Imala wallaansoo du'aa dhugaatii alkoolii Itoophiyaa Somaaliyaatti daldaluuf taasifamu

Namni dhugaatii alkoolii daddabarsu Guleed Diriyyee baayyee dadhabeera. Reefuuma imalasaa kan daangaa Itoophiyaa irraa kontirobaandii fe'ee Moqaadishoo gale.

Dargaggeessi ganna 29 kun, magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo, kan yeroo tokko magaalaa qarqarri galaanaa Hindiishee lafa bashannannaa ta'uun beekamtu, keessa teessoo irratti taa’eera yoo gabaasaan BBC dubbiseetti.

Moqaadishoon lola waggootaaf geggeeffameen kan miidhamteedha. kopheensaa dhukkee imalaatiin bifa jijjirateera. Haftee gammoojjiitu bifa kopheesaa jijjire.

Gabaasaan BBC wayita dubbisettis Guleen dadhabuufi halkan hirriiba malee dabarsuusaa ijasaarraa ni beekkama.

Daandii balaafamaa halkanii imaluudhaan, akkasumas buufataalee sakkata’iinsaa hidhattoota qabu keessa darbuun mi’icha akka Moqaadishoo galchu dubbata.

Kanaan dura waa’ee nama isa wajjiin kontirobaandii hojjatu garuu itti dhukaafamee rasaasaan ajjeefamee tokko yaadannoo hamaa qaba.

Somaaliyaatti dhugaatiin alkoolii dhuguunis ta’e gurguruun dhorkaadha. Haata’u malee dargaggoon kun jireenyaasa injifachuuf jecha dhugaatii alkoolii Itoophiyaarra feesisee dhoksaadhaan Moqaasishoo galcha.

Dhugaatiiwwan akka biiraa, voodkaa, araqee fakkaatan namoota akka Guleed kanneen karaa seeraan alaatiin dhugaatii galchaniin biyyattii seena.

Dargaggeess kunis daldala kana yoo raawwatu lubbuusaa balaaf saaxiluudhaan.

Gabaasaan BBC Moqaadishootti wayita Guleed dubbiseetti, guyyaadhuma inni daangaa Itoophiyaatii meeshaa kontirobaandii fe’ee Moqaadishootti deebi’e ture.

“Biyya kanatti hunduu ni carraaqa. Karaa ittiin bahus ni barbaada. Anis imalan irra deddeebiin daangaa Itoophiyaatii gara Moqaadishootti taasisuun galiin argadha’’ jechuun galii daldala kanarraa argatuun maatiisaa akka bulchu dubbata Guleen.

Somaaliyaan seera Shariyaa bu’ureeffachuun labsii baafteen dhugaatii alkoolii dhorkitulleen, fedhii namoota hedduu keessattu kan dargaggootaa daangeessuu hin dandenye.

Guleed hojii dhugaatii alkoolii dadabarsuu kanaan dura konkolaachisaa taaksii ture. Moqaadishootti baajaajiin caalaa filatamanii taaksii hojiin ala taasiifnaan Guleed rakkoon mudate. Yeroo sana ture ollaansaa Abshiir daldala kontrobaandii dhugaatii alkoolii kan barbsiise.

Jarri lamaan kunneenis ollumaa bira darbuun waahillan ijoolluummaa kaasee rakkoolee jireenya waliin dabarsaniidha.

Lamaanuu hiriyyoota ijoollummaa kan bara 2009 yeroo okorri Moqaadishoo keessatti cimee ture kaampii tokko keessatti waliin dahatanii turan. Innis nama baayyee amanuudha.

‘‘Eddoowwan inni na ergu hundattiin geessee buusaaf. Yeroosanan akka kontrobaandii dhugaatii alkoolii ta’us kanan bare’’ jedha.

Guleed isaan booda daldala kontirobaandii seeraan alaa kana keessa seene. Baadiyyaa Somaaliyaa qaxxaamuruun daangaa Itoophiyaa dhaquudhaan dhugaatii kanneen fiduu eegale.

Seera cabsaa jiraachu hubatulleen garuu iyyummaa keessa jiru injifachu filmaata biraa hin qabu jedha. Imalli kontirobaandii kan eegalu Somaaliyaatti magaaloota daangaa akka Abudiwaak, Baalaanbaalee, Ferfer fi Gaaldoob fa’i irraati.

Naannoon Somaalee Itoophiyaa Somaaliyaa waliin gara dheerina kilomeetira 1,600 ta’un daangaa waliin qooddatu.

“Ka’umsi dhugaatii alkoolii Finfinnee yoo ta’u, gara Jijigaatti ergama’’ jedha. Erga fe’amee gara naannoo Somalee seeneen booda, achiin dhoksaadhaan gara daangaa Somaaliyaatti ceesifama. Uumanni gama lachuu walitti dhufeenya sanyii, aadaa, afaaniifi amantii qabu.

Magaalaan daangaa Gaalgaadoob dhugaatii alkoolii Itoophiyaarraa karaa seeraan alaatiin dhufuuf jidduugala ta’uusheetiin baayyee miidhamteetti.

Jaarsooliin gosa naannichaa sababii dhugaatii alkoolitiin walitti bu’insawwan magaalatii keessatti irra dedebiin mudataniif yaaddoo qaban kaasu.

‘‘Alkooliin wantoota badaa kan akka walitti dhukaasuu fa’i hordofiisaa jira’’ jedhu walitti qabaan mana maree gosaa Sheek Abdallaa Mahaammad Alii.

Sababii kanaatiin yeroo hunda magaalatii balaan mudachaa jira jedhu Sheek Abdallaan. Haata’u malee daldaltoota kontirobaandii kan akka Guleed fa’iif ammoo kaayyoonsaanii dhugaaticha karaa magaalaa kanaatiin galchuudhaan Moqaadishootti dabarsudha.

‘‘Konkolaataa ataakiltii, dinnichaafi galteewwan nyaataa fe’an kaanan oofa. Haata’u malee maallaqa olaanaa kanan argadhu dhugaatii alkooliin geejiburraati’’ jedha Guleed.

Yeroo tokko tokkos dadabarsitoonni seeraan alaa kunneen dhugaatii alkoolii sana fudhachuuf gara daangaa Itoophiyaa ni seenu.

Yeroo kaan ammo daangaaarratti eeganii fudhatu.

Sababiinsaa osoo qabamanii balaansaa baayyee badiidha. ‘‘Hojii cimaan kan nama fe’uuti.

Konkolaachisaa itti gaafatamaansaa olaanaan konkolaachisuun oliitti alkoolii konkolaataa sana keessatti fe’e sirriitti dhoksuuudha. Yoo inni sirriitti dhokse malee akkasumaan haala salphaatti socho’uu hindandeenyu,’’ jedha.

“Saanduqni tokko jidduugalaan qaruuraa 12 qabata. Imala tokkoon saanduqa 50-70n geejiba. Yeroo baayyee wallakkaan konkolaataakoo dhugaatii alkoolitiin guutama’’ jedha Guleed.

Bulchiinsoonni gurguddoonni Kibbaa fi Jidduugala somaaliyaarratti to’annoon mootummaa federaalaa qabu cimaa miti ykn to’annoon ala jiru. Edoowwan kunneen kan shiftoonni, milishoonni akkasumas al-Shabaab irra jireessaan to’atuudha.

‘‘Gonkumaa qofaakee imaluu hin dandeessu. Baayyee balaafamaadha. Karaa kanaan yoo imallu yeroo hunda duutii yaada keenya keessa naananwa,’’ kan jedhu Guleed, duutii dhihoo ta’unsaa imalasaarraa isa hin dhaabne.

“Daandiirratti haleellaan sirratti banamee yoo miidhamte nama imalicha itti fufuu qabaachuu qabda. Kanneen nu waliin ta’na attamiin oofuu akka qaban, akkasumas daandwwan kan sirriitti baakaniidha’’ jedha.

Dadabarsitoonni seeraan alaa daandiiwwan dhoqqee, cirracha ykn kan waggoota 10 oliif suphaan taasifameefii hin beekne irra konkolaachisu.

Fanjiiwwan walitti bu’insawwan irra dedebii kanan dura ture irraa kan hafaniifi awwaalaman yaaddoo gara biraati.

‘‘Moqaadishoo qaqabuudhaaf yoo xinnaatee magaloota gara 10n qaxxamura. Xiyyeeffannaan keenyas magaaloota osoo hin taane keellaawwan sakata’insaa eenyu akka to’atuudha’’ jedha Guleed.

Akkasumas milishoonni gosaa daandiirratti isaan mudatanis jiru. ‘‘Milishoonni Gosaa daandii keenya yoo cufan, nu keessaa namni tokko miseensa gosaa milishoota sanaa ykn damee Gosa sanaa yoo ta’e lubbuun hafuudhaaf carraa olaanaa qabaanna. Sababii kanaatiif gosa sadi irraa taanee waliin imalla’’ jedha.

Daandiirratti haleellaawwan hedduun isa mudataniiru. Isaan keessaa garuu taatee tokkoo gonkumaa hin dagatu. Isaan waliin hojjatan keessaa inni tokko baayyee hin turre. Gargaaraasaa waggaa lamaan dura ajjeefame bakka bu’uun seene.

Ho’a gubaa keessa sa’aatii jaha erga konkolaachiseen booda boqonnaa argachuuf gargaaraansaa akka konkolaachisu gaafate.

Osoo teessuma duubarra rafee jiruu dhukaasa guddaa dhagahe irribaa ka’e. ‘’Milishootaan marfamneerra. Kan fe’es Konkolaachisaa cinaadhaa gadi jedhee bohaa ture’’ jedha.

Haleellaa kananis konkolaachisaa gargaaraan ajjeeffame. Dubbiin yoo tasgabaa’uttis waahilasaanii ajjeeffame teessoo duubaarratti fe’uun imala itti fufan.

Konkolaatichi dhiigaan dhiqame. Hanga har’aattis taateen sun sammuukootii hin banne. Hidhattootarraa erga fagaataniin boodas reeffa daandii qarqara godhan. Waan itti uwwiisan waan hin qabneef Guleed shamiizii isaa baasee itti uwwiise.

‘‘Murtee baayyee cimaa ture. Garuu konkolaataa kootti dhugaatii alkoolii fe’ee reeffa baachuu konkolaachisuu akka hin dandeenye beeka. Fuldura keenya keellaawwan sakkata’insaa muraasni turan. Kanaafuu lubbuukoo balaarra buusuu natti ta’e‘‘ jechuudhaan, hanga har’aattuu reeffa daandiirratti gateef waggaa lamaaf gaabbiin akka itti dhagahamu dubbata.

Maatiin nama ajjeeffame kanaa maal jedhu laata? Jechuun yeroo hunda of gaafata.

Dadabarsaan dhugaatii alkoolii seeraan alaa kan ta’e gaheessi wagga 41 Daahiir Baaree waggoota darban sagaliif Itoophiyaarra dhugaatii alkoolii dadabarsuun jireenyasaa gaggeessa.

Daahiir amma konkolaachisummaadhaan dhugaatii daandaarraa fiduurratti osoo hin bobba’iin dura, hoteela Moqaadishootti argamutti waardiyaa ta’un hojjataa ture.

Haata’u malee bombiiwwan konkolaataa kiyyeeffaman akkasumas balaawwan kaan bakka jirutti mindaa ji’aa doolaara 100 kanfalamuun hojjachuun itti cime. Waardiyyaan tokkoos namoota daangaarra hojjatan waliin walitti fide.

‘‘Bara 2015tti imala tokkichaan doolara 150 argadheen ture. Yeroo sanatti Alshabaab bulchiinsoota adda addaa to’achaa waan tureef caalaa balaafamaa ture’’ kan jedhu Daahiir, amma imala tokkotti doolaara 350 argata.

Yeroo Zanatti Al shabaab qofaa osoo hin taane, ‘‘shiftoonnii fi milishoonni caalaa balaafamoo turan’’ jedha. Yeroo sanatti milishoonni daandii cufuudhaan maallaqa gaafachuun kan barameedha jedha.

Hidhattoonni al shabaab ammo yoo isaan to’atan haalli caalaa hamaadha. Dhugaatii alkooliis ta’e kontirobaandii kamuu kan bira hin dabarree hidhattoonni al shabaab, osoo argatanii konkolaataa isaanii erga ibiddaan gubanii booda, namoota to’annoo jala oolchuun adabu.

Hidhattoonni kaan garuu maallaqa ykn dhugaatii alkoolitiin salphaatti bira darbuu danda’u.

Daangaa Itoophiyaatii Moqaadishoo qaqabuudhaaf jidduugalaan guyyaa torbaa hanga guyyaa sagalii itti fudhata. Erga Moqaadishoo qaqabaniin booda fe’umsicha bakka qophaa’eetti buusuuf geessu.

Erga achi gahanin booda namoonni muraasni dhaquudhaan fe’umsa nyaataa buusuudhaan konkolaataa gara biraatiin akka fudhatan dubbata Guleed.

Isaan booda ammoo namoonni biraa dhufanii yeroo tokko tokko konkolaataa biraatiin dabaalamuun saanduqoota dhugaatii alkoolii sana akka fudhatan ibsa Guleed.

Isaan booda dhugaatiin alkoolii karaa harka namoota garaa garaatiin darbuun dhumarratti daldaltoota magaalattii keessa jiran bira gaha.

Daldaltoota kanneen salphaan bilbilaan argachuun akka danda’amu dubbata. Hiriyaan Guleed Abshiir erga dadabarsa dhugaatii alkoolii kana erga dhaabee waggaa sadi guuteera.

Abshir ilma obbooleessa isaa hojii dhabeessa ture gara hojii seeraan alaatti galche. Mucaan sunis imalasaa sadaffaa irratti shiftootaan ajjeeffame. Abshiriis isaan booda hojiicha dhaabe. ‘‘Baayyee isa hin argu’’ jedha Guleed.

Ta’us ‘‘duuti carraa keenya. Sodaa akka haalan ittiin galii argadhurratti natti dhufu hin godhu. Eeyyeen yeroo tokko tokko hundumaa dhiiseen jireenya akka haaraatti eegaluun barbaada. Garuu salphaa miti. Hiyyummaan baayyee cimaadha’’ jedha Guleed.

Namoonni barreeffama kana keessatti hammataman nageenyasaaniif jecha maqaansaanii jijjirameera