'Yaalii ajjechaarraa' kan oolan Pirezidaantiin Somaaliyaa adda waraanaatti argaman

Hidhattoonni Al Shabaab konkolaataa Pirezidantii Somaaliyaa Hassan Sheek Mohammud magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessa boombiin haleeluuf yaalanis Pirezidantichi ooluun gabaafame.

Pirezidantichi Kibxata har'aa osoo magaalaa keessa deemaa jiranuu haleellaa boombii konkolaataa isaanii irratti xiyyeeffachuun raawwachuu gareen gareen kun beeksisuu maddi oduu Rooyitarsi gabaase.

Haata'u malee, fuulli tiiwitara pirezidantichaa kan ta'e 'Villa Somalia' ammoo Pirezidanti Hassan Sheek Mohaammud, ajajaan Olaanaa, tarkaanfii shororkeessitoota idil-addunyaa dhabamsiisuuf kaayyeffate gaggeeffamaa jiru hoogganuu fi cimsuuf adda waraanaa Aanaa Adan Yabal daawwachuu beeksiise.

Itti dabalunis, boodarra ammoo Pirezidaantichi hojii duula haaraa naannoo sanatti gaggeeffamaa jiru gamaaggamuuf hoggantoota waraanaa olaanoo waliin ni mari'atus jedhe barreeffamni kun.

Qondaaltonni olaanoo mootummaa fi waraanaa lama, Pirezidantichi haleellaa jedhame kanaan booda nagaa ta'uu isaanii Rooyitarsiitti himan.

Gorsaan pirezidantichaa Zaakaariye Huseen ammoo barreeffama toora X irratti barreessaniin, pirezidantiichi ''nagaa fi gara adda waraanaa jiraachusaanii'' barreessan.

Loltoonnii fi jiraattonni naannoo haleellaa jedhame kun itti raawwate ijaan argan ammoo konkolaataan pirezidaantichaa rukutamuu mirkaneessusaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Gaazexeessaan Rooyitars bakka sanatti argamu tokko haleellaa naannoo masaraa pirezidantichaatti raawwatameen reeffa namoota afur ajjeefaman arguutu gabaafame.

Gareen hidhattoota Al Shabaab ibsa chaanaalii Telegiraamii garee al-Qaayidaa waliin hidhata qabu irratti maxxanseen, "Qabsaa'onni keenya konkolaattota Hasan Sheek Mohaammud qabatee masaraa pirezidantii keessaa bahuudhaan gara buufata xiyyaaraatti deemaa ture irratti xiyyeeffataniiru" jedheera.

Al Shabaab Somaaliyaa keessatti haaluma qaama duula waggoota digdamman darban mootummaa kuffisuuf geggeessaa turetti yeroo garaagaraatti haleellaa kan raawwatu yoo ta'u, haleellaan Kibxata har'a kallattiidhaan Pirezidanti Hasan irratti qiyyeeffachuun yoo raawwatamu erga bara 2014 as kun kan jalqabaati.

Bara 2024tti bara Hasan Sheek Mohaammud yeroo jalqabaa aangootti dhufan osoo haasaa taasisaa jiranuu hidhattoonni hoteela isaan keessa turan irratti haleellaa raawwachuunsaanii ni yaadatama.

Haleellaa jedhame kun akkuma raawwatameen sa'aatii muraasa booda miidiyaaleen mootummaa pirezidantichi aanaa Adaan Yaabaal kan naannoo Somaaliyaa jidduugala Shaabel keessa bakka humnoonni mootummaa al Shabaab irratti torban sadan darbaniif haleellaa raawwataa jiru keessatti suuraasaanii agarsiisan.