta'u taasiseera.

Iraan biyya abbaa irreen bultu akka taate namoonni baay'een waliigalanis, lammiileen biyyattii pirezidaantii biyyattii filachuu dabalatee filannoowwan tokko tokkorratti ni hirmaatu.

Haa ta'u malee adeemsi filannoo akkaan kan to'atamu, kaadhimamtoonnis mana maree eegduudhaan (Guardian Council) fudhatama kan argatan ta'uu qabu.

Gahee Eegdota Warraaqsaa

Waraana idilee biyyattoo cinaa kan hojjetu Gareen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) "lafee dugdaa bulchiinsa biyyattii" akka ta'e akka amanamu Urkaad himu.

Gareen kun gahee waraanaan cinatti humna siyaasaafi diinagdee guddaa akkasumas gama caasaa isaa Baasij Milishaa jedhamuun dhiibbaa uumtummaa guddaa kan qabudha.

Kana malees qaamoleen nageenyaa biyyattii hookkarawwan garagaraa keessatti tokkummaa isaanii eeggatanii turuu kan himan Boussois, kunis amanamummaa yaadama/ilaalchaarraa kan madde akka ta'e himu.

Deetaa Ministeera Ittisaa Iraan kan ta'an Rezaa Talaeinik af-gaafii dhiyeenya kana televiziyoonarratti taasisaniin itti fufiinsa Garee Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) mirkaneessuuf tokkon tokkon komaandaroota garichaaf bakka bu'ootni hanga sadarkaa sadii qophaa'uusaanii himaniiru.

Caasaalee wal-deeggarsaafi hariiroo angawoota gidduu

Harki caalmaan diinagdee Iraan dhaabbilee mootummaa walin hidhata qaban kan akka Dhaabbata Gargaarsaa Bonyad'in kan to'atamedha. Dhaabbanni kun dhaabbilee dameelee diinagdee garagaraarratti bobba'anfi kumaatamaan lakka'aman kan qabudha.

Dhaabbileen kunneen hojiileefi kontiraatota garagaraa naannolee mootummaa biyyattiif amanamoo ta'aniif raabsu.

Qoqqobbiiwwan biyyoota Lixaan kaa'aman diinagdee Iraan akkaan miidhanis walitti hidhamiinsi dhaabbilee kunneenii angawoota biyyattiif dahoo kennuun turtii sirnicha keessatti qaban akka eegsisu beektonni himu.

Sirna wal-deeggarsaafi walitti hidhamiinsaa kana yeroo ibsanis "sirnichi akkaan cimaafi muudaan tokkollee kan irraa hinmul'anedha" jedhu Boussois.

Yaadama/ilaacha amantaafi leegaasii warraaqsaa

Aangoo tursiisuu keessatti amantaanis shoora gudda qaba.

Waraaqsi Iraan dhaabbilee amantaa, siyaasaafi barnootaa biyyattii gidduutti walitti hidhamiinsa cimaa uumera.

"Caasaan waggaa dheeraa lakkoofsisefi humna cimaa qabu kun (ilaalcha amantaa, hojimaatafi bulchiinsa) sirnicha cimaa taasiseera" jedhu Boussois.

Ilaalchi amantaa madda tokkummaa, ogummaafi qacarrii ta'uun akka tajaajilus himu.

Mormitoota faffaca'an

Seenaa keessatti dhaabbileen mormituu Iraan keessaa tokkummaa kan hinqabnefi kan faffacca'anidha.

Mormitoonni kun kunneen fooyya'iinsa barbaadan, kunneen sirna mootii deeggaran, sosochiiwwan diyaaspooraa kan akka Mana Maree Mormii Iraan fi dhaabbilee sabummaa bu'ureeffachuun dhaabbatan garagaraa ofkeessaa qabu.

Qoqqoodamiinsi kunis kan ture akka ta'e UK keessatti Dhaabbata Mana Maree Awurooppaa Hariiroo Alaarratti qorattuu olaanaa dhimma imaammataa kan ta'an Eelii Geraanmaayeh himu.

Warraaqsa Iraan booda biyyattiin Iraaq waliin bara 1980'tti waraana waggoota saddeetif ture keessa seenuusheetiin yaadni dhaabbilee siyaasaa ijaaruu jedhu cinaatti dhiibamuusaas himu.

