Beenishaangul Gumuz: 'Matakkalitti namoota hidhattootaan butaman 10 ol keessa lama ajjeefaman, kaan gadhiifaman'

Madda suuraa, BBC
Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal aanaa Dibaaxii keessatti namootni 15 ta'an hidhattootaan butamanii achi buteen isaanii dhibee ture keessaa lama ajjeefamanii kaan gadhiifamuu miseensi maatii BBCtti himan.
Namoota lakkoofsaan 15 ta'aniifi konkolaataa fe'isaa irraa guyyaa Kamisa Bitootessa 17 ganama hidhattootaan butaman keessaa lama ajjeefamanii namni tokko akkaan madaa'ee, namootni hafan immoo gadhiifamuu miseensi maatii himan.
Obboleessi ishee konkolataa oofu Kooltee Fayyisaa jedhamu fi hiriyyaan isaa Taarikuu Fufaa ajjeefamuu dubartiin maqaa ishee nageenyaaf jecha hin ibsine BBC'f mirkaneessiteetti.
''Jalqaba namoota jaha kaleessa gadhiisani. Warra hafan ammoo galgala naannoo sa'aa 12:30 gadhiisani. Namni lama ammoo ajjeefameera,'' jette.
''Obboleessikoo Kooltee Fayyisaa fi hiriyyaan isaa ajjeefameera. Har'aa fidanii qorannoof hospitaala galchaniiru'' jette. Namootni lamaan kun rasaasaan rukutamanii ajjeefamuus dubbatte. Namni kan biraan tokkos rasaasaan rukutamee waldhaansa argachaa akka jiru himteetti.
''Dhukaasumaan rukutamani. Mucaan tokkos kaleessa rasaasaan bakka sadii rukutamee kan as seene jira.''
Jimaata darbe galgala dhimma butamuu namoota kanaa ilaalchisee bilbilaan dubbifnee kan ture bulchaan aanaa Dibaaxii Obbo Mulaalam Waqwayyaa namoonni hidhattootaan butamuu mirkaneessanii, qaamoleen nageenyaa hordoffii barbaaachisu gochiraachu BBCtti himanii ture.
''Odeeffannoon namoonni butamu sirriidha. Qaamoleen nageenyaa dhimmichi ilaallatu hordoffii gochaa jiru. Hidhattoonni kana raawwatan eenyu akka ta'aniifi warri butaman garam akka geeffaman ammatti wanti beekame hin jiru,'' jedhanii ture.
Amma namoonni lama ajjeefamanii warri kaan gadhiifamuu ilaalchisee namoota gocha kana raawwataniifi to'atamuu isaanii qulqulleeffachuuf irra deebiin bilbillus Obbo Mulaalamiin argachuu hin dandeenye.
Dura wanti mudate maal ture?
Jiraataan ganda Barbar tokko obboleessi isaa barnoota xumuree hojii barbaaddachaa jiruufi miseensonni maatii kan biroos fudhatamuu Kamisa ganama hidhattootaan butamuu BBC'tti himeera.
''Obboleessakoo wajjin walumatti nama 13 ta'a kan Kamisa ganama konkolaataa keessaa fudhataman,'' jedha.
Jiraattuun barbar kan biroon miseensotni maatii ishee Jirraa Raggaasaa, Ayyaantuu Siyyuum, Koolsee Fayyisaa, Jabeessaa Tashoome jedhamaniifi walumatti namootni 15 ta'an butamuu himte.
Namootni butaman kun ganda Giixoo jedhamurraa boqqolloo fe'anii gara ganda Barbar jedhamutti konkolaataan imalaa osoo jiranii gidduutti naannoo Bacaatii jedhamtutti fudhatamanii jedhan namni biraan akkasuma ijoolleen adaadaa isaanii jalaa butamuu himatan.
''Achii isa butaman bakki isaan bu'an osoo hin beekamiin jira. Uummatnifi qaamni nageenyaas hamma tokko barbaachuuf yaalii godhee ture homaa argachuu hin dandeenye'' jedhan.
Warra butaman keessa maanguddoo ganna 60 ta'aniifi mucaan ganna 14 akka argamaniifi walumatti barattootniifi abbootiin qabeenyaas keessatti kan argaman ta'uu namni kun himaniiru.
''Warri qabaman kun kan midhaan fe'aniifi buusani. Walumatti 15's ni jedhu 18 ni jedhu kan maqaan isaanii barreeffamee argame garuu 15'' jechuunis dubbatan.
Dubartiin miseensi maatii ishee hedduun butamuu himatte guyyaa kaleessaa bakka itti butaman jedhame dhaqanii ''adaraa seeraa ijoollee keenya maa buttan jedhanii gaafannaan deebii 'seera maaliitu jira deemaa asii''' jedhu nama naannoo san jirurraa argachuu himte.
