Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Waraanarraa kanan oole sababiidhaaf’-Barattoota qabxii olaanaa galmeessan Helenii fi Yonaas
Fulbaanni 9, 2024 barattoota kutaa 12ffaa qoramaniif guyyaa addaa turte.
Barattoonni baayyeen qabxii qormaatasaanii baruudhaaf bilbilaafi kompiitara qabatatanii bulan.
Ministrri Barnoota Itoophiyaa, Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Fulbaana 9, 2024 guyyaa keessa ture qabxiin qormaata kutaa 12ffaa gadhiifamuu ifa kan godhan.
Pirof. Birhaanuun ibsa isaaniitiin barattoota galmaa’an kuma 701,749 keessaa kan qoraman kuma 684 ol ta’uu beeksisan.
Itti dabaluunis, qormaata bara kanaatiin qabxiin guddaan galmaa’e 675 ta’uu himuun, barataan kana galmeesise ammoo mana barumsaa naannoo Tigraay keessatti argamu Qalaaminoo jedhamu keessaati jedhan.
Yonaas Nigusii fi Helen Berihee barattoota naannoo Mana-barumsaa Qalaaminoo magaalaa Maqaleetti argamuuti.
Yonaas qabxii 700 keessaa 675 yoo fidu, Helen ammoo 662 galmeessite.
Yonaas Nigusee
Yoonaas hanga kutaa sadeetti tokkooffaa bahaa ture. Kutaa sagaliitti garuu lammaaffa bahe.
''Gosti barnootaa baayyee jaaladhu hereegaafi Ingiliffaadha'' jedha. Afaan Ingliizii 95, hereega ammoo 100 keessaa 100 fide.
Sababii waraanaatiin waggootaa barnootarraa fagaatanii turuun cimaa akka ture hin haalamu.
''Tibba waraanaatti barnoonni hin turre. Tajaajilliwwan bu'uraas hin turre. Yeroonsaa baayyee cimaa ture,'' jedha.
Yeroo sanattis hasoosama dubbisaa ture. Maaliif yoo jettee ''waan badaa irraa fagaachuufi sammuukoof nageenya kennuuf jedheen ture'' jechuun sababasaa ibsa.
Yeroo cimaa sana jabaadhee darbuudhaaf gaheen maatiikoo salphaa hin turre kan jedhu Yoonaas, manni barnootaasaas keessatti qayyabachuuf kan mijatu ta'u dubbata.
Qabxii isaas kan karaa 'onlaayiniitiin' arge Fulbaana 4, 2024 halkan wallakkaa keessa ture. Ibsaan hin turre. Garuu bilbilliisaa baatirii qaba waan ta'ef qabxiisaa argu danda'e.
''Battalan qabxiikoo argeetti gammachu olaanaatu natti dhagahame. Gammachuun ibsuuf nama rakkisuutu natti dhagahame. Yeroon qabxiicha argeettis abbaafi haatiikoos na waliin turan. Isaanis baayyee gammadan.''
Ministirri Barnoota ibsa qabxiin qormaatichaa ifa akka ta'u ittiin himaniin, barataan qabxii olaanaa galmeessa barataa mana barnootaa Qalaamiinoo ta'u kaasaniiru. Ta'us Yoonaas shakkii xiqqoo qaba ture.
''Ministirichi qabxii olaanaan 675dha jennaan ''shakkii kun qabxiikoo ta'u mala'' jedhu natti dhagahame'' jedha seeqaa. ''Yeroon qabxii kiyya ilaaluuttis 675dha. Yeroo kanas biyyattii keessaa qabxii olaanaa ta'unsaa kan naaf gale.''
Qormaanni itti salphatee akka turee kan gaafatame Yoonaas, ''Ciminni qormaataa haaluma gosa barnootaan gargari. Gosti barnootaa tokko tokko baayyee salphaa turan, kaan ammoo baayyee cimaa turan'' jedhe.
Yoonaas icciitiin ciminsaa yaalii ta'u dubbata. Ta'us yaaliin qofaasaa gatii hin qabu jedha.
''Namoonni yoo hojjatan qabxii olaanaa ni fiu jedheen aman. Yaalii qofas osoo hin taane fedhiinis jiraachu qabaata. Lamaan jiraannaan qabxii gaariin ni dhufa.''
Hanga ammaatti Ministeera Barnootaarraa waa'ee badhaas kan dhageenye hin jiru. ''Ilma maatii galii jidduugaleessaa qabaniiti'' kan jedhu Yoonaas, abbaa daldalaafi haatii hojii hin qabne badhaasuuf waadaa seenuufii dubbata.
Namoonni baayyeen bilbilaan baga gammaddee jedhaniiniiru. Manni barnootaasaa duraa, kan ammaa, barsiiftoonni, hiriyoonni, firoonniifi ollaan akkasumas BBC bilbilasaa muddanii ture.
''Barsiiftoonni kiyya hunduu gahee mataasaanii naaf taasisaniiru. Adda fo'ee galateeffachuun natti ulfaata.''
Gara fuulduraatti saayinsii kompitaraa barachu fedha. Hawaasni kan misoomu teknolojiidhaan jedhee amana. Achuma Maqalee ykn Yunivarsitiin Finfinnee filmaata isaati.
''Carraan gara biyya alaa deemanii barachuus yoo argame nan yaala'' jedha.
Helen Barihee
Iccitiin cimina keetii maali? '‘Kennaa uumamaa natti fakkaata,’’ jetti Helen. Garuu iccitii biraas qabdi.
''Erga barachuun kiyya hin oollee maaliifan barattuu collee hin ta’u jedhee dandeettii kiyya waanan qoruufaniidha. Akka yaada kootti dhimma tokkorratti humnaafi dandeettiikee sirriitti fayyadamtee bu’aansaa gaarii miti taanaan sirrii miti jechuudha. Hedduun keenya humna keenya guutuu hin sakattaanu,’’ jette.
Kutaa tokkorraa eegaltee barattuu badhaafamtu turte. ''Barumsa onnee koorraan hordofa. Qo’adhee yoo naaf galu baayyeen gammada,’’ jetti Helen.
Fiiziksii ni jaallatti. Yerooshee gara caalu barnoota fiiziksii qo’achuurratti akka dabarsitu dubbatti. Qormaata daree barnootaa keessatti kennamurratti qabxii argattu qofatti hin quuftu.
‘’Salphaa miti. Qormaata biyyaalessaa irratti akka natti hin ulfaanneef jedheen yeroo koo gara caalu fiiziksii qo’achuuf kennaa ture. Dhumarrattis qabxiin koo gaarii ta’e.’’
Wayita isheen sadarkaa tokkoffaa baatu maatiin badhaasaa turan. Badhaasni ishee irra caalaan kitaaba. Keessattuu kitaaba kutaa itti aanuuf ta’utu bitamaaf.
''Maqaa badhaasaan waan ‘hoji manee‘ naan kennan natti fakkaata. An garuu baayyeen jaalladhan ture. Sababni isaa dubbisee gaafa naaf galu daree keessatti barnoonni kennamu natti hin ulfaatu. Kitaaba qofa miti beeki, uffannillee naaf bitama.’’
Kutaa tokkoffaarraa barattuu cimtuu ta’uun badhaafamaa guddachuunshee bu’aa kanaan akka ishee ga’e ibsiti.
Haata’u malee waraana Kaaba Itoophiyaan akka qoramte hin haalle.
''Waraanicharraa hafuun koo wayiif jedheen yaada. Ergan lubbuun hafee yoona ga‘ee ammoo carraa kana fayyadamuun qaba jedheen akka gaariitti qo’ataa ture. Qormaati osoo yeroo nagaan turetti ta’eera ta’ee silaa qabxii haga kana fiduu dhiisuun danda’a. Gidiraan dabarse na cimseera jedheen yaada.’’
Helen yeroo waraanaa sana gara caalu kitaaba asoosamaa dubbisuun dabarsite. Kun ‘''amala dubbisuu akkan hin daganne’’ na gargaareera jetti.
''Kitaabilee barnootaan walqabatan akkamiinan dubbisuu danda’a? Sababnisaa haala rakkisaa, dhiphina keessa turre. Uummata waliin dhiphatta.’’
Helen qabxii 662 nan fida jettee yaaduu baattus qabxiinshee 650 ol akka ta’u garuu tilmaamaa turte.
Jala bultii ayyaana Ashandaatti qabxii ni ibsama jedhamee jennaan hirriba dhabdee taa’aa bulte. Garuu qabxiin yeroo sana hin himamne. Boodarra Qaammee 4 akka ibsamu dhageesse, yoona kana garuu maatiisheetti hin himne.
Garaama jabaadhee eegeen qabxii arge. Kolfaa abbaa fi haadha koo wayita hirriibaa kaasu ''maal taateeti?’’ jedhanii rifatanii turan.
''Gaafan qabxii koo itti agarsiisu baayyee gammadan. Gammachuu daangaa darberraa kan ka’e osoo hin rafne bulle,'' jette.
Yuniversitiitti barnoota fayyaa- Medicine qo’achuu barbaaddi. Keessattuu ammoo barnoota waa‘ee sirna narvii qo’atu- Neurology hordofuu akkaan feeti. Fedhii kana kutaa gadiirraa qabaachaa turte.
''Daa’ima yeroon turellee fedhii akkasiin qaban ture. Fira ogeessa sirna narvii -Neurologist ta’e tokko qabna. Waa’ee Neurology odeeffannoo hedduu natti hima ture. Wal’aansi dhibee sirna narvii dhiheenya keenyatti hin argamu. Doktaroota hedduus hin qabnu. Gama kanaan namoota rakkatan waanan arguuf qaawwa kana guutuun barbaada.