Sifeenee: Barattuu qaxalee akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessite

Qormaata biyyaalessaa kutaa kudha lammaffaa baranaa qabxii olaanaa kan fidde barattuu Sifeenee Tekluu barnoota Sirna Nyaataa irratti xiyyeeffattee akka barattu himte.

Qormaata biyyaalessaa sadarkaa lammaffaa saayinsii uumamaan qabxii waliigalaa 600 keessaa 575 fiduun tokkoffaa kan taate Sifeeneen akkamiin milkaa'ina kanarra akka geesseefi waan fuulduraaf karoorfatte ilaalchisee BBC waliin turtii gootetti.

Milkaa'ina ishee kanaaf dhamaatiifi ciminashee qofa osoo hin taane, maatiinshees barnoota sadarkaa gadiirraa kaasee iddoo guddaa itti kennuun akka ishee deeggaraa fi hordofaa turan himti.

"Xinnummaa kootii kaasee maatin koo barnootarratti baay'ee ijjannoo cimaa qabu. Yeron xiqqoo ture na qo'achiisu turan. Yeron guddachaa dhufummoo akkan sirriitti barnoota koorratti xiyyeeffadhuuf na gorsu turan," jetti.

Gorsaafi deeggarsa maatinshee kennaniif bu'uura godhachuun xinnummaa kaatee barnootatti qaxalee akka taate himti.

Kutaa tokkoo hanga shanii yeroo turte sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaa, takka takka ammoo sadarkaan alas baatee, turuu kan himtu Sifeeneen, kutaa shan booda garuu sadarkaa 1ffaa namuu irraa fudhatee hin beeku.

Doktara ta'ee dhibee yaalurra dhibee ittisuuf saayinsii nyaataa barachuun fedha

Qormaata biyyaalessaa qabxii olaalaa fiduun seensa Yuunivarsiitii eeggataa kan jirtu Sifeeneen hawwiishee guddaan saayinsii nyaataa (nutrition)n barachuu akka feetu himti.

Akka isheen jettutti barattoonni qabxii guddaa galmeessun yeroo yuunivarsiitii seenan namoonni kan hawwaniif meedisiinii [saayinsii fayyaa] fa'aa akka barataniidha.

Fedhiin Sifeeneen garuu doktara fayyaa taatee nama dhukkubsate yaalurra namni nyaata sirrii nyaachun dhibeerraa akkamitti of-ittisan barsiisufi qorachuudha.

"Namni [barataan] tokko qabxii guddaa gaafa qabaatu namoonni baay'een 'meedisiinii' fa'aa akka baratu barbaadu. Namni meedisiinii baratee doktara ta'u, nama dhukkubsatee qoricha kennaniifii dhukkubsa sanarraa akka fayyu godhu.

"Nyaata irratti hojjachuun garuu dhukkubni suni jalqabayyuu akka hin uumamne gochuudha," jechjuun maaliif akka saayinsii nyaataa barachuu filatte kaasti.

Akka isheen jettutti namni tokko nyaata nyaachuu qabu adda baasee beekun nyaachudhaan dhukkuba itti dhufuu malu ittisuu akka danda'u mudannoo jireenyashee kaasun ibsiti.

Nyaata bilcheessuu akka jaalattu kan himte Sifeeneen, nyaatawwan furdinaaf ishee saaxilan hojjachuun fayyadamaa akka turteefi boodarra hubannoo argatteen nyaata kam nyaachuu akka qabduufi hin qabne adda baaftee furdina akka hir'iste himti.

"Nyaata hojjachuu baay'een jaaladhan ture; nyaanni ani hojjadhu ammoo piizzaa, laazaanyaafi waan chiizii qabu fa'aa ta'eetu na furdisaa dhufe. Ergasii booddee nyaata dhiisudhaanin of-waldhaanuu qaba ture. Garuu maal nyaachuu akkan qabuufi maal dhiisuu akkan qabu hin beekun ture.

"Isa qo'achuu gaafan jalqabu, iddoo baay'eetti waa'ee nyaataa ilaalchi nuyi qabnu akka sirrii hin taane, nyaatan furdina hir'isuu qofa osoo hin ta'in fayyaa keenyafuu baay'ee barbaachisaa akka ta'e kanan hubadhe yeroo sana," jetti.

Waa'ee nyaataafi fayyaa namaa hubannaa argataa adaduma dhuftu fedhiin barnootashee gara fuulduraas sirna nyaataa qo'achuun dhibeewwan nyaatan wal-qabatanii dhufan ittisuufi hubannoo umuratti duufaa akka dhufe kaasti Sifeeneen.

Herreega namni du'aaf sodaatu isheen 100 fidde

Yeroo heddu barattoonni gosa barnoota Herreegaa halaalumatti sodaatu. Gosa barnootaa barattoonni heddu sodaatan, Herreega, Sifeeneen 100 galmeessite.

Addumatti gosa baroota Baayolojii heddu akka jaalattu kan dubbattu Sifeeneen garuu 95 fidde.

Barnoota Herreegaa 100 fiddu keef icciitinsaa maali? Barnoota barattoonni heddu sodaatan ati akkamitti gaaffii hunda deebisuu dandeesse? jennee Sifeenee gaafanne.

Addumatti gosa barnoota Herreegaa 100 fiduus kan ishee gargare waa lama akka ta'e himti: gaaffii heddu hojjacuufi barsiisaa gaaridhaan barachuu.

"Sirriitti hojjachuuf namni tokko gochuun kan irra jiraatu [dursanii] gaaffii baay'ee hojjachuudha. Namni gaaffii sirriitti [dursee] yoo hojjatte" qormaanni yeroo dhufu salphaatti hojjachuu akka danda'u himuun, "kanaaf ani yeroo baay'ee gaaffii baay'ee hojjachaa waanan tureef isatu na gargaare," jetti.

Barsiisan gaarin akka gaaritti yoo namaa ibse Herreegni akka sodaatan akka hin taane kan himtu Sifeeneen, "barsiisan isaa [Herreegaa] gargar baasee waan hundumaa nama barsiisuu danda'a taanan, namaaf in gala" jetti.

Barattoonni qabxii gaarii galmeessuf kitaaba mootummaan kenne sirriitti yoo dubbisaniifi sana booda kitaabota biroo dabalataa yoo dubbisan gaarii akka ta'e barattoota ishee booda jiraniif dhaamti Sifeeneen.

Sababa kitaaba mootummaan kennerratti xiyyeeffachuu qaban yoo ibsitu: "Kitaaba keessan isa mootummaan kenne dursitanii yoo dubbistan baay'ee isin fayyada jedheen yaada. Gaaffin ykn qormaanni biyyaalessaa kan qophaa'u kitaaba isa mootummaan kennurraayi waan ta'eef."

Gama biraan ammoo bara kana barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa naannoo Tigraayi irraa barattoonni lama qabxii olaanaa galmeessaniiru.

Barattoonni mana baruumsa Qalaaminoo, kan magaala Maqaleetti argamuu, lama Yonaas Nigusii fi Helen Berihee kanneen qabxii olaanaa galmeessaniidha.

Yonaas qabxii 700 keessaa 675 yoo fidu, Heleen ammoo 662 galmeessite. Yoonas akkuma Sifeenee gosa barnoota Herreegaa 100 fide.