Obboleessi isaa jalaa butamuu kan himate ammoo naannoo irraa butaman jedhame dhaqanii jiraattotni naannoofi qaamoleen achi jiran ''dhoksuuf yaalanii gariin ammoo homaa hin ta'an deemaa asii nuun jedhan'' jedha.
Warra qabaman keessaa maanguddoon ganna 60 ta'an Jimaata gara waaree gadhiifamuu kan himtu dubartiin firootni jalaa butaman ammoo ''kan bute hidhattoota Amaaraati, ijoolleerra miidhaan gaheera, caammaa irraa baasanii, harka isaanii duubatti hidhanii fuudhanii deemani" jechuun manguddoon hiikaman kun yoo dubbatan dhagahuu himte.
"Mana nama tokkoo irraa nyaata nuu kennanii nyaanneerra jedhanii'' jetti.
Namootni sabaan Oromoo ta'an kun bakka Bacaatii jedhamurraa fudhatamanii gara bakka Bishaan Adii Ykn Waraabuu jedhamuun beekamu geeffamuu maatii dubbifne keessaa tokko himaniiru.
Warri namoota kana butaniiru jedhaman hidhattoota dhalootaan Amaara ta'anifi naannicha buufatanii jiran ta'uu maatiin himaniiru.
Himannaa kanaaf ragaan dhiyeessan jiraachuu baatus bakki gochi kun itti raawwate kan dhalattootni Amaaraa baay'inaan itti qubatan ta'uu himaniiru.
Sababni maali?
Naannoo Beenishaangul keessumaa ammoo Godina Matakkal keessa waggoota darban yeroo adda addaatti haleellaa fi ajjeechaan hidhattootaan qaama hawaasaa sabaan qooduun raawwatamu irra deddeebiin gabaasamaa ture.
Guyyoota duras Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Gubaa ganda Ayisiid jedhamtutti namni harki hidhamee fayyaa ibiddaan gubachuu kan agarsiisuu viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamee mootummaanis gochi sun raawwatamuu mirkaneessee gaafatamni akka jiraatu akka godhamu ibsee ture
Ta'ii alanaa kana ilaalchisee maatii warra butamaniif sababni kun ta'eef maal ta'uu danda'a gaafii jedhu kaafnee obboleessi jalaa butamuu namni nutti hime ''barootaaf waliin jiraannus sababa kana godhaniif osoo hin bariin jirra sababuma isaa wallaalle'' jedhan.
Dubartiin dubbifne ammoo ''qomoodhumti isaanii Oromoo gatii ta'eef malee sababni biraan hin jiru. Warri butaman hundumti isaanii Oromoodha'' jetti.
Namni biraan ammoo amma duras dhalattoota Oromoo adda baasuun ajjeefamuu fi butamanii gadhifamuu himanii, hidhattoonni kun ''Matakkal Oromoofi Guumuziirraa qulquulleessu tarsiimoo jedhuun socho'u'' jedhan.
Adeemsa kanaan dubartii daa'ima reefuu deesse waliin mana keessatti gubamtee beektii jedhan namni kun.
''Waggaa kanafaa nama akka biyya keenyaatti sooressa ganda Giixoo keessa jiraatu nama Tashoome Nigus jedhamu ajjeesanii warrumti naannoo Amaaraa irraa hidhatee dhufe amma warra butan keessaa ilmi Tashoomee Nigus keessa jira'' jedhan.
Ajjeechaan tokko lamaan raawwatamaa ture amma gara ajjeechaa jumlaatti ce'aa jira jechuun rakkoon hammaachaa dhufuu komatan.
Bulchiinsi sadarkaan jiru fedha siyaasaa kanaan butamee waan jiruuf dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennaa hin jiru, amma dura sadarkaa hundatti iyyinee deebii dhabneerra jechuunis komatu namni kun.
Butamuu namoota kanaa ilaalchisee hooggansaa fi qaamolee nageenyaa waliin gara naannoo itti butamanii imaluun danda'amus ''aanga'ootni gahaaniituma bu'aa quubsaa malee deebi'an, nu gargaaruuf hedduu hin tattaafanne'' jechuun hoogganoota naannoo komatan maatiin dubbifne.
Buulchaan aanaa Dibaaxii Obbo Mulu'aalem, qaamni mootummaa hanga barbaadamu gochaa hin jiru komii jedhuuf deebii yoo kennan ''qaamni dhimmi ilaallatu hunduu jooraadhuma jira'' jechuun komichi sirrii akka hin taane dubbatan.
Haleellaafi miidhaa saba bu'uureffachuun naannichaafi kutaalee biyyattii kaan keessattis raawwataman yaadachuun nageenya maatii isaaniif yaaddoo guddoo keessa galuus maatiin BBC'tti himaniiru.
Hidhattootni namoota kana yeroo butan boqqolloo konkolaataatti fe'amee ture hin fudhanne. ''Baay'ee yaaddofnee jira nuuf galumoo hin galan jennee karaa ilaalaa jirra'' jetti dubartiin firootni hedduun jalaa butaman.
















