Maatii Sooriyaa: Achi buutee ijoollee keenyaa waan gaafanneef hidhamne, shororkeessitoota jedhamne

Ijoollee Haadii Mohammad
Ibsa waa'ee suuraa, Ijoolleen Haadii Mohammad haadha isaanii ulfaa waliin Hagayya 2013 irraa eegalee achi buuteen isaanii dhabameera.

Ji'a tokko erga mootummaan Bashar Al-Asaad kufeen booda, ammallee maatiin hedduun gaaffii nama jeequ tokko gaafachaa jiru: ijoollee biyyattii achi buuten isaanii dhabamte maaltu mudate?

Waraanni waliinii waggoota kurnan oliif biyyatti keessa ture - du'aa fi jeequmsa qofa osoo hin taane, jireenya daa'imman kumaatamaan lakkaa'amanii kanneen dhabaman dabalatee madaa gadi fagoo dhiise. Hedduun isaanii maatii isaanii hidhaman waliin dhabaman.

Tilmaaman, bara 2011 erga waraanni kun jalqabee daa'imman 2,000 hanga 5,000 ta'an humnaan fudhatamanii hanga yoonaa hireen isaaniis hin beekamne. Maatii isaaniif kufaatiin sirnichaa abdii guddaa kan kennu yoo ta'u, deebii barbaaduuf mana yatiima, galmee nageenyaa fi manneen hidhaa sakatta'uun tattaaffiin taasifamaa jira.

'Bashar al-Asadiif barreesseen na hidhan'.

Haadii Mohammad
Ibsa waa'ee suuraa, Haadiin haadha warraa fi ijoolleen isaa eessa akka jiran erga gaafatee booda waggaa sadii hidhame

Haadiin haadha warraa fi ijoolleen isaa eessa akka jiran erga gaafatee booda waggaa sadii hidhame.

Haadii Mohammad Firaa, ogeessi maxxansaa kan umriinsaa waggaa 45 bulchiinsa Damaasqoo Baadiyyaa keessaa jiraata. Yeroo dhumaa maatii isaa arge dubbata.

Manni isaanii aanaa yeroo sanatti marfamee ture keessatti waan argamuuf isaafi haati warraasaa ulfa ji'a sagalii turte mana adaadaa ishee magaalaa guddoo Damaasqootti akka deessuu walii galanii turan.

Hagayya 2013 ijoollee isaanii sadan - Mohammad (umrii waggaa 8), Islaam (torba) fi Youssef (sadii) waliin deemte. Isaan waliin kan deeme miseensaa milishaa kan mootummaan leejjisee hidhachiise. Haadiin booda isaanitti makamuuf karoorfate.

Boodarra qondaalli buufata sakatta'iinsaa tokko isaaf bilbilee haadhii warraa fi ijoolleen isaa nagaadhaan akka dhufan mirkaneessee, maaliif akka isaanitti hin makamne gaafate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haadiin isaanitti makamuu dhufa jedheee yaada dhiheessinaan, qondaalli kun garuu barbaachisaa akka hin taane ibsuun, bilbilli kun ''hojimaata nageenyaa [hordofuu] qofaaf'' jechuun dubbataniiru.

Ergasii Haadiin maatii isaa hin argine. Waggoota 11 oliif balbala danda'amu hunda rukutaa akka ture dubbata. Garuu hin milkoofne.

"Gara ministeera haqaa, ministeera dhimma hawaasummaa fi bulchaa Damaasqoo dhaqeen ture."

Dameewwan nageenyaa - damee naannoo, damee patroolii, damee qorannoo, fi damee nageenya biyyaalessaallee deemeera," jedha. Abdii kutatee, Pirezidaantii yeroo sanaa Asaadiifi haadha warraa isaanii Asmaafillee xalayaa barreesse.

Xalayaan kun garuu qaamolee nageenyaa aarsee hidhaan waggaa sadii akka itti murtaa'u taasiseera.

"Wanti ani barbaadu haadha warraa fi ijoolleekoo argachuu qofa akka ta'e itti himeera, garuu hojjettoota nageenyaa komachuu fi pirezidaantii fi ministeerotaaf barreessee rakkoo uumuun na himatan."

Naannoo mormii farra mootummaatiin beekamtu Idliib waliin hidhata qabachuusaa akka himu gochuuf mana hidhaa keessatti ji'oota saddeet dararaan hamaan irra gahaa ture.

Hidhamtoonni hedduun dararaa ykn dhukkubaan du'uu isaanii arguu isaa ni yaadata, kunis haadha warraasaa lubbuun akka argatu abdii akka dhabu isa taasiseera.

Haa ta'u malee ammallee ijoollee isaa sadan fi daa'ima yeroo isaan badan hin dhalatin waliin walitti makamuuf haawwii qaba.

Mana yatiima fi iccitii

Maaha Diyaab
Ibsa waa'ee suuraa, Maaha Diyaab aanga'oonni daa'imman yeroo mana yatiima fidan maqaa sobaatiin galmeessaa turan jetti

Hireen daa'imman kanaa dhoksaan haguugamee jira. Sirna Asaad jalatti ijoolleen hidhamtootaa mana yatiimaa kaa'aman, eenyummaan isaanii maqaa sobaatiin galmeefamaa ture.

Akka daayreektarri dhaabbata deeggarsa yatiima Sooriyaa Maaha Diyaaab jedhanitti, aanga'oonni dhimmicha irratti odeeffannoon akka hin kennamne mirkaneessaniiru: "Ijoolleen kun jiraachuu isaaniis akka hin akeekne guutummaatti dhorkamnee turre," jetti.

Daangeffamni kun jiraatus gareen Aadde Diyaab eenyummaa dhugaa daa'imman kanaa addaan baasanii baruuf yaalan. "Ijoolleen umuriin isaanii guddaa ta'e yeroo garii maqaa sobaa isaaniif kenname sirreessuu fi waa'ee maatii isaanii bal'inaan qoodu turan," jetti.

Erga sirnichi kufee as manneen yatiima daa'imman kudhanootaan lakkaa'aman gara maatii isaaniitti deebisan, garuu kunis daa'iman kumaatama ammallee dhabaman keessaa harka muraasa qofa bakka bu'u.

Manneen hidhaa keessattillee yeroo baayyee daa'imman maqaa fakkeessaatiin waamamaa turan, kanaaf ragaa hidhamtoota biroo irraa argamu irratti hundaa'uun adda baasuuf rakkisaadha.

Dhabamuun daa'immanii maatiin haala rakkisaa keessa galcheera, deebi'anii arguuf abdii qabaachuu ykn dhabuu isaaniif gadda qabaachuu gidduutti qabamaniiru.

Maatiin ogeessa ilkaan beekamtuu fi shaampiyoonaa cheezii duraanii Raaniyaa al-Abbaasii haala akkasii keessa jiru. Ishee fi ijoolleeshee jaha daa'ima xiqqaa dabalatee bara 2013 to'annoo jala oolaniiru. Waggaa kurnan booda firoottan isaanii achi buutee isaanii hin beekan.

Iftoomina dhabuun bu'aa yeroo dheeraa akka fidu sodaa uumeera: "Namni tokko gara fuulduraatti osoo hin beekin obboleessa yoo fuudhe hoo?" jettee gaafatti Ahlaam Yassin, obboleettiin abbaa warraa Raaniyaa.

'Akka shororkeessitootatti waan ilaalamneef gaafachuu sodaanne'.

Yaasiir Suleemaan
Ibsa waa'ee suuraa, Yaasiir Suleemaan ilma obboleessa isaa Abdulhadii Muwaafaq Suleemaan yeroo inni Ghouta irraa gara Damaasqootti ce'uuf yaale dhabe

Gariin akka Haadii karaa mootummaan ijoollee isaanii dhabaman barbaaduuf kan yaalan yoo ta'u, namoonni hedduun naannoo mormitootan to'atamanii waan jiraataniif akkas gochuu hin dandeenye.

Isaan keessaa tokko aktivistii duraanii Yaasiir Suleemaan, kan naannoo baha Damaasqoo Zamalkaa jiraatu. Waraana Sooriyaa keessatti bara 2013 hanga 2018 naannoon kun marfamtee turte.

Yaasiir seenaa ilma obboleessa isaa Abdulhadii Muwaafaq Suleemaan kan Hagayya 2013 bade irra deebi'ee dubbata.

Abdulhaadiin haleellaa qilleensaa Zamalkaa irratti raawwateen abbaa fi eessuma/adeera/abuyyaa isaa erga dhabee booda, naannoo marfame sana gadhiisee gara haadha isaa Damaasqoo deemuuf murteesse. Magaalatiin isaanrraa kiiloo meetira shan qofa fagaata.

Haa ta'u malee, achi hin geenye, eessa akka jirus hin beekamu.

Mormitoota waliin hidhata qabaachuu isaaniif maatiin akka Yaasiir deebii argachuuf aanga'oota mootummaatti dhiyaachuun akka hin dandeenye taasiseera.

"Akka shororkeessitoota nu ilaalu," jechuun sababa namoonni hedduun odeeffannoo akka hin barbaanne dhorke ibsa.

Kufaatiin sirnichaa garuu Yaasiriifi namoota akka isaaf abdii haaromsee jira.Faayiloonni nageenyaa fi sanadoonni banamuu isaaniitiin dhugaawwan yeroo dheeraaf dhokatanii turan dhumarratti bahuu akka danda'an carraan jira.

"Amantiin Waaqayyo irratti qabnu cimaadha, sanadoonni kun dhumarratti Abdulhaadiin lubbuun jira moo ajjeefame gaaffii jedhu ni hiika?" jedha.

Ibraahim Bakuur
Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsa haaraa Sooriyaa keessatti ministeera itti aanaa dhimma hawaasummaa Ibraahim Bakuur

Dhimmi ijoollee Sooriyaa achi buuten isaanii dhabaman amma ministeera dhimma hawaasummaa ilaalata. Kunis qormaata guddaa akka ta'e ministeerichi ibseera.

Ministeerri itti aanaa dhimma hawaasummaa haaraa muudaman Ibraahim Bakuur ministeerichi koree ragaa walitti qabuu fi mirkaneessu hundeessuun isaa mirkaneessaniiru. ''Kaayyoon keenya sanada guutuu walitti qabuun addunyaaf dhiyeessudha,'' jedhan Obbo Bakuur.

Namoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen Sooriyaa keessatti dhabaman kanaa hedduun isaanii hanga ammaatti du'uu fi lubbuun jiraachuun isaanii hin mirkanoofne.

Maatiin Abiir Shaabaanis deebii barbaadaa jiru.

Abiir, Jobaar - naannoo baha Damaasqoo mormitootaan qabame keessa jiraatti. Yeroon dhumaa isheen ilmashee Ahmad argite Hagayya 2013 kan haleellaa qilleensaa lubbuu namoota heddduu galaafate. Ahmad yeroo sanatti umuriin isaa waggaa 14 qofa ture.

"Guyyaa sun ijoollee hedduutti bade." Reeffa dhiiroota, dubartootaa fi daa'immanii argeera,'' jechuun yaadatti Abiir. Garuu reeffa ilma ishee hin arginine.

Rakkoon ishee ji'a jaha dura kan jalqabe, abbaan warraa ishee - kan daldala midhaanii ture - buufata sakatta'iinsa mootummaa tokkotti bade. Isaas ta'e Ahmad hanga ammaa hin argamne.

Faayila nama bade ykn humnaan fudhatamee cufuun kan danda'amu gaafa lubbuun argamu, ykn reeffi isaanii argamee du'uun isaanii mirkanaa'e qofa.

Abirii fi namoonni maatiin isaanii dhabaman hedduun gaaf tokko deebi'anii isaan waliin walitti makamuu danda'anii gaaffiin jedhu, ammaaf, deebii hin qabu.