Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bajata mootummaa federaalaa bara 2017 irratti hanqinni birrii bil. 350 ol mudate
Waggaa bajataa Itoophiyaa baatii Adoolessa keessa eegaluf galii mootummaan walitti qabuuf yaadeefi baasii gidduu hanqinni birrii biiliyoona 358.5 mul’atuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.
Ministeerichi hanqinni bajataa kuni mul’atus dinagdeen Itoophiyaa bara bajataa ALI Bara 2017 guddina 8.4% agarsiisa jechuun tilmaameera.
Kun kan ibsame ibsa Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa miseensota Paarlaamaa Itoophiyaaf dhiheesserratti.
Dokimantii bajata mootummaa Itoophiyaa qophaa’eefi BBC’n arge akka ibsutti bara 2017 galiin waliigalaa mootummaa federaalaa biiliyoona 612.7 akka ta’u tilmaama.
Galiin mootummaa federaalaa kuni deeggarsa alaas kan dabalatudha.
Galiin bara 2017 kuni bara 2016 walitti qabama jedhamee isa tilmaamame waliin yeroo wal bira qabamu 28.3%'n ni caala.
Galii waliigalaa keessaa birriin biiliyoona 502.04 walitti qabama jedhamee kan tilmaamame ashuuraa yookiin taaksiirraati.
Kaan galii taaksii hin taanerraa, biyyoota deeggaraniifi gargaarsa pirojektootaarraa argama jedhamee tilmaamame.
Faallaanimmoo baasiin waliigalaa mootummaa federaalaa kan bara 2017 birrii biiliyoona 971.2 dha.
Kunis baasii bajataa Bara 2016’f ragga’e waliin yeroo qabamu guddina 21.1% agarsiisa.
Bara bajataa 2017’f kan ramadame keessaa garri caalu baasii idileef ramadame. Kunis, birrii biiliyoona 451.3 dha.
Baasiiwwan kaappitaalaaf immoo bajanni qabame birrii biiliyoona 283 dha.
Deeggarsa mootummoota naannoleef birriin biiliyoona 222.69 kan qabame yoo ta’u, birriin biiliyoona 14 hafemmoo Galma Misooma Waaraaf kan ramadamedha.
Bajata idileef kan qabame keessaa 28.2% miindaa, durgoofi kaaniif kan ramadame yoo ta’u, kan hafe jechuunis 71.8% hojii raawwachiisuuf kan ramadamedha.
Baasiwwan kaappitaalaaf kan ramadame keessaa 66.1% dhimmoota 'dursi kennameef' jechuunis daandii, barnoota, qonna, jallisii, bishaan dhugaatii, fayyaafi kaanidha.
Kanaan alas pirojektii qabeenya yeroo waraanaa manca’eefi dhaabbilee bu’uuraa miidhaman suphuuf hundaa’ef birriin biiliyoona 20 ramadameera.
Haa ta’u malee, bajata galiifi baasii mootummaa gidduu hanqinni bajataa birrii biiliyoona 358.5 mul’ateera.
Hanqinni bajataa akkamiin guutama?
‘’Hanqina bajata kanaa liqii biyya keessaafi alaa argamurraa bakka buusuf karoorfameera,’’ jedha ragaan bajataa dhihaate.
Hanqina bajata mootummaa guuta jedhamee kan eegamu liqii birrii biiliyoona 325.58 biyya keessaa argama jedhamudha.
Birrii biiliyoona 32.92 immoo liqii alaarraa bakka buusuuf mootummaan yaadeera.
Ibsi bajataa paarlaamaatti dhihaate liqiin biyya keessaa karaa qaala’insa gatii hin hammeessineen akkasumas galma dinagdee tasgabbaa’a ijaaruuf yaadame simuun akka taasifamu ibsa.
Bajati dhihaate kuni waaggoota afuriif, ALI 2012 – 2015, Itoophiyaatti guddinni 6.5% galmaa’uu ibsa. Guddinni kuni waggaa dhufus akka itti fufu tilmaama.
‘’Dinagdeen waggoota darban dhiibbaa qunnamerraa dandamachuun waggaa bajataa baranaa (Bara 2016) guddina 7.9% akka galmeessu,’’ ibsi bajataa tilmaama kaa’eera.
Bara bajataa 2017 immoo dinagdeen biyyattii guddina 8.4% akka galmeessu tilmaamameera.
Mootummaan guddinni akka galmaa’u wantoota isa abdachiise keessaa ‘’misoomni jallisii babal’achuu’’ akkasumas ‘’roobi qonnaaf mijataa ta’e bakkeewwan biyyattii baay’eetti jiraachuu’’ kan jedhan eeramaniiru.
Dinagdeen Itoophiyaan waraana kaaba biyyattii tureen, walitti bu'iinsa itti fufeen, hongee, hanqina sharafa maallaqaafi liqii hin deebineen miidhameera.