Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin magaaloota adda waraanaa dowwatan

Pirezidantii Yukireen Zelenskii

Madda suuraa, UKRAINIAN PRESIDENTIAL PRESS SERVICE

Pirezidantiin Yukireen Voloodomiir Zeleniskiin magaalaawwan biyyattii gama kibbaan Raashiyaa waliin keessatti wal waraanaa jiran yeroo jalqabaatiif qaamaan argamanii daawwatan.

Pirezidaanti Zeleniskiin magaalaa waraanaan barbadoofte Maayikoliivaatti argamuun dowwachuun alattis loltoota, qondaaltoota waraanaafi ogeessoota fayyaa waliin haasa’aniiru.

Magaalota Pirezidaant Zeleniskiin daawwatan keessatti Maayikoliivaafi Odeessaan ni argamu.

Magaalonni kunneen lamaan carraaqqii waraanni Raashiyaa Bilaak Sii qabachuudhaaf jecha dhimmee lolaa jiru keessatti addatti warra irratti xiyyeeffatamanidha.

Raashiyaan erga baha Dombaas irratti xiyyeeffannaa taasifiteen booda, waraanashee magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeev irraa fageessitee jirti.

Kana hordofees, pirezidaant Zeleniskiin hoggantoota jaarmayaalee adda addaafi biyyoota biroo waliin Kiyeev keessatti idileedhan wal arguu eegalaniiru.

Haata’u malee, pirezidaantichi torbanoota muraasaan asi magaalaa bahan Yukireeniitti adda waraanaa taatee Kaariikush dabalatee naannoolee adda waraanaa ta’an dowwachuu eegalan.

Zeleniskiin magaalaa Odeessaatti haasaa loltootaaf taasisaniin, "dhimmi baayyee ijoo ta'e isin lubbuun jirtu. Isin hanga lubbuun jirtaniitti ammoo gimbiin cimaan biyya keenya eeggu ni jiraata," jedhan.

Itti dabaluunis, ‘‘gochaa olaanaa raawwataa jirtaniifi tajaajila gita hin qabneef isin galateeffachuun barbaada,’’ jedhan.

Magaalaa Maayikoliivitti ammoo Zeleniskiin loltootaaf meedaaliyaa kan kennan yoo ta’u, ‘‘Wanti qabnu tokkichi isa waan ta’ef Yukireenin tiksaa. Gochuu kan dandeessan isa qofaa waan ta’eef ofii keessanis eegaa,’’ jechuun akeekkachiisan.

Magaalattiin yeroo dheeraaf xiyyeeffannaa waraana Raashiyaa kan turte yoo taatu, rookkeettiifi madiifii cimaan itti roobaa bahe.

Magaalaan tunis magaalaa Keersoon kan baha-kibbatti argamtu irraa fageenya km100 irratti kan argamtuudha.

Keersoon erga waraanichi eegalee kaasee to’annoo waraana Raashiyaa jala kan turte yoo ta’u, amma garuu waraanni Yukireen suutaan gara sanatti imalaa jira.

Loltuu Yukireen dahoo qotame bira dhaabbate jiru

Madda suuraa, Getty Images

Torban darbe keessas qondaalli Yukireen tokko Raashiyaan imala waraana Yukireen ittisuuf riqichawwan diigaa jira jechuun dubbachunsaanii ni yaadatama.

Qondaaltoonni naannichaa akka jedhanitti, cimiinni Yukireenotaa kamuu kan hundaa’u meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa warra Lixaatiin waadaa seenameef yeroo qaqabuu irratti.