Sirboota Aadaa Oromoo: Goobeen maali, yoomii fi eessatti sirbama?
Yeroo Goobeen dhuftu abbaan qe'ee baay'ee gammada jedhu jiraataan Godina Shawaa Kaabaa aanaa Wacaale Obbo Tasfaayee Asaffaa.
Goobeen sirba wayita birraan bari'u sirbamu yoo ta'u jechi Goobee jedhu sirbichas, dargaggoota gareen sirban waamuufis ni ta'a.
Sirbi birraa Oromiyaa bakka adda addaatti akkaa fi maqaa gargar qaba. Goobeen sirriitti kan beekamu Godina Shawaa Kaabaa ykn Salaaleetti.
Sirbi Goobee kan namootni lubbuun jiraatan barri haaraan bara nagaa akka ta'uuf ittiin wal eebbisan fi namoota du'aan boqatanii gara bara haaraatti hin ceene kan ittin mararfatanidha jedhu.
Dargaggeessi umrii wagga 28 Mangistuu Taaddasaa waggoota 13 darbaniif sirba Goobee taphateera.
"Ergaan sirba goobee keessa jiru baga waggaa haaraa geessan kan jedhu dha. Obbolaawwan wal bira jiraachuu keenya agarsiisuu fi kan lubbun isaanii darbee nu biraa dhabamanis lubbuu isaanii yaa 'maaru' kan ittin jennudha" jedha.
Gooben tapha dargaggootaati. Dargaggootni lakkoofsaan osoo hin daangeffamiin waarii loon manatti erga ol dachaasanii booda garee gareedhaan ta'anii manarra deemun Goobee taphatu.
Maanguddoo Tasfaayee Asaffaa akka jedhanitti Goobeen guyyaa ayyaana Taaboreee (Hagayya 13) daamotii ibsuudhaan akka eegalama.
Sana boodas dargaggootni kun guyyaa guyyaan ykn darbee darbee akka haalli mijaa'efitti manarra deemun Goobee sirbu. Sirbi kunis hanga jala bultii ayyaana Gubaa Fulbaana 16tti itti fufa jedhan.
Gobileho gobileho… Goobe goobaa ahaaye
Gooben geesse jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Yoo dandeesse jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Gandi gamaa eelee dhaabe… Goobe goobaa ahaaye
Sassattuu seexanni saame… Goobe goobaa ahaayee
Dureessi hin kooru jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Maalo natti hin koorini… Goobe goobaa ahaaye
Dullattin gaanfa qaratte… Goobe goobaa ahaaye
Adaraa gaafa dhalattee… Goobe goobaa ahaaye
Goba liyyu Goba liyyu… Goobe goobaa ahaaye
Dureessa sin jedha biyyu… Goobe goobaa ahaaye...walaloo sirba Goobee keessaa muraasa.
"Goobeen aadaa keenya kan abbootii keenya irraa argaa turredha" kan jedhan maanguddoo Tasfaaye Asaffaa "yeroo gooben dhufu abbaan qe'ee baay'ee gammada, abbaan warraa fi haati warraa walin gadi bahanii abaaboo fudhatanii warra goobee sirbuuf maallaqa laatu" jechuun himan.
Dargaggootni Goobe sirban irreessa marga jiidhaa harkatti qabatanii deemu.
Mana nama tokkootti Goobee taphatanii yeroo maallaqni kennamuufitti marga jiidhaa sana irraa hammaaranii laatu.

Adde Iftuu Dabalee "Goobeen sirbaan horii faarsu, mana dubartii yoo deeman dubartittii faarsu, mana abbaa warraa fi haati warraa jiran yoo deeman lachuu faarsu, daa'imas, dhaltis, qotiyyoos ni faarsu" jedhu.
Sana boodas abbaan qe'ee fi dargaggootni goobe tapahatan wal ebbisuun akka gargar bahan himu.
Nama nu kenne yaa waaqayyo kenni
Qotiyyoo cimdii yaa waaqayyo kenni
Namni nuf kenne hammami gahaa… kuunnoo hammana gaha
Dhugumaan hammami gahaa…kuunnoo hammana gahaa
Kuunnoo waaqaan dubbataa… Kuunnoo waaqaan dubbataa
Kuunnoo gaangee yaabbataa… Kuunnoo gaangee yaabbataa
Duressa koo hori hori
Dureessa koo hori hori… jedhanii gara mana itti aanutti cehu.
Adde Iftuu Dabalee "yeroo Goobeen dhufee sirbu akka dur warra keenyarraa argaa fi dhagahaa turretti waan harkaa qabnu hanga humna keenyaa ni kennina" jedhan.
Isaanis "waggaa waggaan isin yaa gahu jedhanii nu eebbisu nutis isaan ebbisna" jechuun himu adde Iftuun.
Akka tasaa yoo maallaqa of harkaa hin qabaanne warri goobee sirbu marga jiidhaa karrarra kaayanii akka deeman fi isaanis beellama qabatanii guyyaa beellamaa sanitti akka waadaa isaanitti dargaggoota goobe sirbaniif maallaqa akka laatan aadde Iftuun dubbatu.
"Yoo warri goobee sirban hafan uumaa warra keenyaa isa durii hambisan jennee baay'ee garaa nu hanqata, yeroo dhufan immoo baay'ee gammadna" jedhu aadde Iftuun.
Dargaggootni Goobee sirban maallaqa walitti qaban erga kuufatanii booda sangaa bitu. Yoo sangaa hin dandeenye hoolaa bitu.
Sana boodas "abbaan aadaa, jaarsaaf jaartiin, uummatni kaanis ni waammamu. Namootnis waan dhugaatiif ta'u kan akka farsoo fi araqee fidanii dhufu. Sangaan bitames abdaariitti qalama" jedhu maanguddo Tasfaaye Asaffaa.

Horiin ebbifamee erga qalamee boodas uummatni walitti dhufee maanguddootni "wagga waggaan isin yaa gahu" jedhanii akka eebbisan fi foollees akka taphatan maanguddoo Tasfaaye himu.
Dubartootnis:
Cilee daamaraa yaa cilee daamaraa roobe
Birraan asaasaa roobe… Jedhanii sirbu jedhan.
Taphni goobee ammallee akka taphatamu kan himan maanguddoo Tasfaayee yoo dargaggootni goobee osoo hin taphatiin hafan maanguddootni "ijoollen goobee maalif dhiisan? Maalif aadaan keenya hafe jedhanii ni gaddu" jechuun himu.
Gooben aadaa durii abaabilee fi akaakilee isaanirraa dhaalan ta'uus dubbatu.
"Ammaan boodallee goobee taphachuu itti fufna" kan jedhu dargaggoo Mangistu Taaddasaa gara fulduraattis tapha goobee quxusuuwwwan isaa akka barsiisu nutti hime.
Maalo yaa dureessa koo … Goobe goobaa ahaayee
Dureessi hin kooru jedhani… Goobe goobaa ahaayee
Maalo natti hin koorini… Goobe goobaa ahaayee
Yaa gabate yaa gabate… Goobe goobaa ahaayee
Gabatee nyaachisa looni… Goobe goobaa ahaayee
Na mamarachiisa akka looni… Goobe goobaa ahaayee
Maalo yaa dureessakoo… Goobe goobaa ahaayee
Reefun goororraa dhufe… Goobe goobaa ahaayee
Akka galaana bubbisu… Goobe goobaa ahaayee
Waaqni abbe si yaa guddisu… Goobe goobaa ahaayee...jedhee itti fufa. Horaa Bulaa!

















