Waa'ee ayyaanota ganamaa Oromoo bari'uu birraa himan kana beektuu?

Madda suuraa, Gammadaa Olaanaa
Oromoon bara haaraa jedhee yeroon itti kabaju wayita roobni guddaan darbee, ililliin birraa daraaruu fi malkaan taliila ta'udha jedhu ogeessonni aadaa fi seenaa Oromoo.
Waqtiin kun kutaalee Oromiyaa gaaraagaraa keessatti gargar bahuu mala jechuun ture kana dure BBCtti kan himan hayyuun aadaa fi seenaa Obbo Dirribii Damisee.
Itti dabalunis akka lakkoofsa biyyaatti Fulbaana 14-16 gidduutti haaluma ayyaantuun murteessuun ayyaana Masqalaa ykn Gubaa jedhamuun kabajama jedhan.
Ayyaanni kun ayyaana abbaan Gadaa itti hinnaa bahee ibsaa ibsee bara haaraa itti labsudha jedhu Obbo Dirribiin.
Dhiirris dubartiinis akkuma naannoo naannoo isaaniitti baratameen sirba adda addaatiin ayyaanicha bareechatanii dabarsu.
Naannoo Shawaatti warri dhiiraa ''Iyyooshee daree, daraar birraa daree'' jechaa bari'uu birraa faarsu.
Shamarranis ''Aadaabirraa yaa sherree koo qarree durbaa baalliinaadu, Kutaa koo kutaa koo, kutaa miican jirbii kuraa koo kuraa koo kuraa miidhagdittii'' jechuun uumamas, namas rabbis faarsuun galateeffatu.
Ayyana kanarratti shamarran akka ayyaana ingiccaa ykn qunnii buqqifannaa qe'ee namaarra deemanii hin sirban.
Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana bara haaraatti ilaalama jedhu obbo Dirribiin.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hiika ayyaana Masqalaa bataskaana Ortodoksii Itoophiyaatiin akka lakkoofsa biyyaatiin Fulbaana 17 kabajamu waliin waan walqabatu hin qabu, ayyaanni kun Ayyaana ganamaa Oromooti.
Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa hogbarruu fi aadaa kan ta'an Dr. Darajjee Fufaas ayyaanni bara haaraa Oromoon qabu bu'uurri isaa ''bacaqiin gannaa darbee booqaan birraa dhufuudha'' jedhu.
''Oromoon Ayyaanota ganamaa jalqabee ayyaaneffatu 27 qaba.'' Guyyaa kamirra ayyanota 27 keessaa inni kum akka kabajamu kan murteessuu warra ayyaantuuti jedhu Dr. Darajjeen.
Ayyaanonni kun Tabulaa Talbaana, Adulaa, Adulaa duraa, Ruuda, Rurruma, algaajima fa'a jedhamee maqaan kan beekamuudha. Guutuu Oromiyaatti ayyaanota maqaa walfakkaatuun kabajaman keessa kunniin adda dureedhas jedhu ogeessi kun.
Ayyaanotni ganamaa Oromoo kunniin kaan dagatamanii kaan ammoo bifa ganamaa isaanii dhabanii kan ayyaneffatamaa jiraniif ''guyyaa akkasitti kana kabaji jedhamee Oromoon waan dirqisiifameefi'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Oromoon kaan ammoo Ayyaanotuma Oromoo ganamaa kan sababa amantaatiin itti dhiise jedhu Dr. Darajjeen.
Oromiyaa keessatti bakka tokko tokkotti ayyanoonni ganamaa Oromoo akka Taaboree, Ingiccaa ykn qunnii buqqifachuu, Garanfasa/ Mucucoo, Ateetee, Irreecha, Masqala fi kanneen biroo naannolee muraasatti ammas ni kabajamu.
Ayyaanonni kunniin gariin ganni dukkanni darbee birraan bari'uuf ta'uu ayyanota akeekaniidha.
Waqtiin gannaa darbuu wajjiin walaqabatee malkaatti bu'anii irreeffachuun wantoota Oromoon aadaa isaa ganamaan bara haaraa simachuu isaa itti mul'isu keessaati jedhu Dr. Darajjeen.

Garaanfasa ykn Mucucoo
Ayyaanni kun Hagayyaa 15 fi 16 keessa ayyaana ijoollee fi shamarranii ta'ee akka jala bultii dhufaatii birraatti ilaalama. Ibsaa ibsuun ayyaaneffatama.
Ejersa ykn laaftoo muranii lafa walatajjii gosaatti dhaabuun gara galgalaa daa'imman ibsaa gubanii sirbuun ayyaanni mucucoo, Garanfasa, ykn Masqala Oromoo kabajamee oolaa jedhu Dr. Darajjeen.
Kormi ganna qotaa bahe wayita birraan bari'u gadhiifatee waan gaansuuf ,''Gaana cirrii godhi rimaa haxxee godhi'' jedhamee eebbifama.
Ayyaanni kun yeroon qotisaa darbee qotiyyoon kan itti hiikamu, Gindoon kan itti fannifamuudha.
Qunnii ykn ilillii buqqifachuu ykn Ingiccaa
Ayyaanni kun Ayyaan dubartiin hin heerumiin hiriyyoota ishee waliin marga lalisaa ykn qunnii jedhamu buqqifachuun mana ollaa fi firarra naanna'uun sirbituudha.
''Buqqisa buqqifannaa gurguddaan nurraa haa deemu xixinnaa guddifanna'' fa'a dubbarri geesse heerumuu fi kan ol adeemaa dhufan simatu.

Madda suuraa, Getty Images
Nannoo Oromoo Maccaatti shamarran kan qunnii buqqifatanii sirban ganama barii guyyaa ayyaana mucucoo akka ta'e obbo Dirribiin ni himu.
Shammarran kun mana namaarra deemanii ''hiyyoo ya daraareehoo'' jedhanii yoo sirban, mataa isaanitti dhadhaa dibamanii, itittuu dhuganii nyaataniifi eebba argatanii galu.
Bakka tokko tokkotti aadaan kun wal makaa dhufee maallaqa fudhatu malee dhadhaa dibuu fi Itittuu dhuguun hafaa jira akka obbo Dirribiin nutti himanitti.
Ayyaanni kun naannolee tokko tokkotti akka lakkoofsa biyyaatti jala bultii ayyaana bara haaraa jedhamee kabajama.