Yeroo garagarattis gareeleen yaada yookiin ilaalcha siyaasaa giddugaleessaa (kan sirna biyyattiin garaagartee qabu) tarkaanfachiisan "adda foo'amuu, fudhatama dhabsiifamuufi hidhamuusaaniis" dubbatu.

Gama biraatiin bara 2009 fi 2022 keessa mormiiwwan ciccimoon biyyattii keessatti dhoohanii turanis hooggansa giddugalaa hinqaban ture. Kana malees bulchiinsi biyyattii humna cimaan fayyadamuun mormiiwwan kunneen dandamateera.

Kana malees Iraan biyyoota naannicha sirna hordoffii amayyaa fayyadaman keessaa tokko yemmuu taatu, intarneetii yeroo yeroon cufuun, sirna hordoffii hubannoo namtolcheen deeggarame fayyadamuufi gareelee saayibarii aktivistoota biyyoota biro jiran irratti xiyyeeffatan bobbaasunis beekamti.

Of-eeggannoo ummataa

Waggoota hedduuf lammiileen Iraan bulchiinsa biyyattii fonqolchuurraa of qabuusaanii kan himtu of Geraanmaayeh, kunis fonqolchawwan mootummaa giddu seentummaa US'n Afgaanistaanfi Iraaq keessatti taasifaman bu'aa hamaa fiduusaaniitiin akka ta'e dubbatu.

Haa ta'u malee ilaalchi kun amma jijjiiramuusaa eeruun, lammiileen Iraan heddu mootummaan fedhiiwwan bu'uuraa, carraa hojiifi bishaan qulqulluu dhiyeessuu dadhabuusaa, garuummoo sagaleewwan mormii ukkaamsaa akka jiru itti dhagahamaa jechuunis himu.

Kana malees mormiiwwan ji'a Amajjii keessatti adeemsifaman irratti bulchiinsi biyyattii humna cimaa fayyadamuunsaafi namoonni kumaatamaan lakka'aman ajjeefamuunsaanii jijjiirama ilaalchaa lammiilee biyyattii saffisiisuusaas eeraniiru.

Urkaad gama isaaniitiin dhaloonni haaraan biyyattii kunneen baratanfi addunyaa waliin gama tekinoloojiin hidhata qaban bulchiinsa Iraan akka hinfudhannefi "malaammaltummaan guutame, kan nama hacuucufi hawwiisaanii gara fulduraaf faayidaa kan hinqabne' akka ta'etti akka ilaalan himu.

'Sirni kamiyyuu dhumarratti ni kufa'

Sirnoonni abbaa irree haalonni sadi yeroo guutaman akka kufan xinxaltoonni himu. Isaanis: hirmaannaa ummataa guddaa, wal-qoqqoodinsa angawoota gidduutti uumamufi ganuu humnootii nageenyaati.

Iraanis kanaan dura haalawwan sadeen keessaa isa jalqabaa qofa keessummeessitee akka beektu beektonni dubbatu.

Kufaatiin Ripablika Islaamaa Iraan kan dhiyootti mul'atu ta'uu baatus waan hin hafne akka ta'e kan himan Urkaad, "Sirni kamiyyuu dhumarratti ni kufa. Gaafiin ijoon garuu yeroo tartiiba taatewwanii beekuudha" jedhu.

Ajejefamuun Kaameenii sirnichaaf miidhaa cimaa akka ta'e kan dubbatan xiinxalaan kun, "Namni akka isaanii kan biraan hinjiraatu. Bakka isaanii kan bu'us aangoo Kaameeniin qabaachaa turan hinqabaatu" jedhu.

Haa ta'u malee Boussois immoo carraan kufaatii bulchiinsa Iraan baay'ee xiqqaa akka ta'e himu. Garuummoo yoo ta'efi giddu seentummaa waraanaa biyya biraatiin yoo raawwatame, wanti itti aanee dhufu hammaataa ta'uu akka danda'u kaasu.

Pirezidaantiin US, Tiraamp kanaan dura akkaataan US pirezidaantii Venzuweelaa Nikolaas Maaduroo itti to'atte Iraaniifis "haala gaariidha (perfect scenario)" jechuun Niw York Taayimsitti dubbatanii ture.

Haa ta'u malee Boussois gama isaaniitiin, 'Faallaan isaa uumamuu mala- akka Kooriyaa Kaabaa fi Kuubaatti kan angawootafi leellistoota sirnichaa cimsu ta'uu danda'a' jechuun himaniiru.