Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olompikii Tookiyoo: Atileet Sifaan Hasan dorgommii meetira 1,500'n sadaffaa baate
Guyyoota dura dorgommii Olompiika Tookiyoo meetira 5,000 kan injifatte atileet Sifaan Hasan dorgommii meetira 1,500 meedaaliyaa nahaasaa injifatte.
Lammiin Keeniyaa Faat Kipyeegoon kan Olompiika Riyoo warqii injifattee, dorgommii kanaan Rikoordii dorgommii Olompiikii haaraa galmeessuun injifatte.
Itoophiyaa bakka buutee kan hirmaatte Fireweeynii Gabraigzaabeer dorgommii kan afraffaa bahuun xumurte.
Atileetiin Itoophiyaa Fireewayinii G/ Igzaabiher fi dhalattuun Itoophiyaa Nezerlaandisiif fiigdu, Siifan Hasan, Olompikii Tookiyoo irratti meetira 1,500 falmii ni taasisu jedhamee eegamaa ture.
Siifana Hasan fiigicha gulaallii jalqabaa fageenya meetira 1,500 irratti kuftee ka'uun duubaa kaatee tokkoffaa bahuun marsaa itti aanuuf darbite.
Fageenya Kanaan gulaallii xumuraaf fiigdees haaluma wal fakkaatuun tokkoffaan xumurte.
Morkattuu cimtuu biraa taati jedhamtee kan eegamtu atileetii Biriiteen Laawuraa Muurii dorgommii kana lammaffaa bahuun xumurte.
Atileetiin Itoophiyaa Fireewayinii G/ Igzaabiheris dorgommii xumuraa kana gulaallii xumuraa irratti lammaffaa tahuun ture kan darbite.
Dorgommiiwwan Olompikii Tokiyoo irratti ittiin dorgomtu sadan keessaa 1,500 tokko yoo tahu meetira 5,000 fiigdee Nezerlaandiif warqee argamsiifteetti.
Siifan erga olompikii Sidinii 2,000 gaggeeffameen as atileetota Itoophiyaa fi Keeniyaan ala atileetii fiigicha meetira 5000 warqee biyya biraaf argamsiifte jalqabaas taateetti.
Siifan har'a warqee kan mo'attu yoo tahe seenaa atileet Xurunesh Dibaabaa Olompikii Beejingi irratti galmeesite dabaluu isheeti. Xurinesh Beejingi irratti meetira 5,000 fi 10,000 fiiguun injifatte.
Siifan falmii cimaan biraa ishee eeggatu meetira 10,000 yoo tahu atileetiin Itoophiyaa Latasanbat Gidey morkattuu cimtuu isheeti.
Nezerlaandis Heengiloo irratti fageenya Kanaan Siifan Hasan rikardii adunyaa yoo cabsitu Latasanbat Gidey guyyaa tokko booda rikardicha harkatti galfatte.
Latasanbat hanga ammaa Olompikii Tookiyoo irratti fagenyaa biraan hin dorgomne. Qophii cimaa taasisaa akka jiran leenjisaan isaanii himaniiru.
Siifan garuu meetira 1,500 gulaallii si'a lama, meetira 5,000 xumuraa hanga ammaa waan fiidgeef dadhabbii qabaachuu malti.
Tahus dhalattuun Itoophiyaa Nezerlaandisiif fiigdu Siifan seenaa addaa hojjechuu akka barbaaddu himteetti.
Dorgommii atileetiksii Olompiika Tookiyoo guyyaa 14'ffaan dorgommii dur atileetonni Itoophiyaa ittiin goobanan kan meetira 5,000 dorgomameera.
Dorgommii kana atileetiin Ugaandaa Rokoordii addunyaa meetira 5,000 Qananiisaa harka ture harkaa kan qabu fi dorgommii meetira 10,000'n nahaasaa kan injifate Jooshiwaa Chepteegiyee Ugaandaaf warqii injifateera.
Dhalootaan Somaaliyaa amma lammummaan Kaanaadaa ta'e Mohaammaada Amaan lammaffaa, Pool Cheliimoon kan US ammoo sadaffaa ta'uun xumuran.
Fageenya kanaan Itoophiyaa bakka bu'uun kan hirmaate atileet Milkeessaa Mangashaa sadarkaa 10ffaan xumure.
Olompiika Riyoo irratti dorgommii meetira 5000 kan mo'ate Moo Faaraan, Itoophiyaaf meedaaliyaa nahaasaa kan argamsiise Hagoos Gabrihiwootis dorgommii kanarratti hin hirmaanne.
Ugaandaan meedaaliyaa warqee lama kan meetii fi nahaasaa tokko tokko qabaachuun ammaaf aardii Afrikaa keessaa Keeniyaa ka meedaaliyaa warqee lama dabalatee meedaaliyaa jaha qabdutti aantee sadarkaa lammaffaa qabatteetti.