Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoon dahoo arbaa Baabbilee mudate lubbuu namaafi arbaa galaafachaa jira
Ji’oota muraasa darban keessa Baabbilleetti arbi namoota shan yoo ajjeesu arboonni shan ammo namaan ajjeefamaniiru.
Dawoon Arbaa Baabbilee bara 1962 hundeeffamefii iddoo jireenyaa mijataa arbootaa akkasumas bineensota bosonaa biroo ture rakkoolee itti hammaachaa dhufaniin rakkoo keessa erga galee bubbuleera.
Yeroo ji’a tokkoo keessatti arboonni dahicha keessaa shan adamoo seeraan alaatiin ajjeefamaniiru. Gama biraatiin arboonnis daangaa dawoo isaanii keessaa bahuun gara oyiruufii qe’ee jiraattota naannoo deemuun lubbuu namoota shanii galafachuunsaanii himameera.
'Eegduu dawoo bineensotaa cimoo bara kanaa' jedhamuun bara darbe keessa badhaasa idiladdunyaa kan injifatte Itti Gaafatamtuun Eegdota Dawoo Arbaa Baabbilee Fatiyaa Usmaan, “Miidhaan arbi namarraan gahufii namni arbarraan gahu baay’ee cimaadha, heddu nama yaaddessa” jechuun BBCtti himte.
Hogganaan Dawoo Arbaa Baabbilee Obbo Tashittee Osoloo gama isaaniitiin, “Yeroo ammaa arbi dawoo keessaa baqatee hawaasa keessa faca’ee jira. Kanaanis walitti bu’iinsi arbaafii namaa daran babal’atee jira” jedhaniiru.
Arboota ilkee isaaniif jecha galaafataman
Dawoon Arbaa Baabbilee ALI ji’a Onkololeessaa bara 2016 keessa arbootasaa shan harka namaan dhabe.
“Yeroo gabaabaa keessatti arbi shan nujalaa dhumeera. Arboonni kun kan du’an naannoo Somaalee aanaalee Mayyuu Muluqqee fi Baabbilee jedhaman keessatti” jedhan Obbo Tashittee Osoloo.
Dabaluunis,“Ilkee isaa baafachuuf (ajjeesan). Ilkeen isaaniillee warra adamoo seeran alaa gaggeessaniin fudhatameera. Wanti kun dagatamee ture. Ammammoo yeroo gabaabaa keessatti babal’achaa dhufee jira” jedhan.
Namoonni arboota kunneen ajjeesan to’annoo seeraa jala kan hin oolle ta’uu kan himan hogganichi, ammatti qorannoon adeemsifamee akka jirufii yeroo gabaabaa keessatti to’annoo jala akka oolaniif akka hojjetamu himaniiru.
Adamoon seeraan alaa dhabbatee turefii amma immoo bifa saffisa qabuun babal’achaa jiru isaan yaaddessuu kan himan Obbo Tashitteen, haala kanaan yoo itti fufe yeroo gabaabaa keessatti arboota heddu dhabuu akka danda’anis himaniiru.
Qubannaa seeraan alaa…
Dawoon Arbaa Baabbilee aanaalee naannoo Oromiyaafii Somaalee 10 waliin kan wal daangessu yemmuu ta’u, qubannaan seeraan alaa Arboota Baabbileetti balaa aggaame gama naannolee lamaaniinuu yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu hojjettoonni dahoo arbaa himu.
“Dawoon Arba Baabbilee bal’inni isaa iskuweer kilomeetira 6982 ture yeroo ammaa investimantiifii qubannaa seeran alaatiin haala malee qabamee jira” jedhan Obbo Tashittee Osoloo.
Kanaan dura Dawoo Arbaa Baabbileef rakkoo kan ture qubannaa seeran alaa ta’uu himuunis, “Qubannnaa seeran alaatiin lafti heddu qabamee jira. Lafti arbi bishaan irraa dhugu namoonni qubataniiru” jedhan.
“Yeroo dhiyootii as immoo lafti hektaara 200 ta’u investimantiif kennameera. Hawaasni naannoo saniillee isaan walqabatee ’qaamni mootummaatuu dhimma kana seeraan kennaa waan jiruuf nuti immoo namoonni dhalattoota asii taane, kan iddoo kana jiraannu maalif lafa kana hinfudhanne kan jedhu to’achuun baay’ee nudhibee jira” jechuunis himan.
Kanaafis arboonni dahicha keessa jiran bishaan barbaacha dahoo keessaa bahanii gara araddaawwan naannoo akka deemanfii kunis ajjeechaaf isaan saaxiluu himu. Dabalataan arboonnis qabeenya hawaasaarratti miidhaa qaqqabsiisuu dubbatan.
Yaada kana cimsuun kan dubbattu Itti Gaafatamtuun Eegdota Dawoo Arbaa Baabbilee, Fatiyaa Usmaan, “karaa aanaalee Mayyuu Mulluqqee, Miidhagaa fi Fadisitti ji’a kana keessa qabeenyafii lubbuu namaallee dabarseera” jette.
“Fakkeenyaaf ji’a darbe aanaa Mayyuutti lubbuu nama lamaa dabarsee jira. Akkasumatti aanaa Miidhagaattis lubbuu nama sadii dabarseera. Aanaa Fadisittis lubbuu nama tokkoo dabarseera” jetteerti.
Dabalataan aanaalee sadeen keessatti qabeenya hawaasaarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu kan himtu Fatiyaan, arboonni omishaalee akka lawuzii, mishingaafii firii maangoorratti miidhaa qaqqabsiisuu himteerti.
Arboonni Dawoo Arbaa Baabbilee dawoo isaanii keessaa bahanii miidhaa kana akka qaqqabsiisaniif sababa kan ta’e miidhaa dahicharra gahaa jiru ta’uu himuunis, “Hawaasni guutumaan guutuutti dahicha qabatee, bakka inni dhaabbatu, bakka inni boqotu, bakka inni jiraatu fi nyaata itti argatu karaa seeraan alaatiin irraa qubataniiru” jetteerti.
Kana malees hawaasni karaa seeran alaatiin dawoo arbaa keessatti qubate sagalee motora paampii bishaanii dabalatee sagaleewwan biroo dhageesisuun arboonni akka jeeqaman taasisuus himteerti.
‘Komii investimantii dhageettii dhabe’
Lafti hektaara 200 ta’ufii Dawoo Arba Baabbilee keessa seenamee investimantii qonnaaf kenname rakkoolee ijoo miidhama arbootaaf sababa ta’an keessaa tokko akka ta’e himameera.
Dhimma lafa investimantii qonnaaf kenname kana ilaalchisees qaamolee mootummaa sadarkaa aanaa hanga Federaalaa jiraniif xalayaa barreessanis hanga ammaatti furmaanni akka hin laatamneef
Hogganaan Dawoo Arba Baabbilee Obbo Tashittee Osoloo BBCtti himaniiru.
“Xalayaan barbaachisaa ta’e barreeffamee hanga naannootti, hanga federaalatti deemamee falli tokko osoo hin argamin hanga ammaa ‘koreen ijaaramee nidhufa’ jedhama, ‘har’aa boru’ jedhama, garuu falli osoo hinargamin hanga ammaa rarra’ee jira” jedhan.
Kanaafis arboota dahicha keessa jiran dhabuun dura qaamoleen dhimmichi ilaallatu furmaata akka itti laatan gaafataniiru.
Itti gaafatamtuun eegdota Dawoo Arbaa Baabbilee Fatiyaa Usmaan gamasheetiin, “Dawoon arbaa kabajamtee, hawaasniis irraa bahee yoo dafee furamaata argate malee, namnillee arba fixuuf ta’a, arbillee nama fixuuf ta’a. Mootummaan gadi taa’ee dafee furmaata hatattamaa yoo kennuu baate rakkoo cimaatu dhufa jedheen yaada” jechuun yaadoo qabdu himteerti